bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 15
Leviticus 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 16 →
1
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedha'aatii himaa'a; «Eennullee qaama isaa keessaa wonti akka bisaanii waan bawu yoo ta'e, sababaa waan isa keessaa jigu saniif inni battaaya'a;
3
Wonti battiin jigu sun kana; wonti qaama keessaa jigu yoo jiguu dhiise batti'i;
4
namni qaama isaa keessaa waan jigu qabu, sireen yookaan huleen inni ciisuu fi huleen inni taa'u maruu batti'i.
5
Namni siree san tuqu maruu uffata ufiitii fi qaama ufii haa dhiqatuu; haga galgalaa inni batti'i.
6
Namni hulee nama qaama isaa keessaa bisaan bayu irra taa'e irra taa'u uffata ufiitii fi qaama ufii haa dhiqatuu.
7
Namni namicha qaama isaa keessaa wonti akka bisaanii bawu tuqe, uffataa fi nafa ufii haa dhiqatuu; haga galgalaa inni batti'i.
8
Namni qaama isaa keessaa wonti akka bisaanii bawu sun nama biraa qulqullu'utti yoo tufe, namichi itti tufame sun uffata ufiitii fi nafa ufii haa dhiqatuu.
9
Kooraan namni wonti akka bisaanii keessaa jigu irra taa'e martinuu batti'i.
10
Namni meeshaa inni irra taa'e sanniin keessaa tokko yoo tuqe maruu haga galgalaa batti'i; namni meeshaa kana ol fuudhellee uffata ufii haa miicatuu; nafa ufiillee bisaaniin haa dhiqatuu; haga galgalaa inni batti'i.
11
Namni wonti akka bisaanii nafa isaa keessaa jigu uduu harka hin dhiqanne tuqu maruu uffata ufii haa miicatuu; nafa ufiillee haa dhiqatuu; inni haga galgalaa batti'i.
12
Faarri namni wonti akka bisaanii qaama isaa keessaa jigu tuqe, haa caccabuu; ka mukaa yoo ta'e maruu bisaaniin haa miicamuu.
13
«Namni wonti akka bisaanii qaama isaa keessaa jigu yoo qulqullaaye qulqullaayuun isaa yoo guyyaa torba ta'een, achiin maayessa uffata ufiitii fi nafa ufii bisaan burqa'aatiin miicata; yoo san qulqullaayaa ta'a.
14
Guyyaa saddeetesso'ootitti kuukurruu lamaa yookaan ilmoolee handari'ii lamaan qabatee Rabbiin afoo balbala daasee wol gayi'iititti dhufee gadichatti kenna.
15
Gadichi tokko ciincaa cubbu'uutiif ka lammeesso'oo ammo waan akka bisaanii ka nafa namichaa keessaa jiguuf Rabbi akka araaramuufiif ciincaa dhiyeessa.
16
«Eennullee yoo qaama isaa keessaa bisaan hormaataa yookaan sanyiin korma'aa isa keessaa jige, nafa ufii maraa haa dhiqatuu; inni ammo haga galgalaa battaaya'a.
17
Uffanninii fi erbeen bisaan hormaataa tuqe bisaaniin haa miicamuu; kunillee haga galgalaatitti battaaya'a.
18
Dhiirti yoo dubartii bira geette isaan lamaanuu bisaaniin haa dhiqatanii; lamaanuu haga galgalaatitti battii ta'an.
19
«Dubartiin yoo garaa argite haga guyyaa torbaa batti'i; namni isii tuqellee battaaya'a.
20
Hennaa garaa argite kana wonti isiin irra ciifte batti'i; ka isiin irra teettullee battaaya'a.
21
Namni waan isiin irra ciifte tuqu maruu uffata ufiitii fi nafa ufii haa miicatuu; inni haga galgalaa battaaya'a.
22
Namni waan isiin irra teette tuqe maruu uffata ufii haa miicatuu; nafa ufii haa dhiqatuu; inni haga galgalaa battaaya'a.
23
Namni waan isiin irra ciiftuu fi waan isiin irra teettu tuqe haga galgalaa battaaya'a.
24
Eennullee yoo isii woliin ciisee battummaan isi'ii sun isa tuqe inninii fi huleen inni ciisullee haga guyyaa torbaa battaaya'a.
25
«Dubartiin takka hennaa garaa argitu irra lufee dhiinni isi'ii guyyaa hedduuf yoo jige, yookaan dhiinni isi'ii sun akkuma hennaa garaa argitee caalaa dhiinni isi'ii yoo jige isiin battooftu'u.
26
Hennaa dhiinni isi'ii jigu kana huleen isiin irra ciiftee fi huleen isiin irra teette maruu akkuma duraa battaaya'a.
27
Namni waan kanniin maraa tuqu uffata ufii haa miicatuu; nafa ufii haa dhiqatuu; inni haga galgalaa battaaya'a.
28
Dhiinni isii keessaa jigu sun yoo dhaabate guyyaa torbaa haga teetteen maayessa qulqulluu taati.
29
Guyyaa saddeetesso'ootitti kuukurruu lamaa yookaan ilmoo handari'ii lamaan fuutee daasee wol gayi'ii afo'otti gadichatti fiddi.
30
Gadichi kuukurruu tokko ciincaa cubbu'uutiif, ka lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf dhiyeessa, waan battummaa dhiiga isi'iitiif Rabbiin araara gaafata.
31
«Akkasuma Rabbi ijoolleen Israa'elii battumma'aan hulee bulti'ii ka Rabbiin itti waaqeffatan akka hin xureessine; seerri Muuse'etti kenne kana.»
32
Nama dhiiraa yookaan intala; nafa isaa yookaan nafa isi'ii keessaa wonti akka bisaanii bawu,
33
Dhiirti dubartii akka seeraatiin hin qulqulloofne woliin ciisu maraafuu seerri kenname kana.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27