bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 18
Leviticus 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 19 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Ani Rabbi Waaqa keessan;
3
hujii duraan biyya Misirii keessatti huja'aa turtan san hin hujinaa'a; akka hujii biyya Kana'aanii ta ani itti isin galchu'uuf ta'uu sanillee hin hujinaa'a; akka seera isaanii badaa saniititti hin bulinaa'a.
4
Seera kiyya eegaa'a; ajaja kiyya raawwadhaa'a; Ani Rabbii Waaqa keessan waan ta'eef.
5
Worri seera kana raawwatan seera kanniiniin lubbu'uun waan jiraataniif, Ani Rabbiin waan ta'eef seera kiyyaa fi ajaja kiyya eegaa'a.
6
«Isin keessaa eennullee fira ufii marattuu hin oolin; Ani Rabbii keessan waan ta'eef.
7
Haatee bira geettee ulfinna abbeetii irraa hin mulqin.
8
Haadha manaa abbeetii bira hin gayin; isiin waan foon abbeetii taateef.
9
Haatee irraa uffata ol hin qabin; intalti haatetii ta abbee uumatee fi ta haatee gara biraatii deette birallee hin gayin;
10
Mucattii ilmi kee uumate yookaan mucattii intalti ati uumatte deette bira hin gayin; isiin waan foon kee taateef.
11
Mucattii masaanuun haateetii deette bira hin gayin; isiin waan obboleettii tee taateef.
12
Obboleettii Abbeetii,
13
yookaan obboleetti haateetii bira hin gayin; isiin waan adaadaa tee taateef.
14
Haadha manaa abbeeraa keetii bira hin gayin; isiin waan haadhatti sii ooltuuf.
15
Mucattii ilmi kee fuudhe bira hin gayin; isiin haadha manaa ilma keetii waan taateef.
16
Haadha manaa obboleessa keetii bira hin gayin;
17
isiin nafa obboleessa keetii waan taateef; mucattii haati manaa obboleessa keetii deette birallee hin gayin, firtoota tee waan ta'aniif; wonti akkanaa kun yakka seebaraa sitti ta'aa.
18
Uduu haati manaa tee lubbu'uun jirtu obboleettii haadha manaa teetii bira hin gayin; hin fuudhinille'e; akka isiin masaanuu haadha manaa teetii hin taane.
19
«Dubartiin takka uduu garaa dubarti'ii argiteertu, uduu isiin xuri'iin jirtu atillee akka hin xuroofne isii bira hin gayin.
20
Akka hin battoofne haadha manaa goshoo keetii bira hin gayin.
21
Ijoollee tee keessaa waaqa tolfamaa mooleek jedhamee waamamu kamiillee akka ciinca'aan ciinceeffamu dabarsitee hin kennin; waan maqaa Rabbii keetii arrabsisiisuuf; Ani Rabbii keeti.
22
Akka dubartii woliin ciiftu sanitti dhiira woliin hin ciisin; kun Rabbiin biratti jibbamaa waan ta'eef.
23
Akka battii sitti hin taane ganyaa hori'iititti hin oolin; dubartiinillee horii kormaa jala hin dhaabatin; kun waan Rabbiin biratti jibbamaa ta'eef.
24
«Worri ani afoo keessanii ari'e ormi maruu waan kanniiniin waan battaayaniif; isinillee waan battii kanniiniin hin battaayinaa'a.
25
Hujii isaaniitiin waan lafti battoofteertuuf orma hulee san jiran maraa shakkee lafa san abaare.
26
Isin seera kiyyaa fi ajaja kiyya eegaa'a; isinii fi worri galaa ta'anii isin jidduu jiraatan maruu waan battii kanniin hin hojjatinaa'a.
27
Namoonni biyya keessa jiraatan battummaa kanniin hojjatanii biyyi waan battoofteertuuf.
28
Yoo batteessitan lafti akkuma worra armaan dura isiniin dura irra turan darbite isinillee uf irraa isin darbiti.
29
Namni waan battii kanniin keessaa tokkollee hojjatu banii keessaa fooyamee waan baduuf.
30
«Kanaafuu waan battii worri armaan duraa hojjatan maraa hin hojjatinaa'a; isaan waan battii saniin waan battaayaniiraniif; isinillee akka hin battoofne seera kiyya eegaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan.»
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27