bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 13
Matthew 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 14 →
1
Guyyuma sun, Yesus mana keessaa ba'ee dhaattuu galaanaa taa'e.
2
Gumiin guddoon walti baanaan innii hoboloo keessa seenee achi taa'ee, duuba gumiin cuftii afaan galaanaa ejaajjite.
3
Innii mammaassaan waan hedduu warratti himee, “Namichii tokko midhaan facaasuu dhaqe.
4
Adoo innii facaasuu midhaan garii dhaattuu karaa jiganii, simphirreen dhuftee nyaatte.
5
Midhaan garii fulaa biyyeen guddoon hinjirre dhakaa gubbatti jigan. Yoosuu biqilan, ammoo waan biyyeen gad fagoo hinta'aniif,
6
aduun baanaan qancooratanii, waan hidda hinqamneef qancaran.
7
Midhaan garii qoraattii keessatti jiganii, qoraatiin waliin baatee ukkaamsite.
8
Midhaan garii biyyee dansaa gubbatti jiganii, midhaan dhalan, hagii tokko dhibba dhalanii, ka garii jaatama dhalanii, ka garii soddoma dhalan.
9
Yo gurra qabaattan dhagaa” jedhe.
10
Jarii Yesus gara isaa dhufee, “Atin maaf mammaassaan warratti dubbatta?” jedhee gaafate.
11
Yesus warraan, “Waan Mootummaa Waaqaa ka dhossaan ya isan barsiisan, warra ammoo hinbarsiimne.
12
Nama waan guddoo qabu itti daraniif, duuba innii quufeetti hambisa; nama ammoo wa hinqamne diqqoo innii qabuullee irraa fuudhan.
13
Mar. roo waan kanaatiif anin mammaassaan warratti dubbadha. Adoo laalaniillee hin argan, caqasaniillee hin dhagaan, yokaan hin midhaafatan.
14
Tanaaf wantii raagii Isaayaas jedhe ya guutamte. Innii, ‘Inuma caqaftanii ammoo hinubattan; inumalaaltanii ammoo hinmidhaafattan,
15
Garaan gumii tanaa ya daalla'e, gurrii warraalleen yaayyuu duude, akka wa hingarre, ilaallee ya dunuunfatan, akka gurralleen wa hindhageenne, akka garaan wa hinubanne, akka natti deebi'anii, anin hinfayyimne’ jedhe.
16
Isan ammoo ka iltii teessan lafa gartu, ka gurrii keessaniilleen wa dhaga'u la badhaatan.
17
Dhugumaa, waan anin isaniin jedhu, raagaa fi namii qajeelaan hedduun waan isan agartan kana argu fedhee, ammoo argu dadhabe; ammallee waan isan dhageettan kana dhaga'uu fedhee, ammoo dhaga'uu dadhabe” jedhe.
18
Yesus, “Yoos mammaassa nama midhaan facaasuu dhagaa.
19
Namii yo dubbii mootummaa Waaqaa dhaga'ee hinhubatin, hamaan kaan dhufeetti, waan garaa isaa keessatti facaasan kaan keessaa fuudha. Kunin midhaan dhaattuu karaa jige.
20
Midhaan lafa dhakaa gubbaa jige sun nama dubbii dhaga'ee hurrisee gammadaan fudhatu fakkaata.
21
Ammoo hidda hinqabu, haga diqqaa oobsee, yo dhiphuu fi gaargalii marroo dubbii tanaatiif itti dhufu yoosuu gufata.
22
Midhaan qoraatti keessatti facaasan sun nama dubbii dhaga'ee, ammoo herrega lafaatii fi sobii duroomaa dubbii taan ukkaamsee, midhaan dhaluu dhowwu fakkaata.
23
Midhaan biyyee dansaa gubbatti facaasan sun nama dubbii dhageennaan midhaafatee, duuba midhaan dhalu fakkaata; tokko dhibba, kadhibiin jaatama, ka garii soddoma dhala” jedhe.
24
Yesus mammaassa dhibii warratti himee, “Nama sanyii dansaa oobruu ufii keessatti oobre fakkaata.
25
Ammoo adoo abbaan rafuu, nyaaphii isaa dhufee, raafuu jidduu dargaayyetti facaasee, ka'ee itti dhaabate.
26
Dargaayyeen biqillaan midhaan dhalte, jennaan raafuulleen waliin baate.
27
Garbootii abbaatti dhuftee, ‘Aabboo atin sanyii dansaa oobruu tantee keessatti hinfacaamnee? Akkam aramaa qabdi ree?’ jettee gaafatte.
28
Abbaan oobruu ammoo, ‘Nyaapha kiyyatti waan kana tolche’ jedhe. Garbootii taan isaan, ‘Akka nu dhandhee aramnu feetaa ree?’ jette.
29
Abbaan oobruu, ‘Hiyyoo; hegerii adoo aramtanuu dargaayyellee waliin bubuqiftanii.
