bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 10
Matthew 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Jennaan Yesus jara isaa kudhanii lamaanuu walti yaamee, akka jinnii nama keessaa baasanii, fayyadhabaa fi dhukkuba cufaa fayyisan jabeenna kenneef.
2
Maqaan ergamtoota kudhanii lamaanii armaan jala jira, ka qaraa, Simoon ka Phexros jedhanii fi obbooleessa isaa Indriiyas; Yaaqoobii fi obbooleessa isaa Yoh. aannis, ilmaan Zabdewos;
3
Filiphos fi Bartolomewos; Toomaasii fi Maatewos ka qaraxa guuru; Yaaqoob ilma Alfayoo fi Taadewos;
4
Simoon, nama lafa ufii jabeessuu fi Yihudaa ka Keriyot, ka Yesus gurgure.
5
Jara kudhanii lamaan kana Yesus ergee, “Lafa gosa dhibii yokaan dira gosa Samaariyaa hinseeninaa.
6
Ammoo gara hooliyyee baddee ta gosa Israa'el dhaqaa.
7
Yaa'aa, ‘Mootummaan Waaqaa ya dhi'aatte’ jedhaa, namatti himaa.
8
Nama dhukkuba qabu fayyisaa, ka du'eellee kaassaa, ka qomaaxaa qabuullee fayyisaa, jinniillee nama keessaa baasaa. Gatii malee isanii kennaanii isaniilleen gatii malee namaa kennaa.
9
Warqii fi qarshii yokaan beessee dhibii hinfudhatinaa;
10
kareerisafaa, ubbaara dhibiifaa, kopheefaa, uleellee hinfudhatinaa. Hojjattootii waan maleef argachuu malte.
11
Ollaa fi dira ka seentaniifuu, nama dansaa barbaadaa, haga yaatanitti isa waliin taa'a.
12
Akkuma namatti olduudaniin nagaa fuudhaa eebbisaa.
13
Yo namii sun dansaa ta'e, nageennii keessan ha itti dhufuu; ammoo yo namii sun isan jalaa dide, nageennii keessan ha isanitti deebi'uu.
14
Yo namii isan hinfuudhanne, yokaan dubbii teessan hincaqamne, yo mana sun yokaan dira sun keessaa yaatan, awwaara miila keessan irraa dhadhaadhaa.
15
Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, laftii Sodoomii fi Gomoraa guyyaa muraa dira sun irra goomti” jedhe.
16
Yesus itti dabalee, “Kunnoo, anin akka ilmoolee hooliyyee jidduu ya'itti isan erga; tanaaf akka bofaa qaroo ta'aa, akka sabaliisaa nagaan taa'aa!
17
Nama eegadhaa! Isan qabanii koraatti isan geessan; ammallee manneen waldeennaa keessatti isan dhaanan.
18
Mar. roo tiyyaaf hayyootaa fi jaallaboota duratti isan geessan, akka warraa fi gosa dhibiillee duratti dhugeesitan.
19
Yo qorsummaa isan yaaman, waan dubbatanii fi waan jettan hinherreginaa; waan isan jettan yoma sun isanitti himanii.
20
Hafuura Abbaa keessanitti isan keessaa dubbata malee namii dubbatu isaniiniti,
21
obbooleessii obbooleessa ufii du'atti geessa; abbaan ilma ufii akkasuma tolcha; ijoolleelleen abbootii fi haawwan ufii akkasuma tolchiti.
22
Mar. roo tiyyaaf namii cuftii isan jibba. Namii haga muummee obsu ammoo inbaafama.
23
Yo dira tokko keessatti isan gaargalchan, ka itti aanuutti baqadhaa! Dhugumaa, anin isanitti himaa adoo ilmii namaa hindhumnee dira Israa'el cufa dandeettanii hinqixeesitan.”
24
“Namii wa baratu nama isa barsiisu irra hinjiru; yokaan hojjattuun abbaa ufii irra hinjirtu.
25
Namii wa baratu, yo akkuma nama isa barsiisee ta'ee yokaan garbichiilleen yo akka abbaa ufii ta'e ya taateef. Yo abbaa warraatiin, ‘Bi'e'izebul’ jedhan, warra manaa maqaa hagas irra hamaatiin yaaman” jedhe.
26
Yesus, “Tanaaf hinsodaatinaa; wantii daboolan ta daboolaa irraa hinbuqimne hinjirtuu; yokaan wantii dhossaan ta hinmullanne hinjirtu.
27
Waan anin dukkana keessatti isanitti himu ibsee keessatti dubbadhaa; ammallee waan hasaasan ka dhageettan fiixee manaa gubbatti lallabaa.
28
Nama nafa ijjeesee lubbuu ammoo homaa tolchuu hindandeenne hinsodaatinaa nama ammoo nafaa fi lubbuu ibidda keessa buusuu danda'u sodaadhaa!
29
Cuquliisa lama beessee tokkootti gurguraniiyyuu? Ammoo yo Abbaan keessan fedhe malee, tokkoolleen lafa hinbu'u.
30
Rifeensa mataa keessaniillee cufa yaayyuu hedan.
31
Tanaaf hinsodaatinaa! Isan cuquliisa irra jirtanii” jedhe.
32
Yesus, “Nama nama duratti naa dhugeessu cufa aniilleen Abbaa Waaqaa gubbaa duratti indhugeessaaf.
33
Ammoo ka nama duratti na mormatu cufa anilleen Abbaa kiyya ka Waaqaa gubbaa duratti hinmormadha” jedhe.
34
Yesus ammallee dubbatee, “Waan anin nagaa lafaan dhufuu dhufe hinse'inaa; anin nagaa lafaan dhufuu hindhumnee ammoo goraadee lafaan dhufuu dhufe.
35
Anin ilmaa fi abbaa walti naqaa dhufe, intalaa fi haadhaallee; niitii ilmaatii fi haadha isaallee;
36
warruma namatti nyaapha namaa ta'a.”
37
“Namii abbaa fi haadha ufii narra jaalatu naa hinmalle, ammallee namii ilmaan ufii narra jaalatu naa hinmalle.
38
Namii fannoo ufii fudhatee na gula hindeemne naa hinmalle.
39
Namii lubbuu ufii qorqorachuu fedhu hindhaba; namii ammoo lubbuu ufii naa jedhee, balleessu inargata” jedhe.
40
Yesus, “Namii isan dhi'eessu, na dhi'eessa; namii na dhi'eessu nama na erge dhi'eessa.
41
Namii raaga Waaqaa, marroo innii raaga ta'eef dhi'eessu, akka raagaa galata argata. Ammallee, namii nama qajeelaa, marroo innii nama qajeelaa ta'eef dhi'eessu, akka nama qajeelaa galata argata.
42
Hubadhaa, namii marroo innii na gula deemuuf ijoollee didiqqoo tana tokko bisaan gurraachaallee obaasee, galata ufii hindhabu” jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28