bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 16
Acts 16
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
1
Phaawulos gara Darbee fi Lisxiraa ni deeme, Lisxiraa'llee nama Ximotewos jedhamu amanaa tokkotu jiraata ture, haati isaa'llee Kristaana Yihudittii turtte, abbaan garuu Giriikicha hin amanne ture.
2
Ximotewos obboleeyyan Lisxiraa fi Iqoniiyumiin jiran biratti, maqaa mishaa qaba ture.
3
Phaawulos'llee Ximotewosiin fudhatee deemuu waan barbaadeef karaa Yihudota bakka san ni jiran turaniitiin akka gadoomu ni taasisan, kana'llee ka raawwate inni abbaan Ximotewosii Giriikicha ta'uu isaa ni beekan waan tureef, waayee isaatiif jedhaniiti.
4
Phaawulosii fi Siilaas magaalaa mara keessan yoo dabrran, ergamittoota Yerusaalemiin jiranii fi jaarsoti'iin danbbii murttaaye amantootatti ni beekisisan turan, hujii irra akka oolichaniif'llee isaan ni yaadachiisan ture.
5
Kanaaf woldayoonni amanitiin ni jabaatan, laakkofssi isaanii'llee guyyama guyyaan, dabalaa ni deema ture.
6
Phaawulos fi Siilaas Isiya'atti dubbii Waaqaa akka hin dubbanneef Hafuurri Qulqulluun waan isaan dhoogeef, biyya Firigiyaa fi Galaatiyaa, dabrranii ni deeman.
7
Gara daangaa biyya Misiyaa yeroo gayanitti, gara biyya Bitaaniyaa deemuuf yaadanii turan, garuu Hafuurri Yesusii garasi akka deemaniif isaanii hin eeyyamnne.
8
Kanaaf karaa Miisiya'aatiin dabrranii, gara Xro'aasiitiin ni deeman.
9
Achi'llee Halkaniin naminni Maqedooniya tokko dhaabatee, «Gara Maqedooniyaa ce'iitii nu gargaari!» jedhaa yoo isa kadhatu, Phaawulos muldhataan ni arge.
10
Phaawulos muldhata kana eega argeen duubatti, bakkumatti gara Maqedooniyaa deemuuf ni barbaanne, kun'llee ka ta'eef namoota Maqedooniyaa tiif'llee, wongeela akka barsiifnnuuf, Gooftaan akka nu waame waan hubanneef.
11
Xro'aas doonii yaabannee qajeelumaan gara Samotraaqee ni deemnne, guyyaa itti aanutti'llee gara Naaphulee ni deemnne.
12
Achii'llee kaanee gara Filiphisiiyuus ni geenne, Filiphisiiyuus magaalaa ol aanttuu Maqedooniyatti argamttuu fi biyya bittamittuu Roomaa turtte, magaalaa tanatti'llee guyyaa muraasa ni dabarsine.
13
Bakka guyyaa Sanbbataa kadhanna'aaf itti wolgayan ture gara bakka magaalaa keessaa bayinsa titti argamu gara laga biraa deeminnee, achi'llee ni teennee dubarttoota wolgayan' dubbii Waaqaa ni barssiifnne.
14
Dubarttoota nu dhageeffatan turan keessaa'llee takka, dhalattuu magaalaa Tiyaaxiroon ka taate, daldalttuu uffata diimaa, dubarttii Liidiyaa jedhamttu takka ni turtte, Isiin'llee dubarttii Waaqaaf sagaddu ni turtte, Gooftaan'llee onnee waan isii baneef, waan Phaawulos dubbatu ni dhageeffatti ture,
15
isi'ii fi namoonni mana isii jiran marrinuu eega cuuphamaniin duubatti, «Goofta'aatti ka amane ta'uu kiyya eega naa mirkaneessitan, gara mana kiyyaa koota'aatii taa'aa» jechuun, cimssitee isaan ni kadhatte.
16
Guyyaa tokko gara bakka waaqeffanna'aa yoo deemnnu dubarttiin tajaajilttuun hafuurri battiin irra bule ka waan ufi durana ta'u dubbachiisuun takka, karaa irratti nu ni argatte, dubarttiin tun'llee raaga isi'ii ka falfalaatiin worra isii bulchaniif bu'aa baayi'ee isaanii ni argamissiiftti ture.
17
Isiin'llee Phaawulosii fi nu'llee horddofaa, «Namoonni kunniin tajaajiltoota Waaqa jiraata'aati! Isaan'llee waayee karaa fayyinnaa, isinitti ni himan!» jechuun ni iyyiti ture.
18
Kana'llee guyyaa baay'ee irra dedeebi'aa ni raawwatti ture, Phaawulos garuu dallaneet ufi irra garagalee hafuura battiin, «Maqaa Yesus Kristositiin isii keessaa akka baatuuf si ajaja!» jedhe. Hafuurri battiin'llee bakkumatti ni baye.
