bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 16
Leviticus 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 17 →
1
Haga ijoolleen Aaroonii lamaan Rabbiin afoo dhiyaatanii du'aniin maayessa Rabbi Muuse'een,
2
«Obboleessa kee Aaroonitti ani duumessa keessaan qadaada saanduuqa araaraa irratti waan mudhadhuuf akka hin duune gara hulee golga keessaa, gara hulee saandundhi araaraa jiruu hulee hennaa maraa woyyu'uu akka hin seenne itti himi.
3
Aaroon hennaa achi seenu jibicha ciinca'aa, korbeessa hoola'aa ka ciincaa ciincawuu qabatee hulee woyyuu haa seenuu» jedheen.
4
«Aaroon hennaa achi seenu nafa ufii dhiqatee qambisaa qulqullaayaa jirbii irraa hojjatame, boggee talbaa irraa hojjatameen mudhii hidhatee, sabbata mata'atti maratee uffata qulqullaayaa kanniin haa uffatuu.
5
«Baniin ijoollee Israa'elii waan araara dhiifamsa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii lamaa fi korbeessa hoola'aa tokko Aaroonitti haa fidanii.
6
Aaroonillee jibicha ciinca'aa ka inni jedheen dhiyeessa; ufii fi maatii ufiitiillee araara kadhata.
7
Achiin maayessa korbeeyyii re'iinii lamaa balbala daasee wol gayi'ii ka Rabbi itti waaqeffamu afoo haa fiduu.
8
Aaroon re'iin lamaan sanniinitti hixaa buusa; ka hixaan qabe ka Rabbiiti; ka hixaan hin qabne ammo gad dhiifama.
9
Aaroon re'ee hixaan qabe Rabbii fidee waan cubbu'uutiif ciincaa godha.
10
Re'ee akka gad dhiifamu hixaan hambise Rabbiin afo'otti dhiyeeffamee akka araara cubbu'uu ta'u lafa raasa'aatitti gad dhiifama; Rabbiin afoo lubbu'uun jiraata.» jedheen.
11
Aaroonillee waan cubbuu ufiitiif jibicha ciinca'aa dhiyeessa; maatii ufiitiifillee araara gaafata; cubbuu ufiitiifillee jibicha ciinca'aa dhiyeessee Rabbiin afo'otti goorra'a.
12
Barbadaa ibiddaa ka Rabbiin afoo jiru girgira'atti guuta; hixaana tumame urgaayaa ganaa guutuu fuudhee gara woyyittii woyyootaa fida.
13
Inni akka hin duune hixaanni saanduuqa waada'aa akka dhossu hixaana Rabbiin afo'otti ibiddatti buusa.
14
Dhiiga jibichaa fuudhee gara hulee ciincaa dhiifamsaa gara baya biiftu'uutitti qubaan facaasa; dhiiga qadaada saanduuqa waada'aa afo'otti hennaa torbaa facaasa.
15
Achiin maayessa re'ee ciinca'aa ka waan cubbuu bani'iitiif ciincawu goorra'a; dhiiga isaallee gara woyyittii woyyootaa fidee akkuma dhiiga jibichaa san godhe godha; qadaada saanduuqa waada'aa afo'oo fi duubattillee hin facaasa.
16
Waan cubbuu ijoollee Israa'elii battummaa isaanii seera diiguu isaaniitiif daasee wol gayi'iititti araaraaf dhiyeessa; daasee qulqulluu ta isaan jidduu jiraatteefillee akkasuma godha.
17
Haga inni ciincaa araaraa ufiif maatii ufiitii fi banii Israa'elii maraa daasee wol gayi'ii keessatti araara dhiyeessee bayuuf eennullee achi keessatti hin argamin.
18
Inni gara hulee ciincaa araaraa itti dhiyeessanii Rabbiin afoo dhiyaatee araarsa; dhiiga jibichaatii fi dhiiga re'e'ee fuudhee gaafa hulee ciinca'aa jiruun tuqa.
19
Dhiiga san irraa fuudhee qubaan hennaa torbaa facaasee battummaa ijoollee Israa'elii qulqulleessee woyyoomsa.
20
Haga hulee daasee wol gayi'ii ta qulqullumma'aatiif hulee ciinca'aatitti ciincaa araaraa raawwateen maayessa re'ee jiraa Rabbiif dhiyeessa.
21
Aaroon harka ufii lamaan mataa korbeessa re'e'ee irra kaayee cubbuu seera diigu'uutii fi yakka ijoollee Israa'elii maraa himee waan jedhe san maraa mataa re'e'ee irra kaaya; achiin maayessa nama qophaayeen gara lafa raasa'aa ari'a.
22
Re'een sun cubbuu isaanii maraa baadhata; achiin maayessa achi fidee biyya gammoojji'ii keessatti gad dhiisa.
23
«Aaroon gara daasee wol gayi'ii seenee uffata sanniin mulqatee achitti dhiisa;
24
hulee woyyu'utti bisaan qulqullu'uun nafa ufii dhiqatee uffata ufii uffatee baya; ciincaa ciincawu ka ufiitii fi ciincaa ciincawu ka bani'ii dhiyeessa; ufii fi bani'iillee araara gaafata.
25
Ciincaa coomaa ka waan cubbu'uutiif ciincaye hulee ciinca'aa irratti ciinceessa.
26
Namichi re'ee gad dhiifame san gara lafa raasa'aa fide sun uffata ufii hin miicata; nafa ufiillee hin dhiqata; achiin maayessa gara qe'ee ufii deebi'a.
27
Dhiiga jibicha waan cubbu'uutiif gara mana woyyu'uu seeneetii fi re'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate sanniin gara raasa'aa baasee gogaa, foonii fi cumaa isaanii maraa ibiddaan guba.
28
Namichi kanniin gube uffata ufii miicatee nafa ufii dhiqatee achiin maayessa gara qe'ee gala.
29
«Kun seera baraa haga bara baraa isinii haa ta'uu; guyyaa kana akka qulqullooftaniif araara waan isinii ta'uuf ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti sooma hin soomtan; isinii fi worri isinitti galeerullee hujii hin hojjatan; yoo san Rabbii keessan afo'otti cubbuu irraa qulqullooftan.
31
Sambata hara itti baafattan isinii ta'a; uf salphiftan; gad uf deebiftan; kun seera baraa haga bara baraa isinii haa ta'u.
32
Ka muudamu ka bakka abba'aa gadaa ta'u gadaan sun araara gaafatu'uuf uffata woyyoome fooyaa jirbi'iitiin hojjatame haa uffatuu.
33
Woyyittii woyyootaatittillee araara haa dhiyeessuu; daasee wol gayi'iitii fi hulee ciincaa itti dhiyeessaniillee gadootaa fi banii maraafuu araara haa dhiyeessuu.
34
Woggaa keessa hennaa tokko waan cubbuu ijoollee Israa'eliitiif seera baraa haga bara baraa haa ta'uu» Akka kanaan Muuseen waan Rabbi isa ajaje maraa godhe.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27