bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 26
Matthew 26
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 27 →
1
Yesus duubbii tana cufa hobbaamnaan, jara ufitiin,
2
“Akka guyyaa lamaan duuba jiltii dabarsaa dhuftu isan inbeettan, gaafas ilma namaa harka namaatti kennaanii mukaa gubbaatti fannisan” jedhe.
3
Jennaan qaallolee gugurddoo fi jaarroleen Yihudii mana Qaallicha irra guddaa, ka Qayyaafaa jedhanii keessatti walti dhuftee,
4
akka Yesus dhossaan qabanii ijjeesan mari'atte.
5
“Hegerii biyyitii incaartii fulaa jilaatti tolchuu hinmalle” waliin jedhan.
6
Bitaaniyaa keessatti adoo Yesus mana namicha Simoon jedhanii ka qomaaxaa qabuu tokko keessa taa'ee sagalee nyaatuu,
7
niitiin tokko dhadhaa urgaa gatii guddoo, killaan qabattee dhuftee, mataa Yesusitti naxxe.
8
Jarii Yesusii waan kana arginaan guddoo dallannee, “Maaf waan kana cufa balleessan?
9
Dhadhaa kana silaa beesee guddootti gurguranii hiyyeeyyii qooduu hindanda'an” jedhe.
10
Yesus waan warrii jedhe beennaan, “Isan maaf teettanii niitii tana gaargalchitan? Wantii isiin naa tolchite kunin guddoo dansaa.
11
Hiyyeeyyiin guyyaa cufa isan waliin jirti, anin ammoo guyyaa cufa isan waliin hinjiru.
12
Isiin akka nafa kiyya awwaalaa kurfeesituuf qayya nafaatti naa naxxe.
13
Anin dhuguma, isaniin jedhaa, yo oduu dansaa tana lafa cufa keessatti himan, waan isiin tolchite kana qaabataniitti isiin odeesan” jedhe.
14
Jennaan warra Yesus kudhaanii lamaan kaan keessaa namichii tokko ka Yihudaa Keriyot jedhan gara qaallolee gugurdoo dhaqee
15
“Yo anin Yesus harka keessanitti kenne, maan naa kennitan?” jedhee gaafate. Jenaanni warrii qarshii soddomaa fuudhee kenneef.
16
Yo sunii jalaqabee Yihudaan akkuma Yesusiin gurguratu barbaade.
17
Guyyaa qaraa ka jila Qixxaa Bukoo hinqamnee, jarii Yesus gara isa dhufee, “Jila dabarsaa jedhan eessatti sii tolchina?” jedhee gaafate.
18
Innii ammoo deebisee, “Gara nama tokkoo dhaqaa, ‘Aabboon, guyyaan kiyya ya ga'ee naa fi jarii kiyyaalleen mana kee keessatti sagalee jila dabarsaa nyaanna’ jedhaan” jedhe.
19
Jarii waan Yesus jedheen tolchee jila dabarsaa kurfeesse.
20
Laftii galgaloomnaan, Yesusii fi jarii isaa tataa'anii sagalee nyaatan.
21
Adoo sagalee nyaatanuu, Yesus, “Isanii kana keessaa namii tokko na gurgurata” jedheen.
22
Jarii guddoo laaleffatee, tokko tokkoon, “Aabboo, na wa taatee?” jedhee gagaafate
23
Yesus deebisee, “Nama harka qorii keessa kaa'ee qixxaa cuuphaan tuqatee na waliin nyaachuu jiruutti na gurgurata,
24
ilmii namaa akka barreessiin jette gula du'a; gaargalii ammoo kama nama ilma namaa ijjeessu sun, namii sun yo silaa durii dhalachuu baate irra dansaa” jedhe.
25
Yihudaan ka dabarsee isa kennu ammoo qoonqoo olfudhatee, “Na wa taatee, Aabboo?” jedhe. Yesus ammoo, “Atin ya afaan keetiin jette” jedheen.
26
Adoo sagalee nyaatanuu, Yesus qixxaa fuudhee, galata Waaqaa galchee, cacabsee, jara ufiitti kennee, “Hoodhaa kunin nafa kiyyaa, nyaadhaa” jedhe.
