bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 25
Matthew 25
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
1
Yesu, “Guyyaa sun mootummaan Waaqaa akka dubra kudhanii, ta ibsee fudhattee, abbaa fuudhaa arguu dhaxxee fakkaatti.
2
Shan qaroo, shan gowwoota.
3
Gowwolleen taan ibsee fudhattee ammoo saleeddii bobeessaniin lakkifte;
4
qarooleen taan waan saleeddii itti naqan kaan saleeddii guuttee fudhatte.
5
Abbaan fuudhaa turee jennaan dubartootii taan muddee rafte.”
6
“Halkan guddoo qoonqoon dhuftee, ‘Abbaan fuudhaa kanaa, koottaa isa argaa’ jedhan.
7
Dubartootii kudhannaanuu kaatee ibsee bobeeffatte.
8
Gowwooleen taan qaroolee taaniin, ‘Ibseen teenna dhaamuu jirtii, saleeddii nuu cobsaa’ jetteen.
9
Qarooleen taan, ‘Hiyyoo, walti nu hingeettuu, beenaa bitadhaa’ jetteen.
10
Gowwooleen taan saleeddii dhibii bitachuu dhaxxii itti dhaabannaan, abbaan fuudhaa dhufe. Dubartootii kurfeefatte taan jila fuudhaa olduuddee, balbala cufan.”
11
“Eegii sun dubartootii gowwooleen shanaan taan dachaatee, ‘Aabboo, Aabboo, balbala nuu ban’ jette.
12
Abbaan fuudhaa, ammoo ‘Lakkisaa anin fuula isan hinbeekuu’ jedheen.
13
Duuba isaniilleen, guyyaa fi yoha sun hinbeettanii ufi eegadhaa!” jedhe.
14
“Gaafas mootummaan Waaqaa akka nama himaltuu deemuu fedhuu, ka hojjattoota ufii yaamee, waan qabu cufa harka warratti lakkisee jirti.
15
Innii nama cufa waan innii danda'u itti kenne. Tokko qarshii kuma shantamaa itti kenne, ka lammeessoo kuma diddamaa itti kenne, ka sadeessoo kuma kudhan itti kennee, ka'ee itti dhaabate.
16
Namichii kuma shantamaa itti kennaan kaan dhaqee daldaleenii, kuma shantamaa dhibii argate.
17
Namichii kuma diddamaa itti kennaaniilleen akkasuma kuma diddamaa dhibii argate.
18
Namichii kuma kudhan itti kennaan kaan dhaqee, boolla qotee, horii kaan achitti dhosse.”
19
“Abbaan hojjattoota taanii guddoo turee gad deebi'ee, henna sun cufa warra waliin tolche.
20
Namichii kuma shantamaa itti kennaan kaan dhufee, ‘Atin kuma shantamaa natti kennitee, laal, kumii shantamaa dhibiilleen kanaa’ jedhee, kuma shantamaa dhibii itti kenne.
21
Abbaan kaan, ‘Akka dhiiraa tolchite, atin akka dansaa daldaltee, tanaaf anin waan guddoo harka keetiitti kenna. Kootti, waliin gammannaa’ jedheen.
22
Namichii qarshii kuma diddamaa itti kennaan kaan dhufee, ‘Atin kuma diddamaa natti kennitee laal, kumii diddamaa dhibiilleen kanaa’ jedhee itti kenne.
23
Abbaan kaan, ‘Akka dhiiraa tolchitte, atin akka dansaa daldalte, tanaaf anin waan guddoo harka keetiitti kenna. Kootti, waliin gammannaa’ ” jedheen.
24
“Jennaan namichii qarshii kuma kudhanii itti kennaan kaan dhufee, ‘Aabboo, akka atin nama hamaa anin inbeeka, atin waan hinoobrin murtee midhaan hinfacaasin gootaraatti galchita.
