bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 12
Matthew 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
1
Bara sun, Yesus guyyaa Sanbataa oobruu dargaayyee tokko keessa dabre, jarii isaa beela'ee jennaan midhaan xuruuratee nyaate.
2
Fariisotii waan kana arginaan Yesusiin, “Ilaal, jarii kankee waan guyyaa Sanbataa tolchuu hinmalin tolchaa!” jetteen.
3
Innii ammoo deebisee warraan, “Isan waan Daawtii fi jarii isa waliin jiru beelomnaan ta'e hindubbimnee?
4
Innii Mana Waaqaa olseenee, qixxaa Waaqaa baasan, ka qaallolee malee, namii tokkoolleen nyaachuu hinmalin fudhatee, nyaatee waahela ufiilleen ga'e.
5
Yokaan isan seera Musee keessa akka qaalloleen guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa seera Sanbataa cabsitu ammoo wallaala hinqamnee hindubbimnee?
6
Waan anin isanitti himuu, wantii mana Waaqaa irra guddoo arma jirti.
7
Innii ammoo, ‘Yo silaa jecha, anin naasuu malee sooriyoo horii hinfedhu’ jedhu beettanii, isan nama wallaala hinqamne wallaala itti hinmurtan.
8
Wantii akkanaatiif ilmii namaa guddaa Sanbataati” isaniin jedhe.
9
Yesus achii deemnaan mana waldeennaa tokko olseene.
10
Namicha tokko ka harkii rifateetti achi jiraa jennaan, jarii akka silaa Yesus himataan, “Guyyaa Sanbataa nama fayyisuun fulaa moo fulaaniiti?” jedhee gaafate.
11
Yesus deebisee warraan, “Isanii kana keessa, namii hoolaa tokko qabu, ka yo innii guyyaa Sanbataa boolla keessa bu'e, hamphaaree boolla keessaa hinbaamne eennu?
12
Namii hoolaa irra hinjiruu ree? Yoos, guyyaa Sanbataa waan dansaa tolchuun fulaa” jedheen.
13
Jennaan innii namichaan, “Harka kankee diriirfadhu” jedhee, namichii harka diriirfanaan harkii fayyee, akkuma harka kaanii ta'e.
14
Fariisotii yaatee korattee akka Yesus ijjeeftu mari'atte.
15
Yesus waan kana dhageennaan ka'ee achii deeme; jennaan namii hedduun isa gula yaa'e; innii nama cufaa fayyisee,
16
ammallee biyyaan waan kiyya namatti hinhiminaa jedhee seerate;
17
akka wantii raagii Isaayaas jedhee guutamtu
18
innii, “Hojjataan kiyya ka anin foohadhe kana, ka anin jaaladhu, ka guddoo na gammachiisu, anin hafuura kiyya isatti erga, innii murtii tiyya gosa cufaatti hima,
19
innii hinmormu yokaan lallabee hin iyyu, yokaan namii tokkoolleen qoonqoo isaa karaa keessatti hindhaga'u.
20
Innii haga dhugaa dabsachiisutti, illaadduu millatee hincabsu, yokaan ibsee aartuullee hindhaamsu.
21
Gochitii cuftii maqaa isaa abdatti” jedhe.
22
Jennaan namicha tokko ka jinniin ilaa fi afaan duuchite Yesusittiin dhufanii, Yesus isa fayyise, namichii kaan dubbatee ilaalleen lafa arge.
23
Biyyitii cuftii mamtee, “Kunin danda'eetti ilma Daawit ta'aa?” jette.
24
Fariisotii ammoo waan kana dhageennaan, “Namii kunin guddaa jinnii, ka Bi'elzeebul jedhan, isa qofaatti jinnii baasaa” jette.
25
Yesus herrega warraa beennaan, “Namii lafa tokkoo ka gosaan gargarii qoodamu inbada. Ammallee dirii yokaan manii gargarii qoodamu akka dhaabatu hinqabu.
26
Akkasumaa duuba sheexanii yo Sheexanaa baasee, innii yaayyuu gargarii qoodamee, akkam danda'ee jabeennaan lafa fida ree?
27
Anin yo maqaa Bi'el zebuliti jinnii baasee, ilmaan teessan maqaa eennuutiin baafti? Tanaaf ijoolluma teessanitti isanitti mura.
