bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 21
Matthew 21
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Yerusaalemitti dhi'annaan Betfaagee, fulaa Gaara Ejersaa jedhan dhufan. Achitti Yesus dhaamsa kanaan jara ufii lama erge,
2
“Ollaa nu duraa sun dhaqaa, harree bukura isii waliin mukatti hidhan gartanii, hiikaa nattiin koottaa!
3
Yo namii tokkoolleen wa isaniin jedhee, ‘Mootichaatti barbaada’ jedhaa, innii hurriseetti ergaa!” jedheen.
4
Tun akka wantii raagii jedhe, guutamtuuf taati;
5
“Dira Xiyoonitiin, hayyuun kee sitti dhufuu jira, innii nama laanaa, harree yaabata, innii bukura harree irra taa'ee si dhufa jedhan” jedhe.
6
Jarii sun deemee waan Yesus jedheen tolche,
7
harree fi bukura isiilleen dhufe, wayaa ufii rara tolchanii, Yesus yaabbate.
8
Gumiin guddoon wayaa ufii karaa keessatti aftee, namii garii ammoo damee mukaa ciree karaa irra harcaase.
9
Gumiin Yesus dura yaatuu fi ta duuba yaatu iyyitee, “Ilmii Daawiti ha guddifamuu! Ka maqaa Aabbootiin dhufu ha eebbifamuu! Waaqaa guddaa gubbaa ha guddisaanii!” jette.
10
Yesus Yerusaalem seennaan dirii cuftii walti ka'ee, “Kunin eennu?” jedhan.
11
Gumiin taan, “Innii raaga Yesus jedhan ka Naazireetii Galiilaa keessaa dhufe” jette.
12
Yesus mana Waaqaa olseenee, warra keessatti wa bitaatuu fi ka wa gurguratuullee cufa hadhee, xereepheessaa warra beesee jijirutii fi barcumaa warra sabaliisa gurguruu cufa garagalchee,
13
“Barreesii qulqulloo keessatti, ‘Mana kiyya mana kadhaa’ jedhanii yaaman; isan ammoo goda hattuu tolchitan” jedhe.
14
Naafaa ballaan cuftii mana Waaqaa keessatti isatti dhufee, innii warra fayyise.
15
Qaallolee gugurdoo fi barsiisotii seeraa, waan dansaa innii tolche argitee, ijoollee mana Waaqaa keessatti iyyitee, “Ilmii Daawiti ha guddifamuu” jettu dhageennaan dallante.
16
Warrii Yesusiin, “Waan warrii jedhu dhageettaa?” jennaan innii, “Indhagaa jedhee, barreessii keessatti jecha, ‘Isan ya ijoollee fi daa'immaan akka warrii galataa deebisu barsiiftan’ jedhu takka hindubbimnee ree?” jedhe.
17
Yesus warra biraa deemee, Bitaaniyaa dhaqee achi bule.
18
Yesus diirama lameessoo, adoo diraatti deebi'uu jiruu beela'e.
19
Odaa tokko dhaattu karaatti argee jennaan dhaqee, baala malee homaa irraa dhabee, “Itti deebitee midhaan hindhalin” jedheen. Yoma sun mukii kaan goggoge.
20
Jarii isaa waan kana argee jennaan mamee, “Odaan eessaa akkana hurrisee goggoge?” jedhanii walgaafatan.
21
Yesus deebisee, “Dhugumaa, waan anin isaniin jedhu, isan yo dhugeeffattanii waljajjii keessa hinjirre, dandeettanii waan anin mukaa odaa kana tolche intolchitan. Tana callaanii, ammoo yo gaara kanaalleen, ‘Ka'ii, galaana keessa bu'i’ jettan, duuba intaati.
22
Yo dhugeeffattan waan kadhattan cufa inargattan” jedheen.
23
Yesus mana Waaqaa olseenee, adoo nama barsiisuu, qaalloolee gugurdoo fi jarii gugurdaan Yihudii isatti dhufee, “Atin jabeenna kamiin waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?” jedheen.
24
Yesusiileen, “Anilleen gaafii tokkoo isan gaafadhaa, yo isan naa deebiftan, anilleen jabeenna waan kana tolchuun isanitti hima.
