bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 9
Leviticus 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 10 →
1
Guyyaa saddeetesso'ootitti Muuseen Aarooniin, ijoollee isaatii fi jaarsota Israa'elii waamee;
2
Aarooniin akkana jedhe, «Ciincaa cubbu'uutiif hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, loon keessaa jibicha mudaa hin qabne fuutee Rabbiin afo'otti dhiyeessita.
3
Ijoollee Israa'eliitiin adha Rabbi waan isinitti mudhatuuf ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu korbeessa re'e'ee, jibicha woggaa tokkoo, korma, korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabnee fi ciincaa midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame Rabbiin afo'otti ciincaa ciincawu godha'aatii Rabbii dhiyeessaa'a» jedhii isaanitti himi jedheen.
5
Isaanillee waan Muuseen isaan ajaje gara balbala daasee wol gayi'ii fidan; baniin maruu dhufanii Rabbiin afoo dhaabatan.
6
Muuseen, «Wonti akka gootaniif Rabbi isin ajaje kana; ulfinni Rabbiillee isinitti mudhata.» isaaniin jedhe.
7
Kanaan maayessa Muuseen Aarooniin, «Gara hulee ciinca'aa dhiyaadhuutii ciincaa cubbuu keetiitii fi ciincaa kee ka gubamu dhiyeessi; ufii fi banii irraallee cubbuu baasi; akkuma Rabbi ajaje kennaa bani'ii dhiyeessii isaanii araarsi» jedheen.
8
Aaroon waan cubbuu ufiitiif gara hulee ciinca'aa dhiyaatee jibicha kenname goorra'e.
9
Ijoolleen Aaroonii dhiiga dhiyeessaniif; inni quba ufii dhiiga keessa kaayee gaaffan hulee ciinca'aa jiraniin tuqee dhiiga hafe ammo hulee ciinca'aa jalatti jisse.
10
Kanaan maayessa akkuma Rabbi Muusee ajaje kennaa ciincaa cubbu'uu, cooma, kalee, moora tiruu irraa hulee ciinca'aatitti gube;
11
foonii fi gogaa ammo gandaan ala raasaa baasee gube.
12
Horii ciinca'aallee goorra'ee ijoolleen Aaroonii dhiiga fidaniifii innillee naannaya hulee ciinca'aatitti facaase;
13
horii ciinca'aa ka gubamu akkaatama fooniitiin mataallee fidaniifii inni hulee ciinca'aa irratti gube.
14
Mi'a gara'aatii fi kottiinillee miicee hulee ciincaa itti ciinceessan irratti ciinceesse.
15
Achiin maayessa korbeessa re'e'ee ka baniin waan cubbu'uutiif kenne fuudhee goorra'e; akkuma ka duraatitti waan cubbu'uutiif ciinceesse.
16
Ciincaa ciincawu godhee akkuma seeraatitti dhiyeesse.
17
Kennaa midhaaniillee dhiyeessee isa irraa ganaa tokko fuudhee ciincaa ganama gubatuun alatti hulee ciinca'aatitti ciinceesse.
18
Waan bani'iitiif ciincaa fayyinnaa jibichaa fi hoolaa goorra'e; ijoolleen Aaroonii dhiiga fidaniifii inni naannaya hulee ciinca'aatitti facaase.
19
Cooma hoola'aatii fi ka jibichaa, duma, moora mi'a gara'aa dhossu, kaleewwan, moora tiru'uu fidaniif;
20
cooma sanniin maraa handaraafa irra kaayaniifii inni hulee ciinca'aa irratti ciinceesse;
21
akkuma Rabbi Muusee ajaje Aaroon handaraafaa fi irree mirgaa kennaa ciinca'aa ka sosocho'u godhee Rabbiin afo'otti sosochoose.
22
Aaroon harka ufii ol fudhatee banii eebbise; ciincaa fayyinnaa ka cubbu'uuf dhiyaate haga kenneen maayessa gad bu'e.
23
Muuse'ee fi Aaroon daasee wol gayi'ii seenanii deebi'anii bayanii banii eebbisan; ulfinni Rabbii bani'itti mudhate.
24
Ibiddi Rabbiin biraa bu'ee ciincaa hulee ciinca'aa irratti dhiyaate coomallee nyaate; baniin maruu kana argee ililfatee kallachaan gad kufee sagade.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27