bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 19
Matthew 19
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Dubbii taan buufannaan, Yesus Galiilaa keessaa ba'ee, lafa Yihudaa ta moggaa galaana Yordanos dhaqe.
2
Gumiin guddoon isa gula yaatee, achitti innii warra fayyise.
3
Fariisotii garii isa laalachuuf gara isaa dhuftee, “Namii niitii ufii yo lakkise aadaa moo aadaaniti?” jettee gaafate.
4
Jennaan Yesus, “Akka Waaqii qaraa fiixee dhiiraa fi nadheen uume, isan barreessii keessatti hindubbimnee?” jedhe.
5
Ammallee itti ida'ee, “Mar. roo waan kanaatiif dhiirtii abbaa fi haadha ufii lakkiftee niitii ufiitiin takkaa taati, warrii lamaan takkaa ta'a.
6
Warrii amma nama lamaanitii nama tokko male. Tanaaf waan Waaqii tokko tolche namii gargarii baasuu hinmale” jedhe.
7
Jennaan Fariisotii, “Museen maaf, ‘Namii yo waraqata lakkisuun niitii ufiitti kenne isii lakkisuu indanda'aa’ jedhee ree?” jedhanii Yesus gaafatan.
8
Innii deebisee warraan, “Museen marroo jabeenna mataa keessanitiif akka lakkisanii ‘Ee'ee’ jedhee malee gaafa uumamaa akkanaaniti.
9
Anin isanitti himaa, namii yo niitii ufii ta dhiira dhibii hinbaratin lakkisee nadheen dhibii fuudhee, ya seera Waaqaa cabse” jedheen.
10
Jarii Yesus isaan, “Yo wantii dhiirsaa niitiituu akkana taate, yo nadheenuu fuudhu baatan irra dansaa” jedhe.
11
Yesus deebisee, “Gorsa kana warra Waaqii kenneef callatti gula yaa'uu danda'a malee, namii cuftii gula yaa'uu hindanda'u jedhe.
12
Wantii namii nadheen hinfuuneef hedduu jira, hagii garii marroo akkasuma dhalateef, ka garii marroo namii akkas warra tolcheef, ka garii marroo Mootummaa Waaqaatiif nadheen hinfuune. Namii danda'u ha gorsa kana fudhatuutii!” jedhe.
13
Namii garii akka Yesus harka irra kaa'ee kadhatuuf ijoollee didiqqoo gara isaatiin dhufee, jarii isaa ammoo warra dhowwe.
14
Jennaan Yesus, “Ijoolleen ha gara kiyya dhuftuutii hindhowwinaa, Mootummaan Waaqaa ta nama akkanaa tanaa” jedhe.
15
Yesus harka ufii ijoollee irra kaa'ee duuba ka'ee achii itti dhaabate.
16
Gaafa tokkoo, namichii tokko gara Yesus dhufee, “Barsiisaa, anin akka jireenna barabaraa argadhu waan dansaa akkam tolchuu male?” jedhee gaafate.
17
Yesus ammoo, “Waan waan dansaa maaf na gaafatta? Namii dansaan tokko callaa, yo jireenna argachuu feete seera cufa guuti” jedheen.
18
Jennaan namichii kaan, “Seera kamfaa?” jedheen. Yesus deebisee, “Hinijjeesin, niitii namaa hinbaratin, hinhatin, hinkijibin,
19
Haateetii-Abbeetii saalfadhu, akkuma ufi jaalattu namaallee jaaladhu!” jedheen.
20
Namichii kaan, “Anin seera kana cufaa ya guutee, wantii dhibiin anin tolchuu male maal?” jedheen.
21
Yesus ammallee itti deebisee, “Yo dhuguma qixxee ta'uu feete, waan qabdu cufa gurgurii, warra hiyyeeyyii qood, duuba durooma Waaqaa gubbaa argattaa! Koottii na gula deem” jedheen.
22
Namichii kaan dubbii taan dhaga'ee jennaan, waan guddoo dureessa ta'eef akka hamaa laaleffatee ka'ee itti dhaabate.
23
Eeguma sun Yesus jara ufitiin, “Anin dhuguma isanitti himaa namii dureessii Mootummaa Waaqaa argachuun guddoo jabduu.
24
Ammallee isanitti himaa fulaa dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argattuu yo gaalii qaa'aa limmee keessaan dabru irra laafti” jedhe.
25
Jarii isaa waan kana dhageennaan guddoo mamee, “Eentu danda'ee baafama ree?” jedhe.
26
Yesus warra laalee, “Namii hindanda'uu, Waaqii ammoo waan tokkoollee hindadhabu” isaaniin jedhe.
27
Jennaan Phexros, “Laal, nu ya waan cufa lakkimnee si gula yaanee, amma maan arganna ree?” jedheen.
28
Yesus deebisee warraan, “Anin dhuguma isanitti himaa, gaafa ilmii namaa bara haaraa barcumaa guddinna ufii irra taa'uu, isaniin kudhanii lamaan kunilleen barcumaa guddinnaa irra teteettanitti, gosa Israa'el ta kudhanii lamaa cufaatti dubbii murtan.
29
Ammallee namii mana, obbooleessaa, obbooleettii, abbaa, haadha, ilmaanii fi oobruu, marroo tiyyaaf lakkise, marroo dhibba tokkoo deebisaniif, jireenna hegeriillee inargata.
30
Ammoo namii hedduun ka amma nama duraa, nama eegee ta'a, ka amma nama eegee ammoo nama duraa ta'a” jedhe.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28