bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 17
Matthew 17
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
1
Eegii guyyaa ja'aa Yesus Phexrosii fi Yoh. aannisii, obbooleessa isaa Yaaqob yaamee, gaara dheeraa tokko gubbaa korsiise.
2
Warra duratti jijjiirame, fuulii isaa akka aduu ibsee, wayaan isaa akka ibsee addaatte.
3
Jennaan Musee fi Eliyaasas warratti mullattee Yesusiin wal haasofte.
4
Phexros Yesusiin, “Aabboo arma jirrachuun keenna guddoo dansaa. Yo atin feete, bultoo sadii armaatti jaara; tokko teeti tokkoo ta Museeti taalleen ta Eliyaasasiiti” jedhe.
5
Adoo innii dubbatuu, duumansii adiin tokko warratti gollee, qoonqoon duumansa keessaa, “Kunin ilma kiyya ka anin jaaladhu, ka na gammachiisuu, dubbii isaa caqasaa” jette.
6
Jarii isaa qoonqoo taan dhageennaan guddoo sodaatee fuula lafatti deeffatee jige.
7
Yesus ammoo dhufee, warra tuqee, “Kakka'a, hinsodaatinaa!” jedheen.
8
Mat. aa olfudhatanii jennaan Yesus calla argan.
9
Adoo gaara irraa gad bu'uu jiranuu, Yesus, “Waan argitan kana nama tokkolleetti hinhiminaa haga ilmii namaa du'a keessaa ka'utti” warraan jedhe.
10
Jennaan jarii isa gaafatee, “Jarii seera beeku maaf Eliyaasas isa duratti dhufuu male jedha?” jedheen.
11
Yesus ammoo deebisee, “Dhugumaa, qaraa fiixee Eliyaasiitti dhufee waan cufa duratti midhaasa.
12
Ammoo waan anin isaniin jedhuu, Eliyaas ardhaa kalee indhufin, namii ammoo hinbeennee, homa fedhe isa tolcha. Akkasuma ilmii namaalleen harka warratti gaargala” jedhe.
13
Jennaan warrii akka Yesus waan Yoh. aannisii nama cuuphuu dubbate hubate.
14
Biyyii baanaan, namichii tokko isatti dhufee, duratti jilbiifatee,
15
“Aabboo, gurba kiyyaa naa na'i, innii gagabduu qaba, guddoo isa gargalchite. Yo cufa ibidda keessatti jiga yokaan bisaan keessatti jiga.
16
Jara keetti dhufee jennaan fayyisuu dadhaban” jedhe.
17
Yesus deebisee, “Ee warra dhugeeffachaa hinqamne, ka homaa hinbeenne, haga yoomii isan waliin taa'uu male? Haga yoom obsa? Garana nattiin koottaa!” jedhe.
18
Yesus jinniin lolee, jinniin gurbaa keessaa baatee, gurbaan yoma sun fayye.
19
Jennaan jarii Yesusii kophaatti isatti dhufee, “Nu maaniif jinnii sun baasuu dadhamne?” jedhee gaafate.
20
Jennaan Yesus deebiseefii, “Mar. roo dhugeeffachaa diqqoo qabdaniif! Anin dhuguma isaniin jedhaa, yo dhugeeffachaa diqqoo haga guma dambii qabaattanii, gaara kanaan, ‘Armaa buqa'ii, fulaa dhibii deem’ jettanii, inbuqa'a; wantii isan dabsataa hinjirtu.
21
Ammoo kadhachaa fi ufii agabsiitii callaatti jinnii akkaanaa tana baasa, wantii dhibiin dandeettee hinbaaftu” jedhe.
22
Jarii isaa cuftii Galiilaatti walitti dhumnaan Yesus warraan, “Ilmii namaa dabarsaniitti harka nyaaphaatti kennaanii,
23
isa ijjeesan, ammoo guyyaa sadeessoo du'a inka'a” jedhee jennaan jarii guddoo laaleffate.
24
Qifirnaahom dhumnaan warrii gibira mana Waaqaa guuru gara Phexros dhufee, “Barsiisaan keessan gibira mana Waaqaa hinbaasuu?” jedhee gaafate.
25
Phexros deebisee, “Hinbaasa” jedheen. Akkuma Phexros mana seeneen, Yesus, “Simoon, atin maan seeta? Hayyootii lafaa gibiraa fi qaraxa eennu irraa guurti? Abbootii lafaa moo nama dhibii irraa guurti?” jedhee isa gaafate.
26
Phexros, “Nama dhibii irraa guurti” jedheen. Yesus deebisee, “Yo akkas taate, abbootiin lafaa homaa hinbaaftu.
27
Taatuulle, nu warra kana dallansiisuu hinfeenu. Gara galaanaa, dhaqii, xuruuraa keessa buus, duuba qurxummii qaraa qabdu fuudhii, afaan isii gargarii qabi, beessee keessatti argitaa. Beesee sun fuudhii naa fi sillee baasi” jedheen.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28