bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 27
Matthew 27
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
1
Ganama qaalloolee gugurdoo fi jaarroleen Yihudii akka Yesus ijjeeftu walmari'atte;
2
haada sibiilatiin hidhanii, fuudhanii harka hayyuu Philaaxositti kennaan.
3
Yihudaan ka Yesus dabarsee kenne, akka Yesus ijeechaa itti muran arginaan, gabba'ee, horii qaallolee gugurdoo fi jaarroleetti deebisee,
4
“Anin ya cubbuu hojjadhee, nama homaa hin yakkin gurguradhe” jedhe. Warrii, “Nu maan irraa qamna ree? Sunin hujii teetii” jedheen.
5
Yihudaan horii kaan fulaa sooriyoo itti qalanii jissee, dhaqee xuruuraan ufii ijjeese.
6
Qaalloleen gugurdoon horii kaan lafaa guurtee, “Horiin kunin horii dhiigaatii, akkii horii mana Waaqaatiin walti daran seeramti” jette.
7
Eegii walmari'atan, lafa namicha Ogeessa Okkotee Faaraa dha'uu tokkoon bitanii lafa keessumma itti awwaalan tolchan.
8
Tanaaf lafa sun haga ardhaallee, “Lafa dhiigaa” jedhaniitti yaaman.
9
Duuba akkanaan wantii raagii Eremiyaas jedhee ta, “Qarshii soddomaa sun fuudhanii (ta gochitii Israa'el akka baaftu ee jette),
10
akkuma Aabboon natti hime horii sun lafaan bitan” jedhee dhugaa taate.
11
Yesus hayyuu Philaaxos dura ejjee, Pilaaxos, “Atin hayyuu Yihuuditii?” jedhee gaafate. Yesus ammoo deebisee, “Atuu ya jette” jedheen.
12
Waan qaallolee gugurdoo fi jaarroleen isa himatte ammoo maqaa hindhoomne.
13
Jennaan Philaaxos Yesusiin, “Waan warrii si himate kana hindhageettuu?” jedheen.
14
Yesus ammoo dubbii tokkoollee dubbachuu dide, tanaaf Philaaxos guddoo mame.
15
Guyyaa jila dabrsaa cufa, hayyuun nama hidhan tokko, ka gumiin kadhatte, gad lakkisa.
16
Gaafas namicha namii cuftii beeku tokkootti jira, ka Barabbaa jedhan.
17
Gumiin walwaldeennaan, Philaaxos, “Anaa eennu gad lakkisu feetan, Barabbaa moo Yesus ka Kiristoo jedhan?” isaaniin jedhe.
18
Akka warrii Yesus qoxxeef isattiin dhufe, innii inbeeka.
19
Adoo Philaaxos barcumaa murtii irra taa'uu, niitiin isaa nama isatti ergitee, “Nama homaa hin yakkin sun homaa hintolchin, anin eda oobjuu keessa marroo isaatiif guddoo gaargalee” jette.
20
Qaallolee gugurdoo fi jaarroleen biyya sosobdee, “Akka Philaaxos Barabbaa lakkisee Yesus ijjeesu kadhadhaa” jette.
21
Hayyuun, “Warra kana lamaan keessaa akka anin eennu gad isanii dhiisu feetan?” jedhee, jennaan warrii, “Barabbaa feenna” jedhe.
22
Philaaxos, “Yesus ka Kiristoo jedhan maan tolcha ree?” jedhee isaan gaafate. Warrii cuftii iyyanii, “Mukatti fannis” jedhan.
23
Philaaxos ammoo, “Innii maan yakke?” jedhe; isaan ammoo qoonqoo guddoon iyyanii, “Mukatti fannis!” jedhan.
24
Philaaxos akka dura deemtiin homaa hinbaane arginaan, ammallee akka lolii dhufu arginaan, bisaan fudhatee, biyya duratti harka dhiqatee, “Anin dhiiga nama kanaa keessa hinjiru! Tunin hujii teessan!” jedhe.
25
Gumiin cuftii, “Dhiigii isaa mataa keennaa fi ka ijoollee teennaa gubbaa jira” jette.
26
Jennaan Philaaxos Barabbaa gad lakkisee, “Yesus dhaanaa” jedhee, akka ijjeesan harka warratti kenne.
27
Jennaan warrii waraanaa philaaxos mana hayyuu keessa Yesus seensisee, isa marsan.
28
Wayaa irraa baasanii, wayaa diimtuu tokko itti uyyisan.
29
Duuba qoraattii akka surree maranii mataa isaa irra kaa'anii, ulee harka isaa ka mirgaa keessa kaa'anii, isa duratti jilbifatanii gooyyeessanii, “Lubbuun tee ha dheerattuu, hayyuu Yihudii” jedhanii
30
hancufa isatti tufanii, ulee fuudhanii mataa keessan dhaanan.
31
Eegii isa gooyyeesanii, wayaa irraa baasanii, wayaa isaa ta qaraa keeyyachiisanii, duuba akka mukatti fannisan alatti geessan.
32
Adoo dira keessaa ba'anuu, namicha Qareenaa tokko ka Simi'oon jedhan arganii, fannoo Yesus baachisan.
33
Fulaa Golgootaa jedhan dhufan, “Golgootaa” jechuun fulaa, “Buqqee mataa” jechuu.
