bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 20
Matthew 20
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
Yesus, “Mootummaan Waaqaa akka abbaa oobruu Waynii, ka ganamaan lafaa ka'ee, nama hujii qaxaruu barbaaduu jirti.
2
Akka beesee hujii guyyaa tokkoo guyyaatti kennuuf waldhaqee, oobruu Waynitti warra erge.
3
Gara saatii sadii fulaa gabaa dhandhaan, nama hujii hinqamne ka achii ejaajju argee
4
‘Dhaqaa oobruu tiyya ta Waynii keessa hojjadhaa, horii isanii baasaa’ jedhee warrii ka'ee yaa'e.
5
Saatii ja'aa fi sagaliillee akkasuma tolche.
6
Gara saatii kudhanii tokkoo kanaallee gabaa dhandhaan nama dhibii hujii hinqamne argee, ‘Isan maaf guyyaa kana cufa ka homaa hinhojjanne arma ejaajjitan?’ jedheen.
7
Warriilleen, ‘Waan namii tokkoolleen hujii nu hinkeniniif arma ejaajjina’ jedhe. Innii deebisee, ‘Yoos isaniilleen dhaqaa, oobruu tiyya keessa hojjadhaa’ ” jedheen.
8
“Laftii galgaloomnaan abbaan oobruu Wayinii guddaa hojjattootaatiin, ‘Hojjattoota Yaamii, warra eegeeti itti keeyadhuu, haga ka qaraa horii baasiif’ jedhe.
9
Warrii saatii kudhanii tokkoo barreessan kaan dhumnaan beesee hujii guyyaa tokkoo argate.
10
Warrii qara ganamaan maqaa barreessan kaan waan hagas irra argatuu ufii se'ee dhumnaan beesuma haga warra kaanii kennaanii callaa argate.
11
Horii fudhatanii tuffataanii abbaa waynitti gungumaanii,
12
‘Warrii eegee barreessan kunin diquma tokko hojjatee, nu ammoo guyyaa kana cufa aduu tana keessa oollee, atin duuba homa warraa kennite nullee kennitaa!’ jedhaniin.
13
Abbaan oobruu jara sun keessaa nama tokkoon, ‘Abboo, caqas, anin si hindabsine, atin akka hojjattee beesee hujii guyyaa tokkoo argattu “Ee'ee” jetteenitii?
14
Amma horii kee fudhadhuu gali! Anin homa sii kenne warra eegee kaallee kennu fedhaa.
15
Anin horii kiyya waan fedhu hintolchuu? Yokaan waan anin arjaa ta'eef na qoxxiftaa?’ ” jedheen.
16
Jennaan Yesus, “Namii duraa ka eegee ta'a, ka eegee ammoo ka duraa ta'a” jedhe.
17
Adoo Yerusaalem deemuu jiruu, Yesus jara ufii kudhanii lamaan karaa keessaa kophaatti yaamee,
18
“Caqasaa, nu Yerusaalem yaa'uu jira, achitti ilma namaa harka qaallolee gugurdootii fi harka warra seera beekutti kennaan, warrii du'a itti muree,
19
harka gosa dhibiitti kenna, isa gooyyeessanii, lichoon dhaanaanii, mukatti fannisan, guyyaa sadeessoo ammoo isa kaasan” isaaniin jedhe.
20
Haatii ijoollee Zabdewos ilmaan ufii Yesusittiin dhuftee, duratti gad jettee wa kadhatte.
21
Yesus, “Maan feeta?” jedhee gaafate. Isiin, “Akka ilmaan tiyya tunin lamaan, Mootummaa tee keessatti, harka kee ka mirgaatii fi ka bitaallee teteettu fedha!” jette.
22
Yesus warraan, “Isan waan kadhattan hinbeettan, isan dandeettanii muduunuu anin keessaa dhuguun indhuddanii?” jennaan, isaan, “Indandeenna” jedhan.
23
Inniilleen, “Dhugumaa muduunu tiyya keessaa dhuddan, ammoo anin jabeenna nama harka kiyya mirgaa fi bitaachaatiin ta'uu foohadhu hinqabu; fulaan tunin tama warra Aabboon kurfeesseefii” jedhe.
24
Jarii kudhannan kaan waan kana dhageennaan obbooleeyyan taan lamaanitti dallane.
25
Yesus ammoo warra cufa walti yaamee, “Isan akka jarii gugurdaan gosa dhibiitii fi jarii lafa fidu jabeenna qabu inbeettanii;
26
Isan ammoo akkasiiniti. Namii tokko yo guddaa ta'uu fedhee, ha hojjataa nama cufaa ta'uutii.
27
Ammallee namii ka duraa ta'uu fedhuu ha hojjataa keessan ta'uuti.
28
Akkuma ilmii namaa, akka namii isa hojjattuuf hindhufne, ammoo akka namaa hojjatee, jireenna ufii marroo nama hedduutiif baasu dhufe” jedhe.
29
Adoo warrii Yerikoo keessaa ba'uu jiruu, gumiin guddoon Yesus gula yaate.
30
Jarii ballaan lamaan tokko ka dhaattuu karaa tataa'uu, akka Yesus karaa sungula deemu dhageennaan iyyanii, “Ilma Daawiti, nuu na'i” jedhan.
31
Gumiin warra dhowartee, callisaa! Warraan jette.
32
Yesus ejjee warra yaamee, “Akka anin maal isanii tolchu feetan?” jedhe.
33
Warrii, “Si ila nuu bantu feenna!” jedhan.
34
Yesus warraa na'e, ila warraa tuqe, hojjuma sun lafa arganii isa gula yaa'an.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28