25
Anin si sodaadheetti dhaqee horii kee boolla keessatti dhosse; laal, horiin kee kanaa’ jedheen.
26
Abbaan kaan, ‘Atin hojjataa hamaa, ammallee laafaa; atin akka anin waan hinoobrin muradhee midhaan hinfacaasin gootaraatti galchu inbeettaayyuu?
27
Yoos, qarshii tiyya oli naa kaa'uu malte, akka anin yo gale waan isiin dhalte waliin fudhadhu.
28
Tanaaf horii sun isa irraa fuudhaa, namicha kuma dhibba tokkoo qabutti kennaa.
29
Wanti akkanaatiif nama wa qabuu itti daranii, ka homaa hinqamne ammoo, waan innii qabuullee irraa fuudhan.
30
Hojjataa homaa hinbaane kana dhaqaa, dukkana keessa ala buusaa; ka achitti boo'ee ilkaan qaruutii’ ” jedhe.
31
“Guyyaa ilmii namaa ergamtoota cufa waliin guddinna ufiitiin dhufu, innii barcumaa guddinna ufii gubbaa taa'ee,
32
namii lafa tanaa cuftii isa duratti walwalda'a. Duuba innii akkuma tissituun re'ee ufii, hooliyyee fi lalleessa gargarii footu fulaa lamatti warra gargarii fooha,
33
hooliyyee gara harka mirgaa deebisee, lalleessa gara harka bitaa deebisa.
34
Duuba Hayyuun waan hooliyyee harka mirgatiin jedhu, ‘Isan warra abbaan kiyya eebbise, koottaa guddinna haga lafa uumanii isaanii midhaasanitti galaa.
35
Gaafa anin beela qabu beela na baaftan, anaa dheebuu qabu, dheebuu na baaftan, anaa keessummaa na bulchitan,
36
anaa daara qabu daara na baaftan, anin fayyaa dhamnaan na qorqorattan, na hidhanii jennaan dhuftanii na laaltan’ isaaniin jedhe.
37
Duuba warrii qajeeloottii deebiseetti, ‘Aabboo, yoom sii beela qabdu arginaan beela si baafnee, sii dheebotte dheebuu si baafne?
38
Yoom sii keessummaa arginaan si bulchinee, sii daara qabdu arginaan daara si baafnee,
39
sii fayyaa dhabde yokaan hidhaansa keessa jirtu si laalle?’ ” jedhaan.
40
“Hayyuun deebiseetti, ‘Anin dhuguma isanitti himaa, waan obbooleeyyan tiyya didiqqoo tanaa tolchitan yaayyu nallee tolchitan’ ” jedha.
41
“Duuba innii warra harka bitaatiin, ‘Isan warra abaarsa Waaqaa qabuu na biraa yaa'aa! Gara ibidda hindhaamnee, ka Sheexanaa fi ergamtootii isaatii bobeessanii badaa!
42
Gaafa anin beela qabu beela na baasu diddan, ka anin dheebodhe dheebuu na baasuu diddan;
43
gaafa anin keessummaa na bulchuu diddan, ka anin daara qabu daara na baasuu diddan; gaafa anin fayyaa dhabe na gaafachuu diddan, anaa hidhaansa keessa jiru na laaluu diddan’ isaaniin jedha.
44
Duuba warrii deebiseetti, ‘Aabboo, nu yoom takka sii beela qabdu, yokaan sii dheebu qabdu, sii keessummaa, sii daara qabdu, sii fayyaa dhabde, yokaan sii hidhaansa keessa jirtu, arginnee si qarqaaruu dinne?’ jedhaan.
45
Innii, ‘Dhuguma, waan anin isaniin jedhu, isan yo warra didiqqaa kana qarqaaru diddan, yaayyu nallee qarqaaruu diddan’ jedhaan.
46
Warra kana gara gaargala hindhumannee ergan, warra qajeelaa gara jireenna hindhumannee ergan” injedha.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28