bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 5
Leviticus 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 6 →
1
«Namni tokko waan beeku seera afoo dhiyaatee waan beeku san yoo himuu baate waan cubbuu itti ta'uuf yakkama'a.
2
«Eennullee uduu hin beenne yoo waan battii tuqe, raqa busaawaa du'ee, yookaan raqa horii battaayee, yookaan raqa busaawaa lafa irra looyuu ka du'ellee yoo ta'e inni akka tuqe yoo beeke itti himaa'a yakka itti ta'aa.
3
«Yookaan namni uduu hin beenne yoo waan battii tuqe yoomiinillee akka waan battii san tuqe yoo beeke yakka itti ta'a.
4
«Eennullee waan hama'aa fi waan mishaa uduu hin beenne jarjaree ariiti'iin yoo kakate sanniin lamaan keessaa tokko dogoggora ta'uu yoo beeke, kanniin keessaa tokkoon yakkama'a.
5
«Waan kanniin keessaa yoo waan tokkoon yakke waan hojjate saniif cubbuu ufii hin himata.
6
Cubbuu hojjate saniif ciincaa dhiifamsa cubbu'uu Rabbii dhiyeessa; inni tika keessaa goromtii hoola'aa yookaan goromtii re'e'ee dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa dhiyeessa; gadichi waan cubbuu isaatiif araara godhee dhiyeessa.
7
«Cubbuu hojjatee wonti hoola'aan bitatu yoo hanqateef kuukurruu lamaa yookaan ilmoolee handari'ii takka ciincaa cubbu'uu, ta lammeesso'oo ciincaa ciincawu godhee Rabbiif dhiyeessa.
8
Gara gadichaa fidee inni ciincaa cubbu'uu san morma micciira garuu hin kutu;
9
dhiiga ciincaa dhiyaatee girgiddaa hulee ciinca'aatitti facaasa; dhiiga hafe hulee ciinca'aa jalatti jissa; inni sunillee dhiifamsa cubbu'uuti.
10
Akkuma seeraatitti ka lammeesso'oollee ciincaa godhee qopheessa; akka kanaan gadichi cubbuu inni hojjate dhiisisiisaaf; isaallee hin dhiifama.
11
«Yoo kuukurruu lama yookaan ilmoolee handari'ii lama bitu'uuf ka horiin hanqatuuf ta'e cubbuu hojjate saniif daakuu iifii tokkoo ciincaa cubbu'uu godhee haa dhiyeessuu; waan ciincaa cubbu'uu ta'eef dhadha'aa fi hixaanallee itti hin buusu.
12
Achiin maayessa gara gadichaa fida; gadichi akka yaadannoo ta'uuf daakuu ganaa tokko guutuu fuudhee kennaa ciinca'aa ka Rabbiif ibiddaan ciincawu irratti hulee kennaan dhiyaatu irratti ciinceessa; kunillee ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti.
13
Gadichi waan sanniin keessaa tokkoon waan cubbuu hojjatameetiif dhiifamsa taasisa; innillee hin dhiisaaf; kennaan midhaanii ka hafe ka gadichaa ta'a.»
14
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
15
«Eennullee yoo cubbuu Rabbi hin hojjatinaa'a jedhe hojjatee yakke, uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, dhiifamsa cubbu'uutiif mana woyyuu keessatti akkuma tilmaamaatitti Rabbiif ciincaa dhiyeessa; akkuma hubattetti dhiyeessita.
16
Waan qulqullaayeen gatii cubbuu hojjatee kaffala; waan dura kaffalu irratti harka shanii keessaa harka tokko eda'ee gadichatti kenna; gadichi hoolaa san gatii ciincaa cubbu'uu godhee dhiyeessa; cubbuunillee isaa dhiifama.
17
«Eennullee ajaja Rabbii keessaa uduu hin beekin tokko diigee yoo cubbuu hojjatee yakke, inni yakkama'a; yakki isaa isuma irra jira.
18
Korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne hoolota keessaa akkuma gatiin isaa bikkameen gadichatti fida; gadichillee yakka inni uduu hin beenne hojjateef hin araarsaaf; cubbuunillee isaa dhiifama.
19
Kunillee ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti; kun dhugamaan waan Rabbiin biratti yakka ta'eef.»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27