bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 19
Leviticus 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 20 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Banii Israa'elii maraanuu, ‹Ani Rabbi Waandhi keessan woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a.
3
Isin maruu abba'aa fi haadha keessan kabajjaa'a; Sambata tiyya eegaa'a.
4
«Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef, gara waaqa tolfama'aa hin gorinaa'a, waaqa tolfamaa worra biraa ka harkaan baffamee tolfamuu, fakii waaqolee tolfama'aa keessan hin godhatinaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessa waan ta'eef.
5
Yoo ciincaa fayyinnaa Rabbiif dhiyeessitan akka isa itti gammachiiftanitti ciinceessa'aaf.
6
Gaafa guyyaa ciincaa dhiyeessitanii fi haga bariisa'aa hin nyaattama; haga guyyaa sadeesso'oo yoo hafe, ibiddaan gubdan.
7
Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaattame batti'i, nattillee hin tolu.
8
Namni waan kana nyaatellee waan Rabbiif woyyoome waan batteesseef cubbuun isa irra taati; namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu.
9
«Hennaa midhaan haamattan, midhaan daangaa irraa mara hin haaminaa'a; soqatoollee daangaa irraa hin guurinaa'a.
10
Soqatoo woyinii keessaniillee hin guurinaa'a; sanyii woyinii keetii ka harca'ellee hin guurin; ka hiyyeeyyi'iitii fi ka worra isinitti galee waan ta'eef dhiisi; Ani Rabbi Waaqa keessan.
11
«Hin hatinaa'a; hin sobinaa'a; wol hin gowwoomsinaa'a.
12
Maqaa kiyyaan sobaan hin kakatinaa'a; maqaa Waaqa keessaniillee hin xureessinaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.
13
Goshoo kee irratti dhara hin hujin; hin saaminille'e, gatii nama hojjachiiftee haga boruu uf bira hin bulchin; adhuma kaffaliif.
14
Nama gurraan hin dhageenne hin arrabsin; nama ballaa waan isa gufachiisu afoo hin kaayin; Waaqa kee sodaadhu; Ani Rabbi Waaqa kee waan ta'eef.
15
«Ati hennaa murtii dhuga'aa kennitu amanama'aa fi nama qajeelaa ta'i; nama maraafuu qixatti murteessi malee hiyyeessa jettee isa gargaaru'uuf hin badadin; dureessallee inni dureessa jettee isaa hin dabsin; garuu goshoo keetiif murtii dhuga'aa murteessi.
16
Banii jiddu'utti hin fakkeessin; waan nama ajjeesisiisu nama irratti hin godhin; Ani Rabbiin waan ta'eef.
17
«Obboleessa kee hin jibbin; sababaa goshoo keetiitiif cubbuu akka sitti hin taane obboleessa kee gorsi.
18
Haluu hin bayin; banii keetitti gadoo hin qabatin; ijoollee worra keetiititti gadoo hin qabatin; garuu goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu; Ani Rabbiin waan ta'eef.
19
«Seera kiyya eegaa'a; fiixaa horii tokkoo fiixaa horii biraatiin wolitti hin horsiisin; qonna qottu keessattillee sanyii gosa lamaa hin facaasin; uffata bifa lamaa irraa hojjatamellee hin uffatin.
20
«Eennullee garbittii ufii woliin yoo ciise, yoo isiin abbaa worraa hin qabaannee fi ta gatiin isi'ii hin kaffalamne ta bilisa hin baane yoo taate haa adabamanii; isiin waan bilisa hin baaneef akka hin ajjeefamne.
21
Namichi isii bira gaye sun kennaa ciincaa cubbu'uu qabatee Rabbiin afoo gara daasee wol gayi'ii dhufa; waan ciincaa cubbuu ufiitiif korbeessa hoola'aa haa fiduu.
22
Gadichillee waan cubbuu isaatiif Rabbiin afo'otti hoolaa ciincaa araaraatiif hin dhiyeessa; cubbuun isaallee hin dhiifamaaf.
23
«Hennaa gara biyyatti'ii galtanii muka daraaraan isaa nyaattamu mara dhaabattan sanyii san akka waan hin gadoomneetitti laalaa'a; woggaa sadihii akka waan hin gadoomnee waan isinii ta'eef hin nyaattan.
24
Sanyiin woggaa arfeesso'oo maruu galata Rabbiitiif haa woyyoomuu.
25
Akka sanyiin isinii baay'atu ka woggaa shaneesso'oo nyaadhaa'a. Ani Rabbi Waaqa keessan.
26
«Dhiiga woliin womaa hin nyaatinaa'a; asmaallee hin hojjatinaa'a; worra moora laalullee hin ta'inaa'a.
27
Jammura hin haadatinaa'a; areeda keessan gabaabsitanii hin haadatinaa'a.
28
Waan nama du'eetiif boqoo uf hin butatinaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef.
29
«Biyyi tee akka biyya seebartootaa hin taane ijoollee tee ta intalaa dabarsitee worra ormaa ka seebarutti hin kennin.
30
Sambata kiyya eegaa'a; mana woyyuu kiyya kabajjaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef.
31
«Gara mana worra hafuura hammeeyyii waamuutii fi mana mortu'uu hin dhaqin; akka isaaniin hin battoofne hin soqina'aanii; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.
32
Jaarsota umuri'iin nama guddaa ta'an yoo argite, hulee teettee ka'iitii isaan kabajji; Waaqa kee sodaadhu; Ani Rabbi Waaqa keetii.
33
«Orma biyya tee keessa jiru maraa irratti dhara hin hujin.
34
Isinillee biyya Misirii keessatti galaa waan turtaniif; galaa biyya teessan keessa jiru akka nama keessaniititti laalaa'a; isallee akkuma uf jaalattutti jaaladhu; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.
35
Safartu'uun, bikkitu'uu fi madaalaan hin dabsin.
36
«Safartuu, bikkitu'uu fi madaala qajeelaa ta'e qabaadhaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Misiriitii isin baase.
37
Seera kiyyaa fi ajaja kiyya maraa eega'aatii waan mishaa hojjadhaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef» jedheen.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27