34
Achitti daadhii waynii waan hadhaatiin walitti makanii akka innii dhuguu itti kennanii, innii ammoo afaaniin qabee dhuguu dide.
35
Mukatti fannisanii, wayaa isaa hixaa buufatanii, gargarii qoodatan,
36
duuba achi tataa'anii isa eegan.
37
Mat. aa isaa gararootti waan isa himataaniif barreessanii, “Namii kunin Yesus, hayyuu Yihudii” jedhan.
38
Warra saamtuu lamaan tokko isa waliin, tokko gama bitaatiin kaan ammoo gama mirgaatiin fannisan.
39
Warrii dhaattuu sun yaa'u mataa itti irbee Yesus arabsee,
40
“Atin ka, mana Waaqaa cabsee, guyyaa sadiitti jaaruu indandaa jettee, ilma Waaqaa yo taate me ufi baasi! Fannoollee irraa lafaatti gad bu'i!” jedhaniin.
41
Akkasuma qaallolee gugurdoo, jara seera beekuu fi jaarroleen isa gooyyeesitee,
42
“Innii nama dhibii la baasee, ammoo ufi baasuu hin danda'u! Innii hayyuu Israa'eltiiyyuu? Yo innii ammaataana fannoo irraa gad bu'e, nu isaatti dhugeeffanna!
43
Innii Waaqaa dhugeeffateetti, anin ilma Waaqaa ufiin jedha. Yo akkas taate, akka amma Waaqii isa baasuu fedhu laaluu feena” jedhan.
44
Warrii saamtooleen isa waliin fannisaniilleen akkasuma isa gooyyeesse.
45
Guyyaa guddaa haga saatii sagalii laftii cuftii dukkanoofte.
46
Saatii sagal geennaan, Yesus qoonqoo guddoon iyyee, “Elii, Elii, lama sabaktanii?” jedhee yaammate; akkas jechuun, “Waaqaa kiyya, Waaqaa kiyya, maaf na lakkifte?” jechuu.
47
Namii achi ejaajju ka garii isa dhaga'ee, “Namii kun Eliyaas yaamuu jira” jedhan.
48
Namichii tokko gara isaa utaalee, waan akka bututtuu laaftuu tokko fuudhee, daadhii waynii dhangagooftuu tokko keessa kaa'ee, uleetti fannisee, isa dura qabe.
49
Namii garii ammoo, “Eegaa, akka Eliyaas dhufee isa qarqaaru laallaa” jedhe.
50
Yesus ammallee qoonqoo guddoon iyyee, hafuura baafatee du'e.
51
Yoma sun gollii mana Waaqaa fulaa lamatti gubbaa gad tarsa'e. Laftii chochotee, dhakaan dayya'ee,
52
awwaalii banamee, warrii Waaqaa qulqulloon durii du'e hedduun ka'ee jireennatti deebi'e.
53
Awwaala keessaa yaa'anii, eegii Yesus du'a keessaa ka'e, dira Yerusaalem qulqulloo duudanii, namii hedduun warra arge.
54
Guddaa warra waraanaatii fi warrii waraanaa ka isa waliin jiru lafa chochotee fi waan ta'e cufa arginaan, nahaanii, “Namii kunin dhuguma ilma Waaqaati” jedhan.
55
Nadheen hedduun Galiilaa Yesus gula yaatee isa qarqaarte, ta fagoo waan kana laaltee jira.
56
Nadheen sun keessaa, Maariyaam Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobtii fi Yoseef, haadha ilmaan Zabdewosii jira.
57
Laftii galgaloomnaan, namichii dureessii lafa Armaatiyaa tokko dhufe; maqaan isaa Yoseef, inniilleen nama Yesus.
58
Duuba gara Philaaxos dhaqee, reeffa Yesus kadhatee, Philaaxos akka reeffa sun, Yoseefitti kennaa ajaje.
59
Yoseef reeffa fuudhee, wayaa haaraan mamaree,
60
awwaala dhi'oo ufii qotate keessa kaa'e. Jennaan dhakaa guddaa tokko afaan awwaalatti gangalchee biraa gale.
61
Maariyaam Magdalaa fi Maariyaamiin taan dhaattuu awwaalaa teteette.
62
Guyyaa lammeessoo, ka gabayaa guddoo, qaallolee gugurdoo fi Fariisotii gara Philaaxos dhaxxee,
63
“Aabboo, nu akka namichii kiyyibaan sun gaafa jiru, ‘Eegii guyyaa sadii anin du'a keessaa ka'a’ jedhe, inqaabanna.
64
Tanaaf akka awwaala sun haga guyyaa sadii jabeessanii eegan nama ergi! Hegerii jarii isaa dhaqeetti reeffa Yesus hatee, biyyaan, ‘Isa ya du'aa kaasan’ jedhaa, kiyyibii eegee kunin hegerii ka qaraallee irra hammaataa” jedhan.
65
Philaaxosiilleen, “Warra waraanaa fudhadhaa, haga dandeettan awwaala eegaa” isaaniin jedhe.
66
Tanaaf ka'anii itti dhaabatanii, dhakaa awwaalaa kaan beesisa irra ka'anii, akka warrii waraana jabeessee eegu achitti lakkisan.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28