bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 21
Leviticus 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 22 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Aaroonii gadootatti akkana jedhii himi, gadichi tokko hennaa firri isaa du'e,
2
haadha, Abbaa'a, obboleessa akkasuma obboleettii isaa ta hin heerumne, ta mana isaanii keessatti dhalatte reeffa isaanii yoo ta'e malee reeffa nama biraa tuqu'uun uf hin batteessin;
3
yookaan ta fira dhiyo'oo ta heerumtee hin jirre ta isa bira jirtu tuquu hin danda'a;
4
bulchaan bani'ii uf dhiphisu'uun uf hin batteessin.
5
«Gadoonni akka mataa hin haadanne, areeda ufiillee akka hin haadanne, nafa ufiillee hin butatin.
6
Waaqa isaaniitiif woyyoota haa ta'anii; maqaa Waaqa ufii akka hin xureessine; buddeenaa fi kennaa ciincaa ibiddaan dhiyaatuu waan Rabbii Waaqa isaaniitii dhiyeessaniif woyyoota haa ta'anii.
7
Waan nama Goofta'aaf woyyoome ta'eef, gursummeettii akka hin fuune yookaan ta abbaa worraa hiitte hin fuudhin.
8
Waan buddeena Waaqaa dhiyeessuuf hin woyyoomsitaan; anillee Waandhi kee waan woyyuu ta'eef inni woyyuu sii haa ta'uu.
9
Intalti yookaan mucattiin gadichaa yoo seebaru'uun uf xureessite, waan abbaa ufiillee xureessituuf, ibiddaan gubattee haa duutuu.
10
«Gadichi obboleewwan ufii keessaa hangafa ta'e, ka mataa isaa irratti dhadhaa ejersaa buufate, uffata uf irraa akka hin mulqine, uffata ufiillee akka hin biinxine.
11
Gara mana reeffi jiruu hin seenin; yoo haadhaa fi abbaallee ta'e seenee akka uf hin batteessine.
12
Waan gadummaan kiyya ka Waaqa isaa woyyuun isa irra jiruuf; mana woyyuu keessaa akka hin baane, hulee woyyuu Waaqa ufiillee hin xureessin; ani Rabbiin waan ta'eef.
13
Inni durba haa fuudhuu.
14
Ta abbaa worraa jalaa baate, ta abbaan manaa irraa du'e, yookaan ta adaba hin qabne hin fuudhin; durba haa fuudhuu.
15
Ani Waaqa woyyoomsu waan ta'eef, sanyii isaa keessaa banii wodhakka'atti fiixaa ufii hin batteessin.
16
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
17
«Ati Aarooniin ‹fiixaa kee keessaa namni mudaa qabu maruu buddeena Waaqa ufiitii kennu'uuf akka hin dhiyaanne.
18
Ballaan, hokkolaan, nama funyaan baxxe'ee, nama qaama irratti qaama eda'ame qabu,
19
Nama luka cabe, ka harka cabe,
20
Nama dudda goorro'oo, farra, nama ija mooca'aa, cittaayaa'a, baccarroo, ka uumamaan qaama uumatuun hin qabnee fi namni shingaaye maruu hin dhiyaatin.
21
Fiixaa gadicha Aaroonii keessaa namni mudaa qabu ciincaa gubamu Waaqaaf akka hin dhiyeessine waan mudaa qabuuf buddeena Waaqa ufiitii dhiyeessu'uuf akka hin dhiyaanne.
22
Buddeena Waaqa woyyu'uutii fi ka woyyuu woyyootaa haa nyaatuu;
23
garuu waan mudaa qabuuf akka mana woyyuu kiyya hin xureessine gara woyyittii woyyootaa akka hin seenne, gara hulee ciincaa itti dhiyeessaniillee akka hin dhiyaanne; ani Waaqa isaan woyyoomsu waan ta'eef› jedhii himi» jedheen.
24
Muuseen waan kana maraa Aarooniin, ijoollee Aarooniitii fi ijoollee Israa'elii marattuu hime.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27