bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 11
Leviticus 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 12 →
1
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhaa'a; busaawaa lafaa irraa maraa keessaa wonti nyaattan kaniin;
3
Busaawaa kottee baqaqa'aatii fi ka alala dhayan maraa nyaadhaa'a;
4
garuu waan alala dhayu ka kottee baqaqa'aa keessaa kanniin hin nyaatinaa'a. Gaalli alala dhaya; garuu kotteen isaa duudaa waan ta'eef isin biratti batti'i.
5
Osoleen alala dhoofti; garuu kotteen isi'ii duudaa waan ta'eef isin biratti battii haa ta'uu.
6
Hilleettiin alala dhoofti; garuu kotteen isi'ii duudaa waan ta'eef isin biratti akka batti'ii haa taatuu.
7
Booyyeen kotteen isaa baqaqa'a; garuu waan alala hin dhoofneef isin biratti akka batti'ii haa ta'uu.
8
Foon busaawaa kanniinii hin nyaatinaa'a; raqa isaaniillee hin tuqinaa'a; kunniin isin biratti batti'i.
9
«Waan bisaan keessa jiraatan maraa keessaa waan garbaa fi galaana keessa jiraatan maraa keessaa waan koolaa fi qonyonyaan qabu nyaadhaa'a; garuu kanniinii olitti
10
Waan bisaanii fi galaana keessa sosocho'u, waan lubbuu qabu maraa ka koolaa fi qonyonyaan hin qabne maraa hin nyaatinaa'a; waan battii ta'aniif.
11
Kunniin isin biratti balfamaa waan ta'eef foon isaanii hin nyaatinaa'a; raqa isaaniituu hin tuqinaa'a.
12
Wonti koolaa fi qonyonyaan hin qabne ka bisaan keessaa maruu isin biratti balfama'a.
13
«Gosa allaatti'ii keessaa wonti isin biratti balfama'aa ka isin hin nyaanne kanniin; bajja, risaa, abbaa mokkee,
14
cuungulullee,
15
Harraagessa akkuma gosa isaatiin,
16
Guchii, Ebeeroo yookaan daakkiyyee, rumicha,
17
Urunguu, Huummoo, laakkama, simbira bisaanii,
19
Kerkeerii, Anshokora, cuquliisa akka gosa isaatiin, guutulee, raaree, yookaan simbira halkanii fa'a.
20
«Wonti bararuu fi ka luka afuriin deemu maruu akkuma gosa isaaniitiin isin biratti batti'i;
21
garuu worra bararan, worra luka afur qaban, worra luka cabsatanii lafa irra utaalan, kanniin nyaadhaa'a;
22
kanniin keessaa awwaannisa, korophiisa, farda waaqaa, akkuma gosa isaaniitiin.
23
Garuu wonti bararu, ka luka afur qabu ka sosocho'u maruu battaaya'a.
24
«Kunniin isin batteessa; namni raqa waan kanniinii tuqu maruu haga aduun dhiitutti batti'i;
25
Isaan keessaa namni raqa isaanii ol fuudhe maruu uffata ufii haa miicatuu; waan haga aduun dhiituu battii ta'eef;
26
horiin kotteen isaa baqaqa'aa garuu ka guutu guutu'utti hin baqandhe, ka alala hin dhoofne isaan maruu isin biratti balfama'a; ka isaan tuqu maruu battaaya'a;
27
Busaawaa luka afuriin deemu maraa keessaa ka gana'aan deemu isinii batti'i; namni raqa isaanii tuqu maruu haga galgalaa batti'i;
28
namni raqa isaanii fuudhu maruu uffata ufii haa miicatuu; waan isin biratti battii ta'aniif.
29
«Wonti ardii irra loowuu fi munyuuqu kunniin tuqaa, hantuuta, lootuu akkaatama gosa isaaniitiin,
30
qocaa, naacha, qarchoo, wokkallee, gaararraa,
31
wonti lafa irra sosocho'an maruu ka isin biratti batti'ii kanniin; ka raqa kana tuqu maruu haga galgalaatitti batti'i.
32
Randhi bineensota kanniinii waan kamuu yoo tuqe, wonti tuqame sun batti'i; meeshaa mukaa uffata, erbeen qaraciiti'ii fi meeshaan itti hojjatan maruu yoo raqa kanniiniin tuqame bisaan keessa haa kaayamuu; waan haga galgalaa battii ta'eef; achiin maayessa hin qulqullaaya.
33
Waan battii san keessaa tokko meeshaa faaraa keessa yoo bu'e, meeshaa sanniin maraa cabsaa'a; wonti isa keessa jiru batti'i;
34
Bisaan achi keessaa sunillee waan nyaatan marattuu yoo jige, nyaata nyaattamuu fi bisaan dhugan irrattillee yoo jige, maraa hin batteessa; ka achi keessaa dhugu maruu hin battaaya.
35
Wonti randhi sun irra bu'e maruu huleen ibiddaa haa diiggamuu, sunsumnillee haa caccabuu; battii waan ta'eef; isin birattillee battii waan ta'eef.
36
Garuu burqaan, boolli bisaaniitii fi haroon qulqullu'u; bisaan randhi sun tuqe ammo batti'i.
37
Randhi sun sanyii facaafamu yoo tuqe, sanyiin sun qulqullu'u.
38
Garuu sanyiin sun haga bisaan tuqeen maayessa yoo randhi tuqe sanyiin sun batti'i.
39
«Horii nyaattamu keessaa namni ka ufiin du'e tuqe maruu haga galgalaa batti'i.
40
Namni raqa horii sanii nyaate, uffata ufii haa miicatuu, inni haga galgalaa batti'i; ka raqa san ol fuudhellee uffata ufii haa miicatuu haga galgalaa batti'i.
41
«Waan lafa irra sosocho'u maraa battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a.
42
Ka gara'aan lafa irra looyan, ka luka arfaniin shunquuqu, ka luka heddu qabu, wonti lafa irra socho'an maruu battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a.
43
Waan lafa irra munyuuqan maraan nafa keessan hin batteessinaa'a. Isaaniin akka hin battoofne, nafa keessaniin isaan irraa uf eegaa'a;
44
Ani Rabbi Waandhi keessan woyyuu waan ta'eef isinillee nafa keessan woyyoomsaa'a, woyyoota ta'aa'a; ani woyyuu waan ta'eef waan lafa irra loowu'uun sosocho'u maraan nafa keessan hin batteessinaa'a.
45
Ani Rabbiin isinii ta'u'uuf biyya Misiriitii isin baase; kanaaf ani woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a.
46
Seerri bineensotaa, allaattii, uumama bisaan keessaa, uumama lafa irra socho'uu kana;
47
kun waan lubbuu qaban ka batti'ii fi battii hin taane, ka nyaattanii fi ka hin nyaanne akka addaan baafattaniif.»
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27