bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 13
Leviticus 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 14 →
1
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,
2
«Gogaa nama kamiin irrattillee iita yookaan shifiniinni yookaan baccarroon yoo argame gogaa isaa irratti akka dhibee gogaa kukkutuu yoo ta'e, gara gadicha Aaroonii yookaan gara gadoota ijoollee Aaroonii keessaa gara nama tokkoo haa fidanii;
3
gadichillee dhibee gogaa foon isaa irratti mudhate hin arga; yoo rifeensi yookaan coraan irraa luqqa'ee dhibeen isaa gogaa irraa gara foonii gad lufe, dhibee gogaa kukkutu; batti'i haa jedhuunii.
4
Garuu yoo baccarroon sun gogaa addeessee foon keessa ka gad hin buune ta'e, yoo rifeensi hin addaanne, gadichi sun namicha dhibame san guyyaa torbaaf mana addaatitti itti haa cufuu.
5
Guyyaa torbeesso'ootitti gadichi laalee yoo dhibeen sun akkasumatti jiraate, gogaa isaa irra yoo babadhatee hin jiraanne, ammallee guyyaa torbaaf achuma haa teessisuu;
6
gadichi sun ammallee guyyaa torbeesso'ootitti isa laalee yoo madaan qooree qaama isaa irratti hin babadhatin, gadichi sun ati fayya'a; kun citto'o; uffata miicadhu hin qulqullooftaa» jedhaan.
7
Garuu haga gadichi akka inni qulqullaaye beekeen maayessa cittoon isaa sun yoo gogaa isaa irra babadhate, ammallee deebi'ee gadichaan haa laallamuu.
8
Gadichillee isa laalee yoo cittoon sun gogaa isaa irratti babadhate sun batti'i, dhibee gogaa kukkutu jedhaan.
9
«Dhibeen gogaa kukkutu qaama namaa keessatti yoo argame gara gadichaa haa fidanii,
10
Gadichi laaleenii yoo gogaa isaa irratti iita adii ta'ee rifeensa goga'aa yoo jijjiire, foon isaa iita keessa yoo malaa guure,
11
Kun dhibee gogaa kukkutu ka gogaa isaa irra ture jedhaan; kun batti'i; kanaaf gadichi mana addaatitti balbala itti hin cufu.
12
Dhibeen gogaa kukkutu kun nafa isaa irratti bayee babadhatee yoo addaate, gadichi namicha dhibee gogaa kukkutuun qabame gogaan isaa maruu mataa irraa haga lukaa dhibee kanaan akka qabame yoo beeke,
13
gadichi dhibeen mataa irraa haga lukaatitti qabamuu isaa yoo arge, namicha dhibame san ati qulqullu'u jedhaan; waan foon yookaan gogaan isaa maruu sirima jijjiiramee adii ta'eeruuf.
14
Yoo foon isaa malaa qabaate ammo battii ta'a.
15
Gadichi foon kulkulee malaa guure yoo arge batti'i jedhaan; foon madaayee kulkule sun dhibee battii gogaa kukkutu jedhaan.
16
Yoo madaan deebi'ee fayyee addaate deebi'ee gara gadichaa dhufa;
17
Gadichillee laaleenii yoo addaatee jiraate, gadichi namicha dhibame saniin ati qulqullu'u jedhaan.
18
«Yoo foon isaa iitayee fayye,
19
huleen fayye yookaan gadaannifni yoo iitayee addaate, yookaan diimatee akka baccarro'oo yoo ta'e, gara gadichaa dhaqee itti uf haa mudhisuu.
20
Yoo madaan sun gogaa keessatti gad boolleessee rifeensi isaallee yoo addaatee jijjiiramee jiraate, gadichi batti'i kun dhukkuba gogaa kukkututu itti bayeera jedha.
21
Garuu gadichi argee yoo rifeensi hin addaanne, yoo dhukkubnillee foon keessa gad seenee hin jiraanne, yoo fayyee jiraate gadichi guyyaa torbaaf mana addaatitti itti haa cufuu.
22
Dhibeen sun gogaa isaa irra yoo babadhate batti'i; dhibee gogaa kukkutu jedhaan.
23
Garuu yoo baccarroon nafa isaa irra babadhachuu baatee nafa isaa irratti fayyee gadaannisa ta'e, gadichi ati qulqullu'u jedhaan.
24
«Namni tokko nafti isaa ibiddaan gubatee hulee gubate san fayyee yoo addaate, yookaan yoo diimate, baccarroon yoo mudhate,
25
gadichatti uf mudhisee nafti isaa sun yoo adii ta'ee huleen sun yoo foon keessa gad bu'ee jiraate, dhibeen kun dhibee gogaa kukkutu ka sababaa ibiddaatiin ta'e; kanaafuu gadichi nama saniin batti'i jedha.
26
Gadichi laalee dhibeen baccarro'oo sun akka hin addaanneef rifeensi isaa yoo hin jijjiiramnee fi nafa isaa keessa madaan yoo gad hin seenne garuu yoo fayye gadichi mana addaatitti itti haa cufuu.
27
Gadichi guyyaa torbeesso'oo irratti deebi'ee yoo laalu dhibeen sun gogaa irratti yoo babadhateera ta'e, kun batti'i; dhibee gogaa kukkutu jedha.
28
Garuu baccarroon sun gogaa irratti babadhata'aa uduu hin deemin hafee gogaan callaan yoo jijjiirame dhibee badaa nama shakkisiisuu miti; gadaannisa gubataa waan ta'eef nama saniin gadichi ati qulqullu'u jedhaan.
