bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 24
Leviticus 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 25 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoolleen Israa'elii akka hennaa maraa ibsaa ibsituuf dhadhaa ejersaa ka ibsa'aaf ta'u ka akka misha'atti tumamee cuunfame akka sii fidan ajaji.
3
Aaroon galgala maraa ibsaa san hin qabsiisa; inni saanduuqa waada'aa afo'otti hulee woyyittii woyyootaa daasee keessatti golgaan ala afoo Rabbiititti haga bariituuf ifa'aa bula; kun baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitii seera haa ta'uu.
4
Aaroon ibsaa sanniin baattuu worqi'ii mishaa irratti hennaa maraa haa qopheessuu; ibsaan kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti ifuu isaanii haa tooyatuu.
5
«Daakuu mishaa bullaaye iifii kudha lamaa fuudhiitii xoroshoo lamaa godhi.
6
Xoroshoo kanniin gabataa worqii mishaa irraa hojjatame irra jaha gama tokkoon, jaha gama biraatiin tarree lamaan kaayi.
7
Kun kennaa ibiddaan Rabbii ciincaye ta'uu isaa beessisu'uuf hixaana qulqulluu tarree lamaanuu irra kaayi.
8
Kana hennaa maraa Rabbiin afo'otti guyyaa Sambataa maraa tartiibaan haa godhuu; kun ijoollee Israa'elii biratti waadaa baraa haga bara baraa haa ta'uu.
9
Aaroonii fi ijoollee isaatiillee akkasuma haa ta'uu; ciincaan ibiddaan ciincayee Rabbiif kennamu seera bara baraa ka woyyittii woyyootaa waan ta'eef, hulee woyyu'utti haa nyaatanii» jedheen.
10
Namni tokko ka haadhaan nama Israa'elii ta'e; ka abbaan isaa ammo nama biyya Misirii ta'e tokko ijoollee Israa'elii jidduu bayee nama Israa'elii tokko woliin wol lole;
11
Mucaan haadhaan nama Israa'elii maqaa Rabbii waan arrabseef gara Muuse'ee fidaniin; maqaan haadha isaa Saloomiitii mucattii Diibirii nama gosa Daanii turte;
12
Haga Rabbi adabbii attamii akka isaa kennan isaanitti himuuf tooyannaa jala oolchan.
13
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
14
«Namicha maqaa Rabbii arrabsu san ganda keessaa baasaa'a; namoonni hennaa inni Rabbiin arrabsu dhagayan maruu namni sun nama yakka hojjate ta'uu isaa ragu'uuf harka ufii mataa isaa irra haa kaayanii; achiin maayessa baniin Israa'elii maruu dhaga'aan dhayanii isa haa ajjeesanii;
15
Ijoollee Israa'eliititti akkana jettee himta; eennullee yoo Waaqa ufii arrabse adabbii argata.
16
Namni maqaa Rabbii arrabsu sirima haa ajjeefamuu; baniin maruu dhaga'aan tumee isa haa ajjeesuu; galaan nama biyyaa yoo maqaa Rabbii arrabsellee haa ajjeeffamuu.
17
«Eennullee ka nama ajjeesu du'aan haa adabamuu.
18
Namni horii akka du'utti dhayee ajjeese maruu bikka ka ajjeesee san horii jiraa biraa haa kaffaluu.
19
«Namni goshoo ufii yoo miidhe, akkuma inni isa miidhe san isallee haa miidhanii.
20
Ka cabse cabsuu; ka ija balleesse ija isaa balleessuu; ka ilkaan cabse ilkaan isaa cabsuu; ka nama miidhe miidhaa'a.
21
Ka horii ajjeese, horii haa kaffaluu; ka nama ajjeese haa ajjeefamuu.
22
Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef seerri gala'aatii fi keessanillee bifuma tokko haa ta'uu»
23
Muuseen haga waan kana maraa dubbatee raawwate namicha Rabbiin arrabse san lafa itti quphatan sanii baasanii dhaga'aan dhayanii ajjeesan; akkaataa kanaan baniin Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27