bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 1
Leviticus 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 2 →
1
Rabbi Muusee waamee daasee wol gayi'ii keessatti akkana jedhee itti dubbate;
2
ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi, ‹Isin keessaa namni kamuu yoo Rabbii kennaa dhiyeessitan horii keessaa loon, hoolaa yookaan re'ee dhiyeessitan;
3
Kennaan ciincaa gubamuuf dhiyaatu horii keessaa yoo ta'e korma mudaa hin qabne haa dhiyeessuu; hennaa dhiyeessu Rabbitti akka toluuf balbala daasee wol gayi'ii afo'otti haa dhiyeessuu.
4
Horii ciinca'aaf dhiyeessu san akka cubbuun isaa dhiifamuuf harka mataa isaa irra haa kaawuu, yoo san hin dhiifamaaf.
5
Korma san Rabbiin afo'otti goorra'a; ijoolleen Aaroonii gadoonni dhiiga san hin dhiyeessan; dhiiga san daasee wol gayi'ii afoo naannaya hulee ciinca'aa maratti haa facaasanii.
6
Achiin maayessa horii ciinca'aaf goorra'ame san qalee akkaataa qaama fooniitiin haa mummuruu;
7
ijoolleen Aaroonii gadichaa hulee ciinca'aatitti muka darabeessanii ibidda itti haa bobeessanii;
8
ijoolleen Aaroonii gadoonni foon akkaataa qaama isaatiin mummurame mata'aa fi cooma muka hulee ciinca'aa ka ibidda gubba'atti darabeessan irra haa kaayanii.
9
Mi'a gara'aatii fi kottee arfan ammo bisaaniin haa miicuu; gadichi ciincaa ibiddaan gubamee dhiyaatu maraa Rabbiin biratti akka urgaa mishaa ta'u ciincaa godhee guba.
10
Wonti ciinca'aaf dhiyaatu hoolaa yookaan re'ee yoo ta'e korbeessa mudaa hin qabne haa ta'uu.
11
Hulee ciincaa itti dhiyeessan gara cinaa mirgaatiin Rabbiin afo'otti goorra'a; dhiiga san ijoolleen Aaroonii gadoonni hulee ciinca'aa gubba'aa fi naannayatti facaasan.
12
Akkaatama qaama fooniitiin mata'aa fi moorallee kukkutan; gadichi foon san fuudhee muka ibiddaa ka hulee ciinca'aa irra kakkaaya.
13
Gadichi mi'a gara'aatii fi kottee arfan miicee foon maraa fidee hulee ciinca'aa irratti guba; ciincaan gubatu sun Rabbiin afo'otti kennaa urgaayaa ta'a.
14
Kennaan ciinca'aa ka Rabbiif dhiyaatu ka allaatti'ii yoo ta'e, Handari'ii fi ilmoolee kuukurru'uu dhiyeessa;
15
gadichi mataa micciiree kutee dhiiga hulee ciinca'aa biratti guba; dhiinni sun hulee ciinca'aa irratti coccopha.
16
Mi'a gara'aa koolaan gargar baasee gara cinaa baya biiftu'uutiin hulee daaraan itti gatamutti gata.
17
Koollan adda babbaasa; garuu hulee lamatti hin qoodu; gadichi muka ibiddaa ka hulee ciinca'aa irratti guba; ciincaan gubatu sun Rabbii kennaa urgaayaa ta'a.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27