bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 3
Leviticus 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 4 →
1
Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e, loon keessaa yoo korma yookaan goromsa dhiyeessu ka mudaa hin qabne Rabbii haa dhiyeessuu.
2
Waan kenna'aaf dhiyeesse san harka ufii mataa isaa irra kaayee balbala daasee wol gayi'ii biratti goorra'a; ijoolleen Aaroonii gadoonni dhiiga horii goorra'amee san fuudhanii naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaasanii.
3
Ciincaa fayyinnaa san kennaa godhanii haa dhiyeessanii; cooma mi'a gara'aa irra jiru, cooma gara'aa maraa,
4
Kalee lamaan, cooma cinaachaa, moora tiