bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 7
Leviticus 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 8 →
1
«Akkaataan seera dhiifamsa cubbu'uu ka guddisee woyyoome ittiin dhiyeessan kana;
2
Ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hulee ciinca'aatitti haa goorra'amuu; dhiinni hulee ciinca'aatii fi naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaafamuu;
3
moora maraa, duma maraa, moora mi'a gara'aa dhossu maraa hin dhiyeessa;
4
kalee lamaan, cooma cinaacha biraa, moora tiruu irra jiru kalee woliin fuudha;
5
gadichi ciincaa ibiddaan ciincayee Rabbiif dhiyaatu akka ta'u ibidda irratti ciinceessa; kun ciincaa yakkaati.
6
Dhiirti worra gadichaa ta'e maruu hin nyaata; wonti nyaatan sun woyyuu waan ta'eef bakka woyyu'utti nyaatan.
7
«Akkuma ciincaa cubbu'uutiif ta'e akkasuma kunillee ciincaa yakkaati; lachiifuu seerri tokko; nyaata san gadicha araarsutu fudhata;
8
horiin eennullee ciinca'aaf dhiyeesse kamuu gogaan isaa gadicha ciincaa ciincawu dhiyeesse saniif kennama;
9
kennaan midhaanii ka eelee irratti bilchaate maruu ka affeelame yookaan ka eelee irratti bilchaate maruu gadicha dhiyeessu saniif ta'a;
10
kennaan midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame yookaan midhaan gogaan maruu ijoollee Aaroonii maraafuu ta'a; isaan qixa haa qoodamanii.
11
Seerri ciincaa fayyinnaa ka namni Rabbiif dhiyeessu kana;
12
Namni tokko kennaa kana ciincaa galataa godhee yoo Rabbiif dhiyeessuu barbaade horii ciinca'aa woliin xoroshoo raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame, xoroshoo haphii raacitii hin qabne ka dhadhaa diban, xoroshoo daakuu misha'aan sukkuumamee godhame ka dhadhaa uf keessaa qabu haa dhiyeessuu.
13
Hennaa ciincaan galataa ka fayyinnaa Rabbiif dhiyaatu xoroshoo raacitii uf keessaa qabutu dhiyaata.
14
Kennaa Rabbiif dhiyaatu maraa keessaa akka ta'u tokko fuudha; innillee gadicha dhiiga ciinca'aa facaasuuf ta'a;
15
foon horii ciinca'aa guyyama ciinca'aaf dhiyaate san nyaattamee dhuma; wonti hafee bulu sirima akka hin jiraanne.
16
«Yoo ciincaan ka fedhaan dhiyaate yookaan ka silataa yoo ta'e gaafuma ciincaan sun dhiyaate nyaatan; ka isa irraa hafe bariisaa nyaatan.
17
Foon ciinca'aaf dhiyaate ka haga guyyaa sadihii turu ibiddaan ciincaya.
18
Foon ciincaa fayyinnaa yoo guyyaa sadeesso'ootitti nyaattame misha'aa miti; nama dhiyeesse saniif bada'a; akka kennaa'aatitti hin laakkayamuuf; waan battii ta'eef nama foon san nyaatettillee cubbuu ta'a.
19
Foon qulqulluu yoo wonti battiin tuqe hin nyaattamu ibiddaan gubama; «Namni qulqulluu ta'e maruu foon qulqulluu san haa nyaatuu;
20
namni battaaye yoo ciincaa fayyinnaa ka Rabbiif dhiyaate irraa nyaate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu;
21
waan battii jibbamaa kamiinillee yoo tuqe, ka namaa, yookaan busaayaa battaaye, yookaan waan battii jibbame ka biraallee yoo tuqe, foon ciincaa fayyinnaa ka Rabbiif dhiyaate irraa yoo nyaate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu.»
22
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
23
«Ijoollee Israa'eliitiin cooma horii gaafaa, ka hoola'aatii fi ka re'e'ee sirima hin nyaatinaa'a;
24
cooma horii ufiin du'ee, cooma horii busaawaan qabeellee waan biraa irra oolchaa'a malee hin nyaatinaa'a.
25
Namni cooma horii Rabbiif ciinca'aaf dhiyaate nyaate maruu banii keessaa fooyamee haa baduu;
26
hulee jiraattan marattuu dhiiga allaatti'ii yookaan dhiiga hori'iitii fi ka busaawa'aallee hin nyaatinaa'a;
27
namni dhiiga nyaatu maruu banii keessaa bayee haa baduu.»
28
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
29
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni ciincaa fayyinnaa Rabbiif dhiyeessu kennaa ciincaa fayyinnaa irraa Rabbiif dhiyeessa;
30
ijoolleen isaa ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbiif dhiyeessan; foon handaraafaa kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan; cooma handaraafaallee saniif fidan.
31
Gadichi cooma san hulee ciinca'aa irratti guba; foon handaraafaa ammo Aaroonii fi ijoollee isaatiif haa ta'uu;
32
ciincaa keessan ka fayyinnaaf dhiyeessitan luka mirgaa akka ciincaa sochoofamuutitti gadichaa kennitan.
33
Dhiinninii fi coomni ciincaa fayyinnaa ka ijoollee Aarooniitiif dhiyaatu keessaa lutti mirgaa gayee namicha dhiyeessuu haa ta'uu.
34
Handaraafa sosochoofamuu fi irree ciincaa fayyinnaa ka ijoollee Israa'elii fuudhee Aaroonii fi ijoollee isaatii baraa haga bara baraa ijoollee Israa'elii irraa isaanii kenneera.
35
Gaafa Rabbiin gadumma'aan akka tajaajilaniif kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaate gayeen Aarooniitii fi ka ijoollee isaa kana;
36
wonti Rabbi baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee isaaniitii gaafa ijoollee Israa'elii dibe isaan ajaje kana» jedheen.
37
Seerri kennaa midhaanii, ka ciincaa ciincawuu, ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa yakkaa, ciincaa qulqullumma'aatii fi ciincaa fayyinnaa kana.
38
Wonti Rabbi gaara Siina'aa lafa gammoojji'ii irratti kennaa akka Rabbiif dhiyeessaniif Muusee ajaje kana.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27