30
Haga muraansii ga'uutti lachuu ha waliin baatuu. Gaafa muransaa, anin warra muruun; qaraa raafuu walti guuraa walti hidha akka guban, ammoo dargaayyee kodhoo tiyyatti galchaa’ jedhee isaanitti hima” jedhe.
31
Yesus mammaassa dhibii warratti himee, “Mootummaan Waaqaa waan akka guma'a dambii fakkaatti, ka namii tokko fuudhee oobruu ufii keessatti facaase.
32
Innii midhaan cufa irra diqqaa, ammoo eegii ba'e midhaan cufa irra guddateetti muka guddaa ta'a. Duuba simphirreen dhuftee damee irratti mana jaaraatti” jedhe.
33
Ammallee innii mammaassa dhibii warratti himee, “Mootummaan Waaqaa bukoo nadheen fuutee, dargaayyee dhebbee lamaa ta jiisanitti naxxee, cufttii bukooftee olbaati fakkaatti” jedhe.
34
Yesus mammaassaan waan kana cufa warratti haasa'e; mammaassa malee tokkoollee namatti hinhaasoomne.
35
Tunin akka wantii raagii jedhee, ta innii, “Anin afaan kiyya banadheetti mammaassaan dubbadha, anin waan haga laftii uumamtee dhossaan hima” jedhe.
36
Jennaan gumii biraa deemee manaatti galee, jarii isaa gara isaa dhufee, “Mammaassa raafuu oobruu keessaa diideessii nutti himi” jdheen.
37
Yesus ammoo deebisee, “Namii midhaan dansaa facaasu ilma namaati;
38
oobruun lafa tana; midhaan dansaan ilmaan mootummaa Waaqaatii; raafuun ilmaan hamaa kaani;
39
nyaaphii isan facaasee Sheexanaa. Muraansii waan eegii tanaa. Warrii muruulleen ergamtoota gubbaa.
40
Akkuma raafuu walti guuranii ibiddaan guban, akkassuma eegii tanaallee taati.
41
Ilmii namaa ergamtoota ufii ergeetti, warrii mootummaa isaa keessaa waan dabaa cufaa fi warra hammeenna tolchu cufaa walti guuree
42
ibidda balali'u keessatti gata; achitti boo'anii ilkaan qaran.
43
Gaafas jarii qajeelaan akka aduu mootummaa Abbaa warraa keessatti ibsa. Yo gurra qabaattan dhagaa!” jedheen.
44
“Mootummaan Waaqaa akka horii oobruu keessatti dhossaanii jirti, ka namii argate, biyyee irratti deebisee biraa deemee, gammachuu keessa dhaqee waan qabu cufaa gurguree oobruu sun bitate.”
45
Ammallee, “Mootummaan Waaqaa akka naggaadee dooqaa midhaadduu barbaaduu jirti.
46
Ka dooqa tokko ta gatii guddoo arginaan deemee waan qabu cufaa gurguree bitate” jedhe.
47
Ammallee, “Mootummaan Waaqaa akka xuruuraa galaana keessa buussanii, qurxummii gosa cufaa walti guuruu jirti.
48
Ka yo guutame, afaan galaanaatti hirkisanii, tataanii qurxummii gargarii filanii, dadansaa olkeeyyatanii, hamaamtuu gadigatanii.
49
Eegii tanaallee gaafa muummee lafaa akkasuma taati; ergamtootii Waaqaa dhufteetti nama hamaamaa fi dadansaa gargarii baaftee,
50
nama hamaamaa ibidda balali'uutti guurte, achitti boo'anii ilkaan qaran.
51
Waan kana cufa hubattan?” jedhe. Warriilleen, “Ee'ee” jedhe.
52
Yesus warraan, “Tanaaf namii seera beeku ka waan Mootummaa Waaqaa baraatee, akka abbaa warraa ka subba ufii keessaa waan haaraa fi dullattii baasuu jira” jedheen.
53
Yesus mammaassa kana hobbaamnaan achii ka'ee deemee,
54
lafa ufii dhaqee, Mana Waldeennaa keessatti nama barsiise. Namii isa caqase cuftii maadeffatee, “Namichii kunin qalbii tanaa fi humna waan mamaa kanaan tolchu eessaa argate?
55
Kunin ilma namicha wa bocuu kaannitii? Maqaan haadha isaa Maariyamiimtii? Obbooleeyyan isaa Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudantii?
56
Obbooleeyyan isaa ta dubraa nu waliin jirtiintii? Namichii kunin jabeenna kana cufa eessaa argate ree?” jedhan.
57
Duuba isa quufu'u didanii jennaan Yesus warraan, “Raaga lafa isaatii fi warra isaa keessa malee, fulaa cufaatti inulfeessan” jedhe.
58
Mar. roo warrii dhugeeffachaa hinqamneeef innii waan mamaa achitti hintolchine.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28