29
«Dhiirti yookaan intalti takka yoo mataa yookaan areeda irraa madaa qabaatan,
30
gadichatti uf haa mudhisanii; yoo madaan sun foon keessa gad bu'ee jiraate, yoo rifeensillee bifti isaa boora ta'e, gadichi batti'i jedhaan; dhibee mata'aa yookaan bo'isaa dhibee gogaa kukkutu ka areedaati jedha.
31
Gadichi yoo dhibee bo'isa'aa arge, dhibeen sun yoo gogaa keessa hin seenne, yoo rifeensa gurraacha hin qabaanne gadichi nama dhibee bo'isa'aa qabu san guyyaa torbaaf mana addaa keessatti balbala itti haa cufuu.
32
Guyyaa torbeesso'ootitti gadichi dhibee san hin laala; yoo bo'isaan sun babadhatee hin jiraanne, yoo rifeensi isaa boora hin taanee fi yoo madaan sun keessa gad seenee hin jiraanne, haa haadamuu.
33
Bo'isa garuu hin haadan; gadichi nama dhibee bo'isa'aa qabu sanillee guyyaa torbaaf mana hojjaatitti balbala itti cufa.
34
Guyyaa torbeesso'ootitti dhibee san laala; yoo madaan sun nafa isaa irratti babadhatee hin jiraanne, yoo nafa yookaan foon keessa seenee hin jiraanne, gadichi qulqullu'u isaan jedha; inni uffata ufii miicatee qulqulluu ta'a.
35
Garuu haga qulqullaayeen maayessa bo'isaan yoo gogaa isaa irratti babadhate, gadichi hin laalaan.
36
Yoo dhibeen sun nafa isaa irratti babadhate, gadichi rifeensa boora hin soqu; battii waan ta'eef.
37
Garuu yoo dhibeen sun akkasumatti jiraatee rifeensi gurraachi irratti marge, bo'isaan sun fayyeeraaf; innillee qulqullu'u; gadichillee ati qulqullu'u jedhaan.
38
«Gogaa dhiiraa yookaan gogaa intalaa irra baccarroon yoo jiraate,
39
gadichi hin laala; yoo baccarroon gogaa irraa sun addaate, baccarro'otu gogaa irratti bayeera malee inni yookaan isiin qulqullu'u.
40
Namni tokko yoo rifeensi mataa isaa haphatee molaaye, duraa duubaanillee yoo molaaye, batti'i hin jedhamu.
41
Rifeensi mataa isaa yoo addaa haphatee molaaye, inni qulqullu'u.
42
Garuu yoo mataan molaaye sun madaa adii yookaan madaa diimaa qabaate, inni dhibee gogaa kukkutu.
43
Gadichi hin laalaan, iitti dhibe'ee yoo gogaa foon isaa irra ta'ee dhibee gogaa kukkutu fakkaatee moluu irratti adii, yookaan ka diimate ta'e, nama dhibee gogaa kukkutu qabu; kanaafuu inni batti'i;
44
Gadichi batti'i jedhaan; dhibeen mataa isaa irra jira.
45
«Namni dhibee badaa akkanaa kana qabu, uffata ciccitaa haa uffatuu, rifeensa ufiillee haa muratuu, funyaanitti faxoorratee, ‹ani batti'i!› haa jedhuu.
46
Haga dhibeen sun irra jiru inni batti'i; kanaafuu ganda keessaa bayee hojja ufii haa taa'uu.
47
«Yoo dhibeen badaan sun uffata irra jiraate, uffanni isaa sun uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame yookaan ka gad diratan yoo ta'e,
48
rifeensa irra yookaan jirbii irra yoo ta'e,
49
bifti isaa yoo akka bifa margaa yookaan yoo diimate, dhibee namatti lufu waan ta'eef gadichatti uf haa mudhisuu.
50
Gadichi uffata san laalee haga guyyaa torbaatiif mana hojjaatitti itti haa cufuu.
51
Gadichi ammallee guyyaa torbeesso'ootitti dhaqee haa laaluu; yoo malkanni dhibe'ee sun uffata irra babadhatee jiraate, uffanni sun maruu batti'i.
52
Ka ibiddaan gubamee badu waan ta'eef gadichi ibiddaan haa gubuu.
53
«Garuu hennaa gadichi uffata san qoree laalu yoo malkanni dhibee sanii irratti babadhatee hin jiraanne,
54
Uffanni sun miicamee haga guyyaa torbaa adda haa taa'uu.
55
Achiin maayessallee deebi'ee gadichi haa laaluu; yoo babadhatuullee baate biftillee yoo jijjiiramuu baate, ammallee battima; duraa duubaanillee akka waan shamuu ta'ee yoo jiraate uffanni sun haa gubamuu.
56
Garuu yoo gadichi deebi'ee laalu yoo shamnanni sun irraa diqqaatee malkanni dhibe'ee sun hulee diqqoo irra ta'e, hulee san uffata irraa kutee haa baasuu.
57
Yoo dhibeen sun deebi'ee mudhate, waan babadhata'aa deemuuf abbaammaan uffata sanii haa gubuu.
58
Hennaa uffata san miicu malkanni dhibee sanii yoo irraa bade, ammallee itti deebi'ee haa miicuu; achiin maayessa akka seera qulqulleessu'uutiin hin qulqullaaya.»
59
Eegasuu seerri kun uffata gad diratan ta'ee'e uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame, uffata gogaa irraa hojjatame ka jirbi'iitii fi ka fooyaa jirbi'ii ta'e akkaataa kanniiniin dhibee badaa goga'aa ka lufu ittiin beekan.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27