bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 20
Leviticus 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 21 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Banii Israa'eliitiin akkana jedhi, ‹Banii Israa'elii keessaa eennullee waaqa tolfamaa Molook jedhamuu yoo ciincaa dhiyeesse sirima haa ajjeefamuu; namoonni biyya Israa'elii dhaga'aan isa haa dhayanii.
3
Eennullee ijoollee ufii keessaa tokko waaqa tolfamaa Molook jedhamuu kennee mana woyyuu kiyya yoo batteesse, maqaa kiyya yoo salphise, Ani nama san hin adaba; banii kiyya keessatti isa hin laakkayu.
4
Namni sun fiixaa ufii waaqa tolfamaa Molook jedhamuu yoo kenne, baniin biyyaa isa argee nama san yoo lash itti jedhee ajjeesuu baate,
5
Ani isaa fi banii mana isaanii irratti balaa fida; isaa fi worra waaqa tolfamaa sanii sagadu'uuf duukaa deeman maraa banii keessaa fooyee balleessa.
6
«Worra hafuura ekera'aa waaman, worra moru duukaa deemanii fi worra hujii ufiitii sagadan, nama san ani hin balleessa; banii keessaa isa baasee adaba.
7
Kanaafuu ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef qaama keessan woyyoomsa'aatii woyyoota ta'aa'a.
8
Seera kiyya eegaa'a; raawwadhalle'e; Ani Rabbi Waaqa isin woyyoomsu» jedheen.
9
Eennullee ka abbaa ufiitii fi haadha ufii arrabsu sirima haa ajjeefamuu; Abba'aa fi haadha ufii waan arrabseef inni nama dhiigaati.
10
Eennullee haadha manaa ta nama biraa yookaan haadha manaa ta goshoo ufii woliin yoo seebare ta seebartee fi ka seebare sirima haa ajjeefamanii.
11
Eennullee haadha manaa abbaa ufii woliin yoo ciise waan nafa abbaa ufii fafeesseef lamaanuu haa ajjeefamanii; ka gumaa isaanii gaafatu hin jiru.
12
Eennullee yoo intala ilma ufii woliin ciise, waan waan battii hojjataniif lamaanuu sirima haa ajjeefamanii; gumaa isaanii namni gaafatu hin jiru.
13
Namni tokko akka intala fuudhutti yoo dhiira fuudhe, isaan lamaanuu waan waan battii hujaniif sirima haa ajjeefamanii; gumaa isaaniillee namni gaafatu hin jiru.
14
Eennullee haadhaa fi intala yoo fuudhe batti'i; akka cubbuu isinitti hin taane sadiinuu ibiddaan haa gubamanii.
15
Eennullee akka dubartii woliin ciisutti horii bira yoo gaye, sirima haa ajjeefamuu; horiin sunillee haa ajjeefamuu; gumaa isaanii namni gaafatu hin jiru.
16
Dubartiin takka akka dhiira woliin ciiftutti yoo horii kormaatitti dhaxxe dubartiin sunii fi horiin sunillee haa ajjeefamanii; namni gumaa isaaniitiif gaafatu hin jiru.
17
Namni tokko obboleettii ufii ta abbaan isaa uumate, yookaan ta haati isaa deette yoo fuudhee, isaan lamaanuu waan shinga'aa waan hojjataniif banii ufii afo'otti haa ajjeefamanii; waan inni obboleetti ufii fafeesseef cubbuunillee tama isaaniiti.
18
Eennullee dubartii garaa argitetti yoo dhaqe, waan jiidha garaa isi'ii san irraa mulqeef, isaan lamaanuu banii keessaa bayanii haa badanii.
19
Obboleetti abbaa keetii yookaan obboleettii haadha teetiititti hin dhaqin; namni waan kana godhe, nafa fira ufii waan fafeesseef cubbuun isa irra taati.
20
Namni yoo haadha manaa abbeeraa ufiititti dhaqe waan abbeeraa ufii fafeesseef cubbuun isaanuma irra ta'a; isaan uduu hin uumanne du'an.
21
Namni yoo haadha manaa ta obboleessa ufii fuudhe, inni nafa obboleessa ufii waan fafeesseef, finna malee hafan.
22
«Kanaafuu biyyi itti galu'uuf taatan akka isin hin dinne, seeraa fi ajaja kiyya maraa eega'aa raawwadhaa'a;
23
Seera banii ani isin afo'oo balleessuutitti hin bulinaa'a; waan waan kanniin maraa godhaniif ani isaan jibbeera.
24
Isin garuu biyya isaanii dhaaltan; akka dhaaltaniifillee biyya aannanii fi damma baaftu isinii kenna waan jedheeruuf; ani Rabbi Waaqa keessan ka banii ormaa keessaa fooyee isin baase.
25
Kanaafuu horii qulqulluu battii irraa, simbira qulqulluu simbira battii irraa fooyaa'a; hori'ii fi simbira ani batti'i jedhee addaan fooye, waan lafa irra sosocho'u maraan uf hin batteessinaa'a.
26
Ani Rabbi woyyuu waan ta'eef isinillee akka kiyya taatan banii ormaa keessaa waan isin fooyeeruuf isinillee woyyoota naa ta'aa'a.
27
«Dhiirti yookaan intalti yoo ekeraa dubbifte yookaan yoo mortuu ta'an, dhaga'aan dhayamanii haa ajjeefamanii; gumaa isaaniitiifillee namni gaafatamu hin jiru.»
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27