bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 11
Matthew 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
1
Yesus eegii barsiisa jara ufii kudhanii lamaanii hobbaase, achii ka'ee dira lafa sunii keessatti nama barsiisuuf dubbii himuu dhaqe.
2
Yoh. aannis adoo mana hidhaansaa keessa jiruu, waan hujii Kiristoo dhaga'ee jennaan jara ufii Yesusitti ergee,
3
“Namii indhufa jedhan si moo ka dhibii eenna?” jedhee gaafate.
4
Yesus ammoo deebisee, “Beenaa, waan gartanii, dhageettan Yoh. aannisitti himaa!
5
Ballaan lafa arga, naafii indeema, namii qomaaxaa qabu inqulqullaa, duudaan indhagaa, reeffii inka'a, oduu dansaa hiyyeeyyiitti haasa'an.
6
Namii diqoollee na indhaareeffanne ka badhaadhe jedhan” isan jedhe.
7
Warrii kaan yaanaan, Yesus waan Yoh. aannisii biyyatti dubbatee, “Lafa gammoojjii keessa maan daawachuu dhaxxan? Illaadduu qilleensii taphsiisuu?
8
Warra wayaa mimmidhaadduu uyyifatu daawachuu dhaxxanii? Warrii wayaa mimmidhaadduu uyyifatu mana hayyootaa keessa tataa.
9
Maaf alaatti yaatan ree? Raaga daawachuu dhaxxanii? Ee'ee ammoo waan raagaan oli goddoo ya gartan.
10
Namii kunin ka waan isaa akkana barreessan, ‘Kunnoo, anin ergamaa kiyya si dura erga, akka karaa si duratti midhaassu’ ” ya jedhe.
11
“Dhugumaan isaniin jedhaa, namii garaa nadheenii keessaa bu'e tokkoolleen ka Yoh. aannisii nama cuuphuu irra jiru hinjiru. Ammoo namii mootummaa gubbaa keessaa nama cufa irra diqqaa isa irra jira.
12
Haga bara Yoh. aannisii nama cuuphuutii haga ardhaa mootummaa gubbaa ya hadhan warrii irree qabu irreen hadha.
13
Raagota cufaa fi seeriilleen haga Yoh. aannisii nama cuuphuu callaa wa hime.
14
Yo silaa dhugeefatani, Eliyaasiin dhufansa isaa himan kaan kunoo Yoh. aannisi kana.
15
Yo gurra qabaattan dhagaa” jedheen.
16
“Dhaloota kana ammoo maanitti akeeka? Akka ijoollee gabaya keessa teteettee jaalan ufii yaamtee,
17
‘Nu dibbee isanii dhoomnee, isan ammoo sirbuu diddan; nu iyyinaan isan boo'uu diddan!’ jettu fakkaata.
18
Yoh. aannis nyaatee dhuguu hindhumnee, isan amooo ‘Innii jinnii qaba’ jettan.
19
Ilmii namaa nyaatee dhuguu dhufe, waan jedhan ammoo ‘Kunin sabdii fi nama farsoo dhugu, jaala nama qaraxa guuruutii fi warra cubboolleetti jedhan’ taatullee qalbii Waaqaa dhugaa, waan isiin tolchituun beekan” jedhe.
20
Jennaan Yesus warra dira qaraa innii keessatti waan mamaa tolche kaan, waan warrii cubbuu irraa deebi'uu dideef, wallaala itti muree,
21
“Sii wayya ya Koraazi! sii wayya ya Betsayidaa! adoo silaa waan mamaa ta isan keessatti tolchan Xiiroosii fi Sidoon keessatti durii tolchanii, warrii ardhaakalee bututtuu naqatee daaraa dibatee, cubbuu ufii inhimatin!
22
Anin ammoo isanitti himaa, guyyaa muraa Waaqii isan irra warra xiiroosii fi ka Sidoonittii na'a.
23
Qifirnaahom, atin ammoo waan gubbaa oldeemtu ufi seetaa? Fulaa ekeraa si buusan. Yo silaa waan mamaa ka si keessatti tolchan Sodoomaa keessatti tolchan, dirii sun haga ardhaa injira.”
24
“Anin ammoo sitti himaa, ‘Guyyaa muummee dirii Sodoomaa sirra gooma’ jedhe.
25
Yo sun Yesus, ‘Anin galata sii deebisa, ee'ee aabboo, abbaa lafaa fi gubbaa, waan atin waan kana warra qalbii qabuu fi warra wa barate dhossitee ijoollee didiqqootti mullifteef.’ ”
26
“Ee'ee aabboo tunin feedhii teeti.
27
Aabboon waan cufaa ya harka kiyyatti kenne; abbaa malee namii ilma beeku hinjiruammallee ilmaa fi nama innii itti mullisuu fedhu malee namii abbaa beeku hinjiru” jedhe.
28
Yesus, “Namii dadhabee fi ka ba'aan itti ulfaateelleen cuftii gara kiyya koottaa; anin isan boqoochiisaa.
29
Qambara kiyya keeyyadhaa, narraa baradhaa, anin nama laanaa, ka mataa hinguddifane; duuba boqota argattanii.
30
Qambarii kiyya sablaa, ba'aan tiyyaalleen hin ulfaattu” jedhe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28