bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 24
Matthew 24
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Adoo Yesus mana Waaqaa keessaa ba'uu jiruu, jarii isaa ijaarsa mana Waaqaa agarsiisuuf gara isaa dhufe.
2
Innii ammoo warraan, “Waan kana cufa agartanii? waan anin isanitti himu, dhakaan tokkoolleen wal irratti hinhafu, cufa gargarii jissan” jedhe.
3
Adoo Yesus Gaara Ejersa jedhan gubbaa taa'uu, jarii isaa kophaatti isatti dhufee, “Wantii kunin cuftii yoom taati? Akeekii dhufaansa keetiitii fi guyyaa muummee maan?” jedhanii gaafatan.
4
Yesus warratti himee, “Akka namii tokkoolleen isan hinsobne eegadhaa!
5
Wantii akkanaatiif nama hedduutti maqaa kiyyaan dhufee, ‘Anin Kiristoos’ isaniin jedhee, nama hedduu soba.
6
Walhadhiisa dhi'otii fi ka fagoollee cufa indhageetan, ammoo hinsodaatinaa, wantii kunin cuftii dhufuu maltee, muummeen ammoo hindhi'aanne.
7
Laftii tokko lafa dhibii haati, hayyuun tokko hayyuu dhibii hadha. Fulaa cufa beelaa fi lafa chocho'itiitti dhufa;
8
wantii kunin cuftii akka ciniisuu dhalaa jirti.”
9
“Qabanii isan gaargalchaniitti du'a isanitti muran. Gochii cuftii marroo tiyyaaf isan jibbiti.
10
Namii hedduun yoha sun dhugeeffachaa lakkisa, dabarsanii wal kennan, waliillee injibban.
11
Raagii dharaa hedduun dhufeetti nama hedduu soba.
12
Hameennii heddateetti jaalaltii nama hedduu qabbanoofti.
13
Namii haga muummee oobsu ammoo inba'a.
14
Akka gosa cufaa dhugaa taatuu oduu dansaa Mootummaa Waaqaa tana lafa cufa keessatti odeesan, achiin duuba muummeen dhufti” jedhe.
15
Yesus itti dabree, “Isan waan jibban, ka nama rifachiisaa, ka fulaa qulqulloo ejjitu, ta raagii Daani'el waan isii dubbate ya argitanii (namii dubbisu ha hubatuu)
16
Yo sun warrii Yihudaa keessa jiru ha garreenitti baqatuu.
17
Namii mana gubbaa jiru, waan mana keessa jiraa fudhachuuf gad hinbu'in!
18
Namii oobruu keessa jiru wayaa fudhachuuf hingalin!
19
Nadheen garaachaa qabduu fi ta hoosiftuu guyyaan sun hamaa!
20
Akka bara dhaamochatii fi guyyaa Sanbataa hinbaqne kadhadhaa!
21
Gaargalii guyyaa sun gaargala takka haga laftii uumamtee haga ardhaallee hindhufin ta'a. Wantii akkasii itti deebitee lafa hindhuftu.
22
Adoo guyyaan sun gabaabachuu baatee namii tokkooyyuu hinba'u. Waaqii ammoo marroo warra foohateef, guyyaa sun ingabaabsa” jedhe.
23
“Yo namii, ‘Kunoo, Kiristoon arma jira’ jedhe, yokaan, ‘Achi jira’ jedhe, hindhugeeffatinaa.
24
Wantii akkanaatiif Kiristoos dharaatii fi raagii dharaa indhufa, akeekaa fi waan mamaa hedduu tolchan, akka yo silaa danda'an warra Waaqii foohate soban.
25
Kunoo, anin waan kana adoo guyyaan hinga'in ya isanitti hime.”
26
“Yokaan, yo namii ‘Ilaalaa, innii lafa gammoojjii keessa jiraa’ jedhee, achi hin yaa'inaa; yokaan yo, ‘Innii armatti dhokachuu jira’ jedhan hindhugeeffatinaa.
27
Akkuma angaasuun ilaboruutii haga ilagalchuu angaatuu, akkasuma ilmii namaa tasa dhufa” jedhe.
28
Fulaa reeffii jirutti allaatiin buuti.
29
“Gaaragala guyyaa sunitiin duuba yoma tokkoon aduun indukkanoofti, ji'ii itti deebi'ee hinibsu, hurjiin Waaqaa gubbaa gad jiddi, jabeennii gubbaa inhargufama.
30
Duuba akeekii ilma namaa gubbaatti mullata; gochitii lafa tanaa cuftii inbootti, ilma namaa ka duumansa keessa jabeennaa fi guddinnaan gad bu'u argan.
31
Innii ergamtoota ufii ta qoonqoo Magalataa guddoo dhooftu Waaqaa gubbaa moggaa lafaa afranitti erga, duuba warrii gumii Waaqii foohate haga muummee Waaqaa lafaa cufaa walti guura” jedhe.
32
Yesus, “Mukii odaa ha wa isan barsiisuu. Yo dameen isaa dottaattee lattee baala baafte, akka laftii caamsaa inbeettan.
33
Akkasuma yo waan kana agartan akka innii dhi'o jiru, ka diqqumaa isan hanqatuu beekaa.
34
Dhugumaa, wantii kun cuftii, adoo namii amma jiru kun hinhobbaanee taati.
35
Lafaa fi gubbaan indabarti, dubbiin tiyya ammoo tokkoolleen hindabartu” jedhe.
36
Yesus itti dabree, “Namii saatii fi guyyaa sun beeku hinjiru, ergamtootii Waaqaa gubbaatii fi ilmiilleen hinbeeku, Abbaa callaatti beeka.
37
Dhufiisii ilma namaa akka gaafa Nohii ta'a.
38
Haga lolaan dhufee Nohii hoboloo hinseeniin namii in nyaata, indhuga, walfuudha.
39
Haga bisaan dhufanii warra cufaa fudhatanii deemanitti warrii homaa hinubanne. Guyyaa ilmii namaa dhufuullee akkasuma taati.
40
Yo sun nama lamaatti oobruu keessa waliin hojjachuu jira; tokko fuudhanitti kaan lakkisan.
41
Nadheen lama ta dhakaa daakuu jirtu, tokko fuudhanii taan lakkisan.
42
Tanaaf guyyaa Aabboon keessan dhufu hinbeettanii ufi eegadhaa!
43
Waan kana qaabadhaa, Abbaan manaa, yo silaa yoha hattuun dhuftu beekee, mana ufii irraa dhowwata.
44
Tanaaf, yo cufa qophooftanii taa'uu maltan. Ilmii namaa yoha isan hinseene dhufaa” jedhe.
45
“Hojjataan dhugaatii fi qaroon kam? Innii ka abbaan isaa akka yo saatiin sagalee geettu kennuuf guddaa hojjattoota cufaa tolche.
46
Hojjataan sun yo adoo innii hojjachuu jiruu abbaan isaa warraa gale guddoo gammada.
47
Dhugumaa, anin isanitti himaa, abbaan sun guddaa waan qabuu cufa isa tolcha.
48
Ammoo yo innii hojjataa hamaa ta'e ‘Abbaan kiyya dhufuu hingeenne’ jedhee,
49
hojjattoota cufa dhaanee, sagalee nyaatee, warra farsoo dhugu waliin dhugee,
50
Abbaan hojjataa sunii guyyaa innii hinseenee fi yoha innii hinbeenne dhufee
51
mataa hojjataa sunii tatarsaasee jara kikijibaan walti dara. Achitti boo'ee ilkaan qara” jedhe.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28