28
Ammoo yo anin hafuura Waaqaatiin jinnii baasee, yo sun mootummaan Waaqaa ya dhi'aatte” jedhe.
29
“Yo qaraa abbaa manaa hidhamellee namii akkam danda'ee mana nama jabaa seenee mi'a hatuu dandaa? Yo qaraa isa hidhe mana isaa seenee hatuu dandaa.”
30
“Namii na waliin hinjirre nyaapha kiyya; namii na waliin wa hinguurree wa firfirisa.
31
Tanaaf waan anin isanitti himuu, cubbuu fi arraba hamaa namii wa arrabsu, namaa in araaraman, namii ammoo Hafuura Qulqullootti muratuu araarama hinargatu.
32
Namii ilma namaa miidhu araarama argata; namii Hafuura Qulqulloo miidhu ammoo haga jiruu jireennaallee araarama hinargatu” jedheen.
33
Yesus itti dabree, “Mukii dansaan midhaan dansaa dhala, mukii hamaan midhaan hamoo dhala. Mukaa cufaa midhaan innii dhaluun beekan.
34
Isan ilmoolee bofaati! Isan yo hamaamoo taatan akkam dandeettanii waan dansaa dubbattan? Wantii akkanaatiif afaan waan garaan qabu dubbatan.”
35
Namii dansaan horii ufii dansaa keessaa waan dansaa baasa; namii hamaalleen horii ufii hamaa keessaa waan hamtuu baasa.
36
“Waan anin isanitti himuu, guyyaa muraa Waaqii nama cufaa dubbii didiqqoo silaa jechaa hinmalin ta innii jedhe, gaafata.
37
Dubbii teetiin dhugaa si muran, ammallee dubbii teetiin wallaala sitti muran” jedhe.
38
Jennaan jarii seera beekuu fi fariisotii Yesusiin, “Aabboo, nu akeeka atin tolchitu argu feenna” jedhan.
39
Yesus ammoo, “Dhalootii kunin hamaa, Waaqaa didaa, akeeka barbaada, ka raaga Yoonaas malee akeekii nama agarsiisan hinjiru.
40
Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii keessa taa'ee, akkasuma ilmii namaalleen guyyaa sadii fi halkan sadii boolla keessa taa'a.
41
Biyyitii Niwwee guyyaa muraa kaateetti dhaloota kana himatti, waan warrii marroo oduu dansaa ta Yoonaas himeef cubbuu irraa deebi'eef. Ammoo kunoo, namii Yoonaas irra jiru arma jira.
42
Guyyaa muraa qaalittiin lafa mirgaa olkaateetti dhaloota kana himatti; isiin akka qarooma Solomoon caqafatu muummee lafaatii dhufte; ammoo kunoo wantii Solomoon irra jiraa arma jirti” jedhe.
43
“Jinniin yo nama keessaa baatu, lafa bisaan hinqamne keessa marteetti boqota barbaaddi; yo dhabdu,
44
armaa achi, ‘Anin mana kiyya ka keessaa dhufeetti deebi'a’ ufiin jetti. Deebitee dhumnaan mana duwwaa, ka haranii qophaa'e argitti.
45
Isiin deemteetti jinnii torba dhibii ta isii irra hamaamtuutiin dhufti; duuba seenaaniit achi qubatan. Jireennii nama sunii ka lameessoo jireenna qaraa irra hamaa. Dhalootii hamaan kuniilleen akkasuma ta'a” jedhe.
46
Adoo innii taa'ee gumiin haasa'uu, haadhaa fi obbooleeyyan isaa ala ejaajjanii isaan dubbachuu fedhan.
47
Jennaan namii tokko Yesusiin, “Ilaal, haateetii fi obbooleeyyan tantee ala ejaajjanii siin dubbachuu fedhanii” jedhe.
48
Yesus ammoo namicha isatti himeen, “Haadhaa fi obbooleeyyan tiyya eennu?” jedhe.
49
Jennaan innii jara ufiitti quba qabee, “Kunnoo, haadhaa fi obbooleeyyan tiyya jara kana.
50
Nama waan Abbaan kiyya ka gubbaa fedhu tolchu callatti obbooleessaa, obbooleetii fi haadha tiyya” jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28