bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 22
Leviticus 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 23 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliitiin maqaa kiyya akka hin xureessine kennaa naa kennan maraa kabajja'aan fuudhanii woyyumma'aan akka eegan Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti himi; Ani Rabbiin waan ta'eef.
3
Eennullee sanyii keessanii fi fiixaa keessan keessaa uduu hin xuraayin, seeraan uduu hin qulqullaayin gara hulee ijoolleen Israa'elii itti woyyoomtuu gara hulee woyyitti'ii yoo dhiyaate, namni sun na afo'oo haa baduu; Ani Rabbiin waan ta'eef.
4
«Fiixaa Aaroonii keessaa namni dhibee gogaa kukkutu yookaan wonti akka bisaanii ka nafa isaa keessaa bawu qabu maruu haga qulqullaawutti waan Waaqaa woyyoome hin nyaatin; sababaa waan ufiin du'aa tuqee battaayeef, yookaan ka bisaan hormaata qaama isaa keessaa jigu tuqe; yookaan
5
waan lafa irra deemaa ka nama batteessu tuqe, ka nama battaaye tuqee fi
6
namni waan kanniin maraa tuqe battaaya'a; nafa ufii uduu hin dhiqanne waan woyyoome akka hin nyaanne.
7
Inni hennaa aduun dhiite waan qulqulluu ta'uuf dhiyana gayee isaa ka woyyoome haa nyaatuu.
8
Ani Rabbiin waan ta'eef waan ufiin du'e, busaawaa bineensi ajjeese hin nyaatin; yoo nyaate ammo hin battaaya.
9
«Gadoonni martinuu seeraa fi qajeelcha ani isaanii kenne maraa haa eeganii; yoo kana godhuu baatan garuu waan qajeelcha kiyya woyyu'uuf ajajamuu didaniif cubbuu isaanitti ta'ee du'an ka isaan woyyoomsu ana Rabbi.
10
«Namni kennaa woyyoome nyaachuu danda'u, nama maatii gadichaa ta'e calla'a; namni biraa ammo isa irraa hin nyaatin, keessummaan gadichaa, ka qacaramellee nyaata woyyuu irraa hin nyaatin.
11
Garbichi gadichi horii ufiitiin bitate haa nyaatuu; ijoolleen isaa dhalatte dhiyana san haa nyaatanii.
12
Mucattiin gadichaa nama biraatitti yoo heerumte, isiin midhaan woyyoome san hin nyaatin.
13
Mucattiin gadichaa yoo abbaan worraa isi'ii du'e yookaan yoo isa jalaa baate, uduu finna hin arganne yoo gara mana abba'aa deebite, dhiyana abbaa ufii san haa nyaattuu; namni biraa ammo akka isa irraa hin nyaanne.
14
«Namni kamuu uduu hin beekin dhiyana woyyoome yoo nyaate, dhiyana woyyuu dachaa shanii eda'ee gadichaa haa kennuu.
15
Ani Rabbii isaan woyyoomsu waan ta'eef hennaa ka woyyoome irraa nyaatan cubbu'uu fi yakkatti akka hin galle, waan woyyuu ijoolleen Israa'elii woyyoomsitee Waaqaa dhiyeessitu akka hin batteessine» jedheen.
17
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
18
«Aaroon, ijoollee Aarooniitii fi ijoollee Israa'elii maraanuu mana Israa'elii maraa keessaa namni galaa ta'ee isin keessa jiraatu maruu, namni fedha ufiitiin silatii Waaqaa kennu maruu kennaa ciinca'aa ka Rabbii ciincawu yoo dhiyeessu,
19
akka isaanii qajeelu korma, korbeessa hoola'aa yookaan korbeessa re'e'ee ka mudaa hin qabne Rabbii dhiyeessa.
20
Garuu waan mudaa qabu hin dhiyeessinaa'a; waan isinii hin qajeelleef.
21
Namni kamuu silatii ufii raawwachu'uuf yookaan fedha ufiitiin kennaa fayyumma'aa ciincaa dhiyeessu'uuf sangaa yookaan hoolaa yoo Waaqaa dhiyeesse akka isaa qajeeluuf ka mudaa hin qabne haa ta'uu.
22
Horii ballaa, yookaan ka cabe, duundumaa yookaan horii madaan isaa mala'u, yookaan ka nafti isaa ciccite yookaan ka torbobbaaye kanniin maraa akka Rabbii hin dhiyeessine; kanniin maraa kennaa silatiitiif kennaa ciinca'aa irratti Rabbii hin dhiyeessinaa'a.
23
Sangaan yookaan hoolaan nafa isaanii irratti wonti woyii eda'ame yookaan dhidhate fedha keetiin ciincaa dhiyeessuu hin dandeetta; garuu silati'iif hin ta'u.
24
Horii kolaafame, yookaan ka tumame, yookaan horii cabe, yookaan horii nafa isaa irraa hanqinna qabu Rabbii hin dhiyeessinaa'a; biyya keessanitti horii akkanaa kanniin hin ciinceessinaa'a.
25
«Horii akkanaa kanniin galaa keessan irraallee fuutanii kennaa Rabbii hin dhiyeessinaa'a; horiin akkanaa kunniin muda'aa fi battummaa waan qabaniif isinii hin fudhatamu.
26
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
27
«Waatiin, yookaan hoolaan, yookaan re'een yoo dhalate guyyaa torbaa haadha woliin haa jiraatuu; guyyaa saddeetiif achii olitti ciincaa Rabbiif ibiddaan ciincawu ta'a.
28
«Sa'a waatii woliin, hoolaa ilmoo woliin guyyaa tokko hin goorra'inaa'a;
29
ciincaa galataa yoo Rabbii dhiyeessitan akka isinii fudhatamutti ciincessaa'a.
30
Guyyama san nyaattama; dhiyana san haga boruutitti hin dhiisinaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef.
31
Rabbi akkana jedhe, «Ajaja kiyya eega'aa raawwadhaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef;
32
Maqaa kiyya woyyuu hin xureessinaa'a; ani ijoollee Israa'elii jiddu'utti hin woyyooma.
33
Ani Waaqa isinii ta'u'uuf ka biyya Misirii keessaa isin baase ana Rabbi.»
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27