bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 26
Acts 26
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 27 →
1
Agriiphaan Phaawulosiin, «Waayee mataa keetii akka dubbattu siif eeyyamamee jira» jedheen, Phaawulos'llee harka hiixateeti akkana jechuun, deebii isaa ka ittisaa ni kenne.
2
«Yaa nugusa Agriiphaa! Waan Yihudonni ittiin ana himatan maraanuu adha si duranatti, deebii kiyya ka ittisaa yoo kennu haalaan ana gammachiisa.
3
Keessummaanuu ati naamusa Yihudotaa Kristosiitiif mormmii maraa midhaastee waan beekituuf, kanaaf obissaan akka ana dhageeffattuuf si ni kadhadha.»
4
«Ijoollummaa kiyyaa kaasee attamitti akka jiraadhe ni beekan, jalqabumaa kaasee ummata kiyya jiddu'uu fi Yerusaalemitti'llee jireenna kiyya ka jiraadhe ni beekan.
5
Dabalee'llee ragaa bayuu yoo fedhan, amantii keennaan worra haalaan jabeessan keessaa kutaa ta'e, ta'ee akka jiraadhe, jalqabumaa kaasanii ni beekan.
6
Amma garuu murti'iif asi ka dhaabadhe, waayee dubbii waadaa abddii, ka Waaqinni abbootii keennaaf kenneetiin.
7
Gara abddii kanaa gayuuf gosoonni keenna kudha lamaan, Waaqa halkanii fi guyyaa waaqeffataa ni eeggataniin ture, Yaa Nugusa! Ani'llee Yihudotaan ka ittiin himatameef, waayee abddii kanaatiif.
8
Waaqinni du'oota ka kaasu ta'uun isaa, waayee maaliif isin biratti ka hin amanaminne ta'e?»
9
«Ani mataan kiyyaa maqaa Yesusii Naazireetii, waan haga dandda'eetiin mormmuu qaba jedhee, ni yaada ture.
10
Yerusaalemtti'llee ka raawwate kanuma ture, itti gaafatamoota qeesotaa irraa aangoo fudhadheen amanttoota keessaa baay'eewwan gara mana hidha'aa titti akka galan taasisee jira, isaan yoo ajjeesan'llee, ajjeefttota isaaniitiin wolii galee jira.
11
Yeroo baay'ee'llee bakka wolgayii titti akka adabamanii fi Gooftaa irraatti jecha arrabaa akka dubbatan, isaan ni dirqissiisan ture, isaan irratti'llee haalaan dalanee garuma magaalota biyya alaa'llee bayee, isaan ni ari'a ture.»
12
«Waayema kanaaf itti gaafatamoota qeesotaa irraa, aangoo guutu'uu fi ajaja fudhadhee gara Damaasqoo ni deema ture.
13
Yaa nugusa! Karaa irra uduu jiru, guyyaa wolakkaa yoo ta'u, ifa aduu caalaa ni arge, ifin kun'llee anaa fi naannoo namoota anaan woliin deemanii titti, samii ni ife.
14
Marri keennaa lafa irratti kufnnee uduu jirru afaan worra Yihudotaatiin, ‹Saa'ol, Saa'ol! maali'iif ana ariitan? Qara bilayaa irra yoo dhaabatte mataa kee ni miita› qooniqqa jedhu, ni dhagaye.»
15
Ani'llee, yaa Gooftaa! Ati eennuu? ni jedhe, Gooftaan'llee akkana naan ni jedhe, ani ka ati ana ariitu Yesus.
16
Amma garuu ka'iitii miila keetiin dhaabadhu, ani ka sitti muldhadheef ija amma nana argiteenii fi ufi durana'llee waan ani sitti muldhisuun tajaajilaa fi ragaa akka naaf taatuuf, si muuduuf barbaadeeti.
17
Ummata Israa'eeliitii fi gara isaa'llee ka si ergu ummata Waaqa dhuga'aa hin amannee harkaa'llee si ni fayyisa.
18
Ija isaanii akka isaanii banttuu fi dukkana keessaa gara ifaa titti akka isaan baafttuuf, bulchiinsa sheexanaa jalaa'llee gara Waaqaa titti akka isaan deebifttuuf si ni taasisa, isaan'llee sababa anatti amanuu isaaniitiin dhiifama cubbuu ni argatan, worra filataman jiddu'utti'llee qabiyyee ni qoodaman.
19
«Kanaaf yaa Nugusa Agriiphaa! Muldhata samii naa kennameef, didaa hin taane.
20
Garuu durssee namoonni Damaasqoo jiran itti aanssee'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa'llee ka jiran marrinuu, akkuma kana ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee dabalatee, gara Waaqaa akka deebi'aniif isaan ni barsiise, gara Waaqaa deebi'uu isaanii'llee waan mulidhisu akka raawwataniif isaan ni barsiise.
21
Waayee kanaan Yihudonni Mana Waaqeffana'aa uduu jiru ana qabanii, ana ajjeesuuf ni yaalan.
22
Haga guyyaa adhaa titti garggaarssi Waaqaa ana irraa hin fooyaminne, kanaaf diqqa'aa fi gudda'a'llee ragaa baya'aa asi ni dhaabadha, Nabiyyoonnii fi Museen durssanii akkana ni ta'a ka jedhan dubbachu'uun alatti, ka bira'aa womaayyuu hin dubbanne.
23
Isaan ka dubbatan, ‹Masihichi rakkina ni fudhata, du'aa ka'uun'llee ka jalqabaa ta'ee ifa fayyinnaa ummata Israa'eeliitii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ni ibisa› jedhaniiti.»
24
Phaawulos kana dubbataa uduu jiru Fiisxoos, «Yaa Phaawulos! Amma dhugamaanuu maraattee jirta, baayi'ee barachuun kee gara maraatu'uutiin si gayee jira!» jechuun, iyyee ni dubbate.
25
Phaawulos garuu akkana jechuun ni deebise, «Yaa haalaan kabajamaa ka taate Fesxoos! Waan dhugaallessaa fi sirrii ta'e dubbadha malee, hin maraanne.
26
Nugufnni isa duranatti ifaan dubbadhe, waan kana ni beekan. Kun waan dhossaan raawwatame waan hin ta'iniif, nugusichi akka ana gargaaru ni beeka.
27
Yaa nugusa Agriiphaa! Nabiyyootatti ni amanittaa mitii? Akka amanittu ni beeka!»
28
Agriiphaan'llee Phaawulosiin, akkana ni jedheen, «Ati yeroma gabaabaa kana keessatti Kristaana ana taasisu'uufii bee!» ni jedheen.
29
Phaawulos'llee, «Yeroo gabaabdutti ta'ee yookiin yeroo dheeratti, si qofa uduu hin ta'in adha worri haasaya kiyya kana dhagayan marrinuu, hidhaana kiyya kanaa achitti, akkuma kiyya akka ta'aniif, Waaqa ni kadhadha» jedhe.
30
Kanaan duubatti nugusichi, bulichaa fi Berniiqeen, namoonni isaan woliin ta'anii jiran turan marri'llee, ni ka'an.
31
Achii'llee bayanii yoo deeman, «Naminni kun du'aaf yookiin hidhaanaaf waan isa gayu, woma tokkoo hin taasfnne» woliin jedhan.
32
Agriiphaan'llee Fesxoosiin, «Naminni kun gara Nugusa Roomaa naa haagalu jechuu uduu dhabaatee, bilisaan gad ni dhiifama ture» jedhe.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28