bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 16
Matthew 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
1
Fariisotaa fi Saduqootii akka silaa ilaallattu gara isaa dhuftee, “Akeeka Waaqaa gubbaa nu garsiisa” jetteen.
2
Yesus deebisee warraan, “Yo aduun dhiitee galchuun diimate, ‘Bor bokka'ii hinroobu’ jettan.
3
Diirama ammoo, waan duumansii gurraatta'ee dhudhuffa'eef ‘Bokka'ii in rooba’ jettan. Isan waan gubbaa hinbeettanii, ammoo akeeka bara kanaa gargarii barachuu inbeettan.
4
Dhalootii hamaan Waaqaa didu kunin akeeka mamaa, barbaada ka Yoonaasii male akeekii mamaa ka anin nama garsiisu hinjiru” jedheen. Duuba ka'ee warra biraa itti dhaabate.
5
Jarii isaa gama galaanaatti taakkinaan, qixxaa tokkoollee fudhachuu dedhe.
6
Yesus warraan, “Bukoo Fariisotaa fi ta Saduqootaa eegadhaa” jedhe.
7
Jennaan jarii isaa waliin haasa'ee, “Nu qixxaan hindhumne” jedhe.
8
Yesus waan kaan beennaan, “Dhugeeffachaan teessan waan diqqoo. Maaf, ‘Nu qixxaa hinqamnu’ jettanii haasoftan?
9
Isan ammallee hinhubattanii? Qixxaa shan ka namii kuma shanii nyaatee, hambaa daduu hagam akka walitti guurtan hinqaabattanii?
10
Yokaan qixxaa torbaan ka namii kuma afurii nyaatee hinqaabattanii? Ammallee hambaa daduu hagamii walitti guurtan?
11
Akkam akka anin waan qixxaa dubbachuutti hinjirre hinhubanne ree? Bukoo Fariisootaa fi ta Saduqootaa eegadhaa” jedhe.
12
Jennaan akka innii Bukoo qixxaa ta Fariisootaa fi ta Saduqootaa hinbaannee, ammoo barsiisa Fariisootaa fi ta Saduqootaa eegadhaa jedheen hubatan.
13
Duuba Yesus lafa Qiisaariyaa Filiphos dhumnaan, “Biyyitii, ilma namaatiin eennu jetti?” jedhee jara ufii gaafate.
14
Jennaan warrii, “Hagii tokko, Yoh. aannis nama cuuphu jette, ta garii, Eliyaas jette, ta garii, ammoo Ermiyaas yokaan raaga durii tokko jette” jedhe.
15
Jennaan Yesus warraan, “Isan ammoo eennu naan jettan?” jedhe.
16
Simoon Phexros deebisee, “Atin Kiristoos, ilma Waaqaa jiruuti” jedhe.
17
Yesus isaa deebisee, “Kaayooteeti, Simoon, ilma Yoonaa. Nafaa fi dhiigii waan kana sitti hinmullimne, ammoo Abbaa kiyya ka gubbaa jiruutti sitti mullise.
18
Anin sitti himaa maqaan kee Phexros yokaan dhakaa, anin dhakaa kana gubbatti gumii tiyya jaara. Dooti dandeettee jabeennaan si hindabsattu.
19
Furaa Mootummaa Waaqaa sitti kenna; waan atin lafa tana irratti hiite Waaqaa gubbaalletti hidhan, waan atin lafatti hiikte Waaqaa gubbaalleetti hiikan” jedhe.
20
Jennaan Yesus jara ergamtoota isaa cufaatti seeree, “Akka anin Kiristoos nama tokkoolleetti hinhiminaa” jedheen.
21
Eegii sun Yesus diideessee jara ufiitti himee, “Anin Yerusaalem dhaquu male. Harka jaaroleetti, harka qaallolee gugurdootii fi jara seera beekuutti gaargala. Ammallee na ijjeessanii, guyyaa sadeessoo ka'uu male” jedhe.
22
Jennaan Phexros kophaatti yaamee, “Waaqii sii didinna, Aabboo, wantii kun ta'uu hinmalle” jedheen.
23
Yesus ammoo garagalee, “Na biraa deem, Sheexana; atin na gufachiiftaa, herregii kee ka namaa malee ka Waaqaatiinitii” jedheen.
24
Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Namii tokkoolleen yo na gula deemuu fedhe ha ufii mormatee, fannoo ufii baatee na gula deemuutii.
25
Wantii akkanaatiif namii jireenna ufii baasuu fedhu cuftii hindhaba; namii ammoo jireenna ufii naa jedhee balleessu inargata.
26
Yo waan lafaa cufa argatte ammoo jireenna ufii dhaban, maan namaa baati? Namii maan danda'ee gatii jireenna ufiitii baasa?
27
Ilmii namaa ergamtoota ufii waliin guddinna Abbaatiin dhufuu jira, nama cufa duuba hujii isaa gula waan isaa malee kennaaf.
28
Dhugumaa, waan anin isaniin jedhu, jara arma ejaajju kana keessa nama haga ilmii namaa guddinna ufiitiin dhufuutti hindooneetti jira” jedhe.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28