19
Bulchitoonni isii abddii faayidaa ittiin argatan akka isaan jalaa addaan cite yeroo arganitti, Phaawulosii fi Siilaasiin ni qaban, harkisaa'llee gara bakka yaa'ii'ii isaan fidaniiti, muudamttoota duranatti isaan ni dhiyeessan.
20
Gara aangoo qabeeyyii worra Roomaa'llee isaan fidaniiti akkana ni jedhan, «Namoonni kunniin worra Yihudotaati, magaalaa keennatti'llee jeeqama ni kaasan,
21
nu'u lammiiwwan Roomaa fudhachuuf yookiin raawwatamu'uuf waan hin eeyyamin, naamusa ni barsiisan.»
22
Ummanni marrinuu wolii galanii isaan irratti ni ka'e. Namoonni aangoo qaban'llee, uffata Phaawulosii fi Siilaasiin irraa mulqanii, uleen akka dhaanaman ni ajajan.
23
Baay'ee eega isaan dhaananiin duubatti'llee, gara mana hidhaa isaan ni galchan, wordiyyaan mana hidhaa'llee ciminnaan akka isaan eeguuf ni ajajame.
24
Wordiyyichi'llee ajaja kana eega fudhateen duubatti, gara kutaa mana hidhaa keessa isaan ni aseensise, miila isaanii'llee gudeelchaa fi gudeelcha jidduu aseensisee isaan ni hidhe.
25
Gara halkan qixxee titti, Phaawulosii fi Siilaas kadhannaa fi faarssaan Waaqa ni galateeffatan ture, hidhamttoonni kuunniin'llee, isaan ni dhageeffatan ture.
26
Dimmaa hunddeen mana hidhaa haga socho'utti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, balballan mana hidha'aa marrinuu yeroma tokkoon ni banaman, birbiraanni hidhamttoota tokko tokkootuu harka isaanii irraa ni hiikkame.
27
Woriddiyyichi'llee hirriba isaatii dammaqee, balballan mana hidhaa banamanii yeroo argetti, hidhamttoonni waan jalaa badan itti fakkaatee, ufi ajjeesuuf billaya ni luqqifate.
28
Phaawulos garuu, «Marri keennaa asi ni jirra! Kanaaf mataa kee irra miidhaa hin geessin!» jechuun, qonqqa ol aanttu'uun ni iyye.
29
Yeroo kana woriddiyyichi ibisaa fichisiisee, fiigaa gara keessaa ni aseene, hollataa'llee, miila Phaawulosii fi Siilaasii jalatti, kallachaan ni jige.
30
Gara alaa'llee isaan baaseeti, «Yaa goofttota kiyya! Fayyuuf maal raawwachuu ana barbaachisa?» isaaniin jedhe.
31
Isaan'llee, «Gooftaa Yesusitti amani, ni fayyita, maatiin kee'llee ni fayyan» isaan jedhan.
32
Dubbii Gooftaan'llee isaa fi worra mana isaa jiran maratti'llee ni dubbatan.
33
Saa'aatima sanitti halkaniin wordiyyichi mana hidha'aa isaan fuudhateeti madaa isaanii ni miiceef, bakkumatti isaa fi maatiin isaa marrinuu ni cuuphaman.
34
Kanaan duubatti Phaawulosii fi Siilaasiin gara mana isaa isaan fudhatee, nyaata isaanii ni dhiyeesse, Waaqatti'llee waan amaneef, maatii isaa mara woliin ni gammade.
35
Yeroo bari'etti'llee namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, «Namoonni sunniin gad haa dhiifaman» jedhanii, poolisota ni ergan.
36
Wordiyyaan mana hidha'aa'llee, «Isin akka gad dhiifamittaniif namoonni aangoo qaban nama erganii jiraniitii, eegaa bayaa'aatii nagayaan deemaa» jechuun, Phaawulostti ni dubbate.
37
Phaawulos garuu, «Nu'u lammiiwwan Roomaa uduu taanu, murtii malee yaa'itti dhaananii, gara mana hidhaa nu galchanii jiran. Amma ammoo mana hidhaatii dhossaan akka baanu ni taasisan? Hin ta'u! Isaan mataan isaanii dhufanii nu haa baasan!» jechuun ni deebise.
38
Poolisonni'llee waan kana namoota aangoo qabanitti ni dubbatan, kanaaf worri aangoo qaban sunniin'llee, Phaawulosii fi Siilaas lammiiwwan biyya Roomaa ta'uu isaanii yeroo beekanitti, ni sodaatan.
39
Kanaaf dhufanii dhiifama isaan gaafataniiti, mana hidhaatii isaan ni baasan, magaalaa'llee akka deemaniif isaan ni kadhatan.
40
Phaawulosii fi Siilaas'llee mana hidhaatii bayanii, gara mana Liidiyaa ni galan, achitti'llee obboleeyyan argatanii, isaan jajabeessanii magaalattii dhiisanii ni deeman.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28