bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 4
Leviticus 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 5 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; eennullee uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; yoo seera Rabbii keessaa takkattiillee diige,
3
«Gadichi muudamellee cubbuu bani'itti laakkayamu yoo hojjate waan cubbuu hojjateetiif mirgoo mudaa hin qabne cubbuu ufiitiif ciincaa Rabbii haa dhiyeessuu.
4
Mirgoo gara balbala daasee wol gayi'iititti Rabbiin afoo dhiyeessa; harka ufiillee mataa mirgo'oo irra kaayee Rabbiin afo'otti goorra'a.
5
Achiin maayessa gadichi muudamellee dhiiga mirgoo sanii fuudhee gara daasee wol gayi'ii fidee;
6
gadichi dhiiga qubaan tuqee golga hulee woyyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiiga san harka torbaa facaasa.
7
Gadichi daasee wol gayi'ii keessatti hixaana urgaayaa gaaffan hulee ciincaa itti aarsanii irratti facaasa; dhiiga mirgo'oo ka hafe maraa hulee ciinca'aaa ka afoo daasee wol gayi'ii jiru jalatti jissa.
8
Moora mirgo'oo ka waan cubbu'uutiif qalame maraa fuudhee moora mi'a gara'aa dhossu, moora mi'a gara'aa maraa,
9
Kalee lamaanii fi moora kalee lamaan biraa, moora tiruu irra jiru kalee woliin fuudhee
10
gadichi ibidda hulee ciinca'aa irratti akka waan mirgoo fayyinnaaf ciincaa ta'eetitti dhiyeessa.
11
Garuu gogaa mirgo'oo, foon, mataa'a, miillan, mi'a gara'aatii fi
12
cumaa mirgo'oo maraa ganda keessaa gara hulee daaraa ibiddaa itti jissanii gara hulee qulqullu'uu fidee muka irratti ibiddaan guba.
13
«Baniin Israa'elii maruu cubbuu hojjatanii cubbuun sun yoo banii jalaa dhokate; waan Rabbi hin hujinaa'a jedhee isaan ajaje keessaa waan tokkoonillee yoo yakka hujan,
14
cubbuun hojjatame yoo beekkame baniin waan cubbuu saniitiif mirgoo dhiyeessee gara hulee daasee wol gayi'ii fida;
15
jaarsonni bani'ii Rabbiin afo'otti harka ufii mirgoo irra kaayanii Rabbiin afo'otti goorra'an.
16
Gadichi muudame dhiiga mirgo'oo gara daasee wol gayi'ii fida;
17
gadichi dhiiga san qubaan tuqee Rabbiin afo'otti golga keessatti harka torbaa facaasa.
18
Daasee wol gayi'ii keessatti hixaana ciinca'aa ka gaaffan keessa jiru irrattillee hin godha; dhiiga san hulee ciinca'aa ka balbala daasee wol gayi'ii jalatti jissa;
19
kanaan maayessa moora maraa achi irraa fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceessa.
20
Akkuma mirgoo ciincaa cubbu'uutiif dhiyaateetitti gadichi dhiifamsa cubbu'uutiif dhiyeessa; isaaniillee hin dhiifama.
21
Kanaan maayessa mirgoo ganda keessaa gara raasa'aa baasee akkuma mirgoo duraa ciincesse ciincessa.
22
«Namni guddaan biyya bulchu tokko yoo cubbuu huje, wollaala keessa ajaja Rabbii Waaqa ufii ka hin godhin jedhu godhee yoo yakke,
23
cubbuun inni huje yoo beekkame, korbeessa re'e'ee ka mudaa hin qabne dhiyeessee;
24
harka ufii mataa re'e'ee irra kaaya; hulee ciincaan itti qalamutti Rabbiin afo'otti goorra'a; kun ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti.
25
Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan ciincaa ciincawuuf ta'u irra godha; dhiiga hafe hulee ciincaa ciinceessan jalatti jissa.
26
Moora maraa akkuma ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuu hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; gadichi akka cubbuun dhiifamuuf godha; isaallee hin dhiifama.
27
«Banii biyyaa keessaa namni tokko uduu hin beenne cubbuu Rabbi hin hujinaa'a jedhe yoo hojjatee yakke,
28
cubbuun inni hojjate sun yoo itti beekkame re'ee dhaltuu mudaa hin qabne kennaa godhee dhiyeessa.
29
Harka ufii waan ciincaa cubbu'uutiif dhiyeesse san irra kaayee hulee ciincaan itti dhiyaatutti goorra'ee ciincaa godha.
30
Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan hulee ciinca'aa irra godha; dhiiga maraa hulee ciinca'aa jalatti jissa.
31
Moora maraa akkuma ciincaa fayyinnaa irraa fuudhan moora maraa fuudha; gadichi akka urgaa mishaa Rabbiif ta'u hulee ciinca'aa irratti ciinceessee waan isaatiif dhiifamsa godha; hin dhiifamaafille'e.
32
«Waan ciincaa cubbu'uutiif goromtii hoola'aa yoo dhiyeesse; ta mudaa hin qabne dhiyeessa.
33
Harka ufii goromtii hoola'aa ta ciinca'aaf dhiyaatte san irra kaaya; hulee ciincaan itti qalamutti dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa godha.
34
Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan hulee ciinca'aatitti godha; dhiiga maraa hulee ciinca'aa jalatti jissa.
35
Kanaan maayessa moora maraa akkuma hoolaa ciincaa fayyinnaatiif dhiyaatu irraa moora fuudhu fuudhee gadichi kennaa ibiddaan Rabbiif ciincawu irratti ciinceessa; gadichillee waan cubbuu namichi hujeetiif dhiifamsa goosisaaf; isaallee hin dhiifama.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27