27
Muduunuu fuudhee, galata Waaqaa galchee, warraatti kennee, “Hoodhaa isaniin cuftii dhugaa!
28
Kunin dhiiga kiyyaa ka kakuu waldhaqisa haaraa, ka akka cubbuu namaa araaraman nama hedduu jiguu.
29
Haga daadhii waynii haaraa Mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti waliin dhunnuutti, anin itti deebi'ee daadhii tana hindhugu” isaniin jedha.
30
Jennaan sirba tokko sirbanii gara Gaara Ejersa jedhanii dhaqan.
31
Jennaan Yesus, “Halkan kana isaniin cuftii na lakkiftanii baqattan, barreesiin qulqulloon, ‘Anin tissituu re'ee inijjeessa, re'een gargarii bittinoofti’ jette.
32
Anin ammoo yo du'aa ka'e, isan duratti Galiilaa dhaqa” isaaniin jedhe.
33
Jennaan Phexros Yesusiin, “adoo namii cuftii baqateellee, anin si biraa hinbaqadhu” jedhe.
34
Yesusiilleen, “Dhuguma siin jedhaa, adoo kormii lukkuu hiniyyin, atin marroo sadii na mormatta” jedheen.
35
Phexros ammoo, “adoo du'eellee, anin si hinmormadhu” jedheen; jarii kaalleen akkasuma jedhe.
36
Yesus jara ufii waliin lafa Getesemaane jedhan dhaqee, “Haga anin achi deemee kadhadhu, arma tataa'aa” jedhe.
37
Phexrosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee dhaqee, laaleffachaa fi naasuun isa qabatee
38
warraan, “Naasuun diqquma na hinijeesinii, arma na waliin tataa'aa eegaa” jedhe.
39
Diqqoo dura deemee fuula duratti lafaan ufi dha'ee, Waaqaa kadhatee, “Aabboo kiyyaa! Yo dandeette muduunuu tana narraa fuudhi, ammoo akka fedhii tiyyaatiinii akka fedhii teetii gula” jedhe.
40
Jennaan gara jara isaa sadeen kaanii deebi'ee, warra rafu argee Phexrosiin, “Akkam haga saatii tokkoollee dandeettanii na waliin eeguu dadhabdan?
41
Tataa'aa, Waaqaa kadhadhaa, akka ilaallachaa keessa hinseene. Hafuurii infedhaa, nafii ammoo hindanda'u” jedhe.
42
Mar. roo lammeessoo Yesus deemee, Waaqaa kadhatee, “Ee Aabboo yo muduunuu tana haga anin dhuguutti narraa hinfuune, fedhiin tee ha taatuutii” jedhe.
43
Ammallee gad deebinaan warra mugaatiin dabsattee rafu arge.
44
Ammallee Yesus warra biraa deemee, marroo sadeessoo dubbuma suniin Waaqaa kadhate.
45
Jennaan gara warraa deebi'ee, “Ammallee ufumaa ciiftanii raftanii? Laalaa, yohii ilma namaa harka warra dabaatti kennaan ya dhi'aatee.
46
Kaka'aa, nu yaasaa. Kunoo, namii na gurguratu kanaa” jedhe.
47
Adoo innii dubbachuu jiruu, Yihudaan ka jara kudhanii lamaan kaan kee jiru dhufee, isa waliin gumiin guddoon goraadee fi bokuun yaatu, ta qaalloolee gugurdoo fi jaarrolleen Yihudii ergite, dhufte.
48
Yihudaan akeeka tokko warraa kennee, “Namii anin dhungadhu isaa qabaa” jedhe.
49
Yihudaan dhumnaan gara Yesus dhaqee, “Aabboo bultiin nagaa?” jedhee dhungate.
50
Yesus, “Jaala waan feetu hurrisii tolchi” isaan jedhe. Jennaan dhufanii Yesus jabeessanii qaban.
51
Namii Yesus waliin jiru tokko, goraadee ufii qalqala keessaa luqqisee, hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra irraa kute.
52
Yesus nama kaaniin, “Goraadee tee qalqalatti deebis, namii goraadee fudhatu cuftii goraadeen badaa.
