bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 22
Acts 22
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
«Yaa obboleeyyanii fi abbootii kiyya! Kunoo amma ittifata isiniif dhiyeessu ana dhageeffadhaa!»
2
Afaan worra Ibirootaatiin yoo dubbatu yeroo dhagayanitti, waan duraanii caalatti ni caldhisan, Phaawulos'llee dubbii isaa itti fufuun, akkana ni jedhe,
3
«Ani Kiliiqiya'atti ka argamttu magaalaa Xerseesii titti Yihudicha dhaladhe, ka guddatee garuu magaalaa Yerusaalemii kanatti. Barsiisaan kiyya'llee Gamaalyaatiin ture, Aadaa abbootii kiyyaa'llee xumuree ka baradhee fi akkuma adha isin raawwattan kana, Waaqa'llee hinaaffaa hafuuraatiin ka tajaajilu ture.
4
Worra amantii Kristaanaa horddofan mara, haga du'aa titti nama isaan ari'u ture, dhiiraa fi dubarttoota'llee hidhaa, gara nama hidhaa akka galan ni raawwata ture.
5
Kun'llee dhugaa ta'uu isaa itti gaafatamaan qeesotaatii fi yaa'iin jaarsotii marrinuu naaf ragaa ni bayan. Gonkumaa Damaasqoo ka jiran namoota kanniin hidhee gara Yerusaalemii fidu'uu fi isaan adabsiisu'uuf, xalayaa ana danddeessisu gara worra isaanii ka argamanii xalayaa barreessan, ka fudhadhee isaan irraayyi.»
6
«Ani gara Damaasqoo yoo deemuu fi gara magaalaa yoo dhiyaadhu, wolakkaa guyyaa irratti, dimmaa ifin ol aanaan samii, naannoo kiyyatti ni calaqise.
7
Yeroo sanitti lafa irratti ni kufe, ‹Saa'ol! Saa'ol! Maali'iif ana ariitan?› qoonqqa jedhu ni dhagaye.
8
Ani'llee, ‹Yaa Gooftaa! Ati eennuu?› jedheen, inni'llee, ‹ani ka ati ana ariitu, Yesusii Naazireetiiti› naan jedhe.
9
Namoonni anaan woliin turan ifa yoo arggan malee, yoo inni ana dubbisu qoonqqa isaa, hin dhageenne.
10
Ani'llee, ‹Yaa Gooftaa! Maal haa raawwadhu?› jedhe. Gooftaan'llee, ‹ka'iitii gara Damaasqoo deemi, wonitti raawwachuu qabddu marinuu, achitti sitti ni himama› naan jedhe.
11
Calaqisuu ifaa irraa kan ka'een arguu waan dadhabeef, namoonni ana woliin turan harka qabanii ana eemaraa, gara Damaasqoo ana ni geessan.»
12
«Achi'llee nama Ananiiyaas jedhamu tokkotu jira ture, naminni kun'llee Yihudota Damaasqoo jiraatan mara birattuu ka galateeffame, Seera kabajaa fi nama hafuurayaa ture.»
13
Inni gara kiyya dhufee ana bira dhabateeti, obboleessa kiyya yaa Saa'ol! ijji tee deebitee si haa argitu naan jedhe, limsatuma sanitti ijji kiyya naaf ni laale, isaan'llee ni argge.
14
Inni'llee akkana naan jedhe, Waaqinni abbootii teennaa fedhii isaa akka beekitu qulqullicha akka argituu fi qoonqqa isaa'llee akka dhageettuuf, durssee si filatee jira.
15
Kana'llee ka raawwateef waan isa argitee fi waan isa dhageeffateef nama mara duratti'llee, ragaa isaa akka taatuuf.
16
Eegaa amma maal eegidda? ka'iitii maqaa isaa waamu'uun cuuphami, cubbuu kee irraa'llee miicadhu.
17
«Kanaan duubatti gara Yerusaalemii deebi'ee Mana Sagadaa titti yeroo kadhadhutti, yaada hafuuraatiin liqimffamee, muldhata ni argge.
18
Gooftaan'llee natti mulidhatee, ‹ragummaa ati waayee kiyyaaf kennitu waan sirraa hin fudhanneef, uduu hin turin dadafaan Yerusaalemiin keessaa bayi!› naan jedhe.
19
Ani'llee akkana jedheen, ‹yaa Gooftaa! Bakka wolgayi'ii mara deema'aa, worra sitti amanan maraa akka hidhee fi akka isaan dhaane, isaan mataan isaaniituu ni beekan.
20
Isxifaanosiin ragaa kee ture yeroo ajjeefametti, ani ajjeefttota bira dhaabadhee isaan woliin ni jira ture, uffata isaanii'llee ni eega ture›
21
Gooftaan'llee, ‹gara worra fagoo jiranii gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee waan si erguuf ka'iitii deemi!› naan jedhe.»
22
Hagana kana ummanni marrinuu haasaya Phaawulosii ni dhageeffatan ture, kanaan duubatti qoonqqa isaanii ol fudhatanii, «Naminni akkanaa kun arddii irraa haa dhabamisiifamu! naminni akkanaa kun lubbu'uun jiraachuu hin qabu!» jedha'aa ni iyyan.
23
Isaan iyya'aa uffata isaan'llee hargufa'aatii fi biyyee gara sami'ii ol ni bittinneessan ture.
24
Ajajaan'llee yeroo kana argge Phaawulosiin gara mooraa lolttootaa titti akka galchaniin ni ajaje, ummanni'llee isa irratti maaliif hagana mara akka iyyu beeku'uuf, dhaanamaa akka qoratamu ni ajaje.
25
Garuu teephaan hidhanii dhaanu'uuf yeroo qophaayantti, ajajaa dhibbaa ka Phaawulos bira dhaabatee jiruun, «Nama lamummaa worra Roomaa qabu tokko murttii malee isa dhaanu'uuf, isinii eeyyamamee jiraa ree?» ni jedheen.
26
Ajajaan dhibbaa'llee kana yeroo dhagayetti gara ajajaa woraanaa dhaqee, «Maal raawwachu'uuf? Naminni kun lammii worra Rooma'aatii bee!» ni jedheen.
27
Kanaaf ajajaan gara Phaawulosii dhiyaateeti, «Mee natti himi, ati lammii Roomaatii moo?» jedheen, Inni'llee «Ee,» jedheen.
28
Ajajaan'llee, «Ani lamummaa kana ka bite, qarshii baay'een» jedhe, Phaawulos'llee, «Ani garuu lamummaa Roomaatii dhaladhee jira,» jedhe.
29
Kanaaf namoonni isa qorachuuf qophaayanii jiran sunniin, bakkumatti isa irraa ni fagaatan, ajajaan'llee nama lammii Roomaa ta'e tokko birbiraataan hidhuu isaa yeroo hubattetti, haalaan ni sodaate.
30
Barsiisaa ajajaan, Yihudonni Phaawulosiin ka ittiin himatan sababaan sirrii ta'e maal akka ta'e beeku'uuf ni barbaade, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi misseensota yaa'ii'ii marrinuu, akka wolitti qabaman ni ajaje, Phaawulosiin'llee hidhaana isaatii hiikee fideeti, isaan duranatti ni dhiyeesseen.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28