25
Cuuphaan Yoh. aannis eessaa dhufte? Waaqaa biraa dhufte moo nama biraa dhufte?” jedhee gaafate. Warrii walmormee, “Maan jenna? Yo nu Waaqaa biraa dhufte jennee innii, ‘Maaf Yoh. aannis hindhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha.
26
Yo nu nama biraa dhufte jenne, waan namii cuftii Yoh. aannis raaga se'uuf nu biyya sodaanna” jedhan.
27
Tanaaf warrii Yesusiin, “Nu hinbeennu” jedhe. Inniilleen warraan, “Yoos anilleen jabeenna waan kanaan tolchu isanitti hinhimu” jedheen.
28
“Isan maal seetan? Nama ilmaan lama qabuutti jira. Innii gara hangafaa dhaqee, ‘Ardha oobruu Waynii dhaqii keessa hojjadhu’ jedheen.
29
Gurbaan kaan, ‘Anin hindeemu’ jedhee ammoo eegee herrega ufii jijiratee ka'ee deeme.
30
Abbaan gara ilma mandhichaa dhaqee akkasuma jedheenii innii, ‘Aabboo, eejedhe indhaqaa’ jedhee ammoo dhaqu dide.
31
Warra kana lamaan eentu fedhii abbaa ufii guute? jedheen. Jennaan ‘Angafticha’ ” jedhaniin. Yesus ammoo warraan, “Warrii shaarmuxaatii fi warrii qaraxa guuru isan duratti Mootummaa Waaqaa argata.
32
Yoh. aannisiin nama cuuphu dhufee karaa qajeelumaa isan garsiisee, isan ammoo dhugeeffachu diddanii, warrii qaraxaa guuruu fi warrii sharmuxiilleen isa dhugeeffate. Eegii waan kana gartaniillee, qalbii teessan garagalchitanii isa dhugeeffachuu diddan” jedheen.
33
Mammaassa tokko dhibii caqasaa. “Abbaa oobruu tokkoo jira ka oobruu Waynii oobratee, dallaan marsee, fulaa Waynii itti cacarasanii fi doofii oobruu jaarrate. Oobruu ufii harka namatti lakkisee, himaltuu dhaqe.
34
Yo'ii Waynii muran geennaan, akka qooda midhaanii argatu hojjatoota ufii ergee,
35
jarii oobruu qorqoraatu kaan hojjatoota sun qaqqabee, tokko dha'ee, tokko ijjeesee, tokko mataa dhodhoose.
36
Ammallee abbaan oobruu kaan hojjatoota dhibii ta haga qaraa irra jirtu itti erge, ammallee jarii oobruu qorqoraatu kaan akkasuma warra tolche.
37
‘Ilma kiyya hinuma sodaatan’ jedhee, muummee irratti, ilma ufii erge.
38
Warrii oobruu qorqoraatu kaan ammoo ilma arginaan, ‘Ilmii abbaa oobruu kanaa koottaa in ijjeemnaa, duuba dhaala cufa infudhanaa’ Waliin jedhan.
39
Duuba isa qabanii, oobruu keessaa baasanii ijjeesan.”
40
“Tanaaf abbaan oobruu, yo dhufu, maan warra oobruu qorqoraatu kana tolcha seetan?” jedhee gaafate.
41
Warrii, “Innii dhugumaa warra dabaa sun fixeetti, oobruu nama dhibiitti kenna, ka yo fulaan qooda midhaanii, geette isaa kennu” jedhan.
42
Yesus deebi'ee warraan, “Isan waan barreesiin qulqulloon jettu takka hindubbimnee? ‘Dhakachii ijaartuun tuffattee dide ya dhakaa cufa irra jabaa ta'e; Aabbootti waan kana tolche, ila teenna duratti wantii kun waan mamaa’ ” jedhe.
43
Tanaaf anin isanitti himaa, “Mootummaa Waaqaa isan irraa fuudhaniitti warra midhaan dansaa baasuutti kennaan.
44
Namii dhakaa kana gubbaatti jige inbututa, dhakaalleen yo nama gubbaa bu'e nama butucha” isaaniin jedhe.
45
Qaallolee gugurdoo fi Fariisootii mammaassa Yesus dhageennaan, akka innii waan warraa dubbate hubattee
46
isa qabuu fedhanii, ammoo gumii Yesus raaga seete taan sodaatan.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28