bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 18
Matthew 18
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
1
Yo sun jarii Yesus gara isaa dhufee, “Mootummaa Waaqaa keessa nama cufa eennuutti irra jira?” jedheen.
2
Yesus gurbaa diqqaa tokko yaamee, jidduu warraa teesisee
3
“Ilaalaa, yo jijjiiramtan akka ijoollee didiqqoo tanaa taatan malee, Mootummaa Waaqaa diqqoollee hinargattan.
4
Nama akka daa'iima kanaa ufi diqqeessuutti Mootummaa Waaqaa keessatti nama cufaa irra guddaa.
5
Namii marroo maqaa kiyyaatiif daa'iima akkanaa dhi'eessu cuftii na dhi'eessa” jedhe.
6
“Namii ammoo fulaa ijoollee didiqqoo akkanaa tana wallaalchisu, yo silaa dhakaa daakuu morma isatti hidhanii, dhimphuu galaanaa keessa buusan, irra wayya.
7
Gaargala lafaati, marroo wantii nama gufachiisaa hedduun jirtuuf. Wantii akkanaa kun yo cufa injirti, ammoo gaargala warra waan kanaan dhufeete.”
8
“Yo harkii kee yokaan miilii kee si wallaalchise, ufirraa kutii gati! Fulaa harka lamaaniif fi miila lamaan qabaattee ibidda hegerii keessa si buusan mannaa yo okkoltee, yokaan naafattee jireennaa jiruu hegerii argatte, irra sii wayya.
9
Yo iltii tee si wallaalchifte, ufi keessaa baasii gati! Fulaa ila lamaanuu qabaattee ibidda keessa gad si gatan mannaa yo ila tokkoon jireenaa jiruu hegerii argatte irra sii wayya” jedhe.
10
Yesus, “Akka ijoollee didiqqoo tana tokkoollee hintuffanne Eegadhaa! Anin isanitti himaa ergamtootii isanii gubbatti yo cufa fuula Abbaa kiyyaa dura ejaajjiti. Wantii akkanaatiif ilmii namaa ka bade baasuu dhufe.”
12
“Maan seetaan? Namii hooliyyee dhibba tokkoo qabu, yo tokko bade, sagaltamii sagallan taan dheedatti lakkisee, tokkocha bade kaan barbaaduu hindhaquu?
13
Duuba yo argate, anin dhuguma, isanitti himaa, innii hooliyyee sagaltamii sagallan ta takka hinbadin taan irra, hoolaa tokkocha badee gale kanaaf gammada.
14
Akkasumaa ijoollee didiqqoo tana keessaa tokkoolleen baduun fedhii Abbaa keessan ka Waaqaa gubbaatiiniti” jedhe.
15
Yesus ammallee itti dabree, “Yo obbooleessii kee sitti dabe, kophaatti yaamii gorsi. Yo innii dubbii tee dhaga'ee, atin obbooleessa keetii ya waan guddoo taate.
16
Ammoo yo innii si dhaga'uu dhibaate, nama tokkoo lama yaamii, akka dubbiin cuftii dhugaa nama lamaa sadii taatinu.
17
Yo innii dubbii warraa dhaga'uu dhibaate gumii baasan; ammallee yo innii gumii Waaqaa caqasu dide, akka warra Waaqatti hindhugeeffaneetii fi akka nama qaraxa guuruutti herregan.”
18
“Anin dhuguma, isaniin jedhaa, waan isan lafa tana irratti hiitan, Waaqaa gubbaalletti hidhan; ammallee waan isan lafaatti hiittan Waaqaa gubbaalletti hiikan.”
19
“Ammallee waan anin isaniin jedhu, yo isan namii lama lafa tana irratti waldhaxxan Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaa waan isan kadhattan isanii kenna.
20
Yo namii lamaa sadii wal walwalda'ee maqaa kiyyaan kadhate, anin jidduu warratti inargama” jedhe.
21
Phexros gara Yesusii dhufee, “Aabboo, yo obbooleessii kiyya natti dabe, anin marroo hagam araaramaaf? Mar. roo torbaa?” jedheen.
22
Yesus deebisee, “Anin marroo torba siin hinjedhuu, ammoo torbaatama marroo torba” jedheen.
23
Yesus itti dabree, “Mootummaan Waaqaa, hayyuu tokko, ka henna garboota ufii hobaafachuu fedhe fakkaata.
24
Herrennaan namicha tokko ka gatii isaa horii muumme hinqamne qabu isaatiin dhufan.
25
Innii baasuu dadhamnaan, hayyuun kaan akka isaa fi waan innii qabu cufa, niitii isaatii fi ijoollee isaallee gurguranii gatii sun baasan mure.
26
Garbichii kaan miila abbaa ufii duratti jigee, ‘Aabboo kiyya diqqoo naa obsi waan cufa sii baasaa’ jedhee kadhate.
27
Abbaan kaan na'eefii gatii cufa lakkiseefii, been deem” jedheen.
28
“Namii kaan achii deemnaan, hojjataa waahela isaa tokko ka gatii isaa diqqoo tokko qabu argee, ‘Gatii tiyya naa baasi’ jedhee hudhee qabe.
29
Waahelii isaa kaan miilatti jigee, ‘Abboo sii baasaa diqqoo naa obsi’ jedhee kadhate.
30
Innii ammoo didee, haga innii gatii isaa baasuutti hindhansaa keessa isa buuse.
31
Garbichii dhibiin waan kana arginaan guddoo laaleffatee, dhaqee abbaatti hime.
32
Abbaan kaan hojjataa kaan yaamee, ‘Atin hojjataa homaa hinbaane, anin gatii tiyya ta atin qabdu cufa, marroo atin na kadhatteef sii lakkise.
33
Akkuma anin sii na'e atilleen garbicha waahela keetii sunii na'uu malte’ jedheen.
34
Abbaan guddoo dallanee, haga innii gatii isa irra jirttu cufa baasuutti, hojjataa kaan mana hindhansaa keessa buuse.
35
Tanaaf yo isan garaa keessan keessatti obbooleeyyan teessanii hinarraaramnee, Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaalleen akkasuma isan tolcha” jedhe.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28