bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 23
Leviticus 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 24 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Banii Israa'eliititti akkana jedhii himi; ayyaana kiyya ka wol gayii woyyootaati jettanii labsitan kanniin;
3
guyyaa jahaa hujii hojjadhaa'a; guyyaan torbeesso'oo garuu Sambata hara itti baafattan; guyyaa wol geettii woyyootaa ta'a; guyyaa kanatti hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a; hulee jiraattan marattuu guyyaan Sambataa guyyaa Rabbiif woyyoome.
4
Ayyaanni Rabbii kunniin wol gayii woyyootaa ka bara baraan labsitan.
5
«Ji'a duraa guyyaa kudha arfeesso'ootitti yoo galgalaaye ayyaana faasika'aa ka Rabbi itti kabajjamu.
6
Ji'uma kana guyyaa kudha shaneesso'ootitti ayyaana xorosho'oo kabajji; guyyaa torbaa xoroshoo nyaadhaa'a.
7
Guyyaa duraa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a.
8
Guyyaa torbaa ciincaa gubamu Rabbii dhiyeessaa'a; guyyaan torbeesso'oo wol gayii woyyootaati; guyyaa kanatti hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a» jedheen.
9
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
10
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara lafa ani isinii kennuu galtan, hennaa midhaan keessan haamattan, qixiraa midhaan keessanii ka duraa gara gadichaa fidaa'a.
11
Innillee qixiraa san akka Rabbi isin irraa jaalatu Rabbiin afo'otti haa sosochoosuu; bariisaallee Sambataan maayessa gadichi haa sosochoosuu.
12
Guyyaa qixiraa san itti sosochooftan korbeessa woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne ciincaa gubamu Rabbii dhiyeessaa'a.
13
Kennaa midhaanii kudhan keessaa harka lamaa daakuu dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kennaa urgaayaa Rabbiif ibiddaan ciincawu haa ta'uu; kennaan waan dhuganiillee daadhii woyini'ii iifii tokko dhiyeessitan.
14
Buddeena, hamaamoo woddame, hamaamoo mishaa, mocee haga kennaa Rabbii keessanii dhiyeessitanitti hin tuqinaa'a; seerri kun biyya keessa jiraattan marattuu seera bara baraa ka ijoollee ijoollee keessanii haa ta'uu.
15
«Qixiraa kennaa socho'u gootee haga Rabbii dhiyeessite, bariisaa Sambataatii jalqaba'aatii torbaan torbaa laakkayaa'a.
16
Haga bariisaa Sambata torbeesso'oo guyyaa shantamaa laakkayaa'a; Kennaa midhaanii haarawa Rabbii dhiyeessaa'a.
17
Maatiin keessan maruu kennaa midhaanii harka lamaa olii ka sosocho'u kennaa Rabbii haa dhiyeessuu; kennaan midhaanii martinuu ka raacitii qabu daakuu bullaayaa iifii lamaa ka bilchaate woliin Rabbiif kennaa duraa ta'ee haa dhiyaatuu.
18
Buddeena san woliin korbeeyyii torbaa ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne, jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa lama ciincaa Rabbii gubamu gootanii kennaa midhaanii, kennaa waan dhuganii woliin, kennaa urgaayaa ibidda irratti Rabbii ciincawu gootanii dhiyeessitan.
19
Korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif korbeeyyii woggaa tokkoo lama ciincaa fayyumma'aatiif Rabbii dhiyeessaa'a.
20
Gadichi buddeena duraa korbeeyyii lamaa woliin Rabbiin afo'otti sosochoosa; kunillee dhiyana gayee gadichaa ta'a.
21
Guyyaa san akka wol gayii woyyootaa isinii ta'u labsitan; guyyaa san hujii manaa maraa hin hojjatinaa'a; seerri kun biyya keessa jiraattan marattuu seera bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitiif haa ta'uu.
22
«Hennaa midhaan keessan haamattan daangaa qonna keessanii irraa midhaan fixxanii hin haaminaa'a; soqatoollee hin guuratinaa'a; hiyyeeyyi'ii fi worra isinitti galeef dhiisaa'a; ani Rabbi Waaqa keessan.