53
Atin akka yo anin Aabboon, ‘Qarqaarsa naa ergii’ jedhe, innii duula kudhanii lamaa ka ergamtootaa naa ergu hinbeettuu?
54
Ammoo yo akkas taate, barreesiin qulqulloon ta wannii kun ta'uu malte jettu akkam dandeettee guutamti ree?” jedheen.
55
Yoma sun Yesus gumiitti dubbatee, “Maaf goraadee fi bokuun dhuftanii na qabdan, akka waan anin saamtuu ta'ee. Guyyaa cufa anin mana Waaqaa keessa taa'ee nama barsiise, ammoo gaafas na hinqamne.
56
Ammoo wantii kunin cuftii akka wantii raagii jedhe, guutamtuuf taate” jedhe; jennaan jarii isaa cuftii isa lakkisee baqate.
57
Warrii Yesus qabee, fulaa jarii seera beekuu fi jaarrolleen itti walwaldeette ta mana Qayyaafaatiin isa dhufe.
58
Phexros waan dubbiin buufattuun laaluuf haga cichaa mana qaallicha guddaa isa gula deemee, dhaqeetiin warra lafa eegu waliin taa'e.
59
Qaallolee gugurdoo fi korii cuftii Yesus ijjeesuuf dubbii dharaatiin himate.
60
Adoo namii hedduun dhufee, dharaan himateellee homaa irratti hinarganne. Eegee jarii lamaan tokko dhufee,
61
“Namichii kunin, ‘Anin mana Waaqaa cabsee, guyyaa sadiitti danda'ee injaara’ jedhe” jedhan.
62
Qaallichii guddaan olka'ee Yesusiin, “Atin himachaa jarii kunin si himatu tanaan homaa hinjettuu?” jedheen.
63
Yesus ammoo dubbachuu dide. Ammallee qaallichii guddaan, “Maqaa Waaqaa jiruutiin si kakachiisaa, atin yo Kiristoo, ilma Waaqaa taate, nutti himi!” jedhe.
64
Yesus isaan dubaatee, “Atuu ya jette. Ammoo waan anin isanitti himu, eegii ardhaa, ilma namaa ka harka mirgicha Waaqaa guddaa taa'ee, duumansa gubbaatiin gad deebi'u argitan” jedheen.
65
Jennaan qaallichii guddaan wayaa ufii tarsaasee, “Innii ya Waaqaa arabsee, nu dhugaa dhibii hinbarbaannu; akka innii Waaqaa arabsee isanuu dubbii isaa ya dhaageettanii;
66
isan maan herreddan?” jedhe. Warrii ammoo, “Innii wallaala qabaa, du'uu male” jedhee deebise.
67
Hancufa fuulatti tufanii dhaananii, namii garii isa dhadhabanaasee,
68
“Kiristoo, wa him, nama si dha'e nutti himi” jedheen.
69
Adoo Phexros cichaa dura taa'uu, intaltii hojjattuu qaallicha guddaa tokko dhuftee, “Atilleen Yesus Galiilaa waliin jirta” jetteen.
70
Innii ammoo warra cufa duratti mormatee, “Anin waan atin dubbachuu jirtu kana hinbeeku” jedhee,
71
fuloon ba'e. Intaltii hojjattuu tokko dhibiilleen isa gartee jara dhiiraa tokkoon, “Namichii kunin Yesus Naazireet waliin jira” jette.
72
Ammallee Phexros mormatee, “Hinkakadhaa, anin namicha kana fuulaallee hinbeeku” jedhe.
73
Eegii diqqoo tokko taan, warrii achi ejaajju Phexrositti dhufee, “Atin nama isaati, arrabii keetiiyyuu inhimaa” jedheen.
74
Phexros ammoo, “Anin namicha kana fuulaallee hinbeku” jedhee kakatee ufi abaaree, yoma sun kormii lukkuu iyye.
75
Phexros, jecha Yesus ka innii, “adoo kormii lukkuu hiniyyin atin marroo sadii na mormatta” jedheen kaan qaabatee, alatti ba'ee guddoo boo'e.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28