bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 2
Matthew 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Gaafa Herodis hayyuu lafa Yihudaa, Yesus dira Betlihem ka lafa Yihudaa keessatti dhalate. Yoma sun adoo hinturinuu jarii waan urjii beeku tokko gara ilaboruutii Yerusaalem dhufee, “Daa'iimii hayyuu Yihudii ta'u ka dhalate mee? Urjii isaa ilaboruutti agarreetti isa ulfeessuu dhumnee” jedhe.
3
Waan kana dhageennaan, Herodisii fi namii Yerusaalem cuftii rifate.
4
Innii qaallolee gugurdoo fi jara seera beeku walti yaamee fulaa silaa Kiristoon itti dhalatu gaafate.
5
Warrii, “Dira Betlihem ka lafa Yihudaa keessa jiru, raagii barreessee,
6
‘Ee'ee Betlihem, ta lafa Yihudaa keessaa, atin hayyoota Yihudaa keessaa maandhaanittii, si keessaa nama gosa tiyya Israa'el bulchutti ba'a’ ” jedhe.
7
Jennaan Herodis jara ilaboruutii dhufe kaan dhossaan walti yaamee, yo urjiin mullatte irraa hubate.
8
Gara Betlihem warra ergee, “Beenaa, gurba akka dansaa barbaadaa, yo agartan qoonqoo natti ergaa, akka anilleen dhaqee isa ulfeessu” jedhe.
9
Jecha Hayyuu kaan dhageennaan warri yaasumaa karaatti dacha'e, urjiin warrii ilaboruutti arge taan warruma dura deemtee qajeelchitee fulaa gurbaan jiru gubbatti ejjite.
10
Urjii arginaan guddoo gammadanii qiliixaman.
11
Mana duudanii gurbaa fi Maariyam haadha isaa arginaan, isa duratti jiganii isaa sagadanii, subba ufii bananii warqii, hixaanaa fi qumbii kennaaniif.
12
Oobjuuni Waaqii, “Herodisitti hindacha'inaa” warraan jennaan ka'anii, karaa dhibiin lafa ufiitti galan.
13
Eegii warrii yaa'e, ergamaan Aabboo Waaqaa oobjuun Yoseefiitti dhufee, “Herodis gurbaa barbaadee ijjeessuu fedhaa, ka'ii, gurbaa fi haadha fuudhii lafa Gibxii dhaqii, haga anin sitti himuutti achuma taa'i” jedheen.
14
Jennaan Yoseef haadhaa fi gurbaallee fuudhee ka'ee halkaniin lafa Gibxiitti baqate.
15
Haga Herodis hindu'in cufaa achi taa'e. Wantii kunin akkuma dubbii durii Aabboon afaan raagatiin himee taate, akka qoonqoon, “Anin lafa Gibxii keessaa ilma kiyya ya yaame” jettu guutamtuuf.
16
Herodis akka jarii ilaboruutii dhufe kaan isa sobe arginaan guddoo dallanee, waan ganna daa'imaa jara ilaboruutii dhufe kaan irraa hubateef nama ergee, “Ijoollee dhiiraa ta Betlihem keessa jirtuu fi ta reera sun keessaa, ta ganna lamaa asii cufa fixaa” jedhe.
17
Duuba akkanaan wantii raagii Ermiyas,
18
“Qoonqoo laaleeffachaa fi boo'a guddoo, Raama keessatti dhaga'an; Raahel ilmaan ufiitii boottee, waan isiin cufa raawwatteef irraa hafuu dadhabde” jedhe kaan cuftii guutamtee.
19
Eegii Herodis du'e, ergamaan Aabboo lafa Gibxii keessatti oobjuun Yosefiitti mullatee,
20
“Ka'ii, gurbaa fi haadha fuudhii, lafa Isra'elitti gali; warrii gurbaa ijjeessuu fedhe namuu ya dhumee” jedheen.
21
Jennaan Yosef ka'ee gurbaa fi haadha fuudhee lafa Israa'elitti gale.
22
Ammoo Yoseef akka Arkelaawos fulaa abbaa ufii Herodis lafa Yihudaa fidu dhageennaan achi dhaquu sodaate. Oobjuun itti himnaan gara lafa Galiilaa gore,
23
deemee, dira Naazireeti jedhanitti qubatee, akka wantii durii raagootii isaan, “Nama Naaziretii” jedhan jettu guutamtu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28