23
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
24
«Banii Israa'eliititti akkana jedhii himi; ji'a torbeesso'oo guyyaa duraa guyyaa addaa ka ayyaana hara baafanna'aa kabajjitan; hennaa laagaa xurumba'aa dhageettan Rabbiin waaqeffachu'uuf wol gayaa'a.
25
Guyyaa san hujii maraa hin hojjatinaa'a; ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a» jedheen.
26
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
27
«Ji'a torbeesso'oo guyyaan kudhaneesso'oo guyyaa araaraa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa san homaa hin nyaatinaa'a; kennaa midhaanii ka ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a.
28
Rabbii Waaqa keessan afo'otti akka guyyaa araaraa isinii ta'u guyyaa san hujii maraa hin hujinaa'a.
29
Guyyaa san namni soomee hin saganne maruu banii wodhakka'aa fooyamee haa baduu.
30
Nama guyyaa san waa hojjatu maraa banii keessaa baasee balleessa.
31
Kanaafuu guyyaa sanitti womaa hin hujinaa'a; kun biyya keessa jiraattanii fi bara jireenna keessanii maraa ijoollee ijoollee teessanii maraaf seera bara baraati.
32
Jiini seenee guyyaa salgeesso'oo aduun dhiitee haga guyyaa kudhaneesso'oo haga aduun dhiitutti uduu homaa hin nyaanne guyyaan kun guyyaa addaa guyyaa Sambataa ka hara baafataa isinii haa ta'uu. » jedheen.
33
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
34
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ji'a torbeesso'oo hennaa akkanaa ji'a keessa guyyaa kudha shaneesso'ootii jalqabee haga guyyaa torbaa Rabbiif ayyaana daasee keessatti ayyaanteeffattan ta'a.
35
Guyyoota kanniin keessatti Rabbiin waaqeffachu'uuf wol gayaa malee hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a.
36
Guyyaa torbaa maraa kennaa Rabbiif ciincawu dhiyeessitan. Guyyaan saddeetesso'oo guyyaa Rabbiin itti waaqeffattan isinii haa ta'uu; guyyaan kun guyyaa addaa ka Rabbiin itti waaqeffatan; kanaafuu hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a.
37
«Hennaa waaqeffannaa keessan raawwachu'uuf wol geettan ciincaan Rabbiin ittiin kabajju'uuf dhiyeessitan ka nyaataa ciincaa gubamu, kennaa midhaanii ka biraallee kennaa daadhi'ii akka barbaachisutti kennaan guyya guyya'aan ayyaanaaf dhiyeessitan kanniin fa'a.
38
Kunniin kennaa guyyaa Sambataatiin ala ka fedha keessaniin dhiyeessitan maraa irraa adda.
39
«Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti haga sanyii lafaa wolitti qabattaniin maayessa, haga guyyaa torbaatiif Rabbiin waaqeffattan; guyyaan duraa hara baafannaa isinii haa ta'uu; guyyaan saddeetesso'oollee guyyaa hara baafanna'aa isinii haa ta'uu.
40
Guyyaa duraa muka biyya keessan keessa jiru keessaa daraaraa hagoo'o; baala meexxi'iitii fi haafa muka lalisee qabattanii Rabbii Waaqa keessan afo'otti gammada'aa haga guyyaa torbaa ayyaana godhattan.
41
Ayyaana kana haga woggaa torbaa Rabbiin afo'otti godhaa'a; kun seera ijoollee teessanii ka baraa haga bara baraa haa ta'uu; kana hennaa maraa ji'a torbeesso'ootitti hin ayyaanteeffattan.
42
Guyyaa torbaa daasee keessa teettan; kun akka hennaa ani biyya Misiriitii isin baasee daasee keessa isin kaaye ijoolleen ijoollee teessanii akka beekan ijoolleen biyya Israa'elii keessa jiraatan maruu daasee keessa haa taa'anii; ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef» jedheen.
44
Muuseen waan ayyaana Rabbii kana ijoollee Israa'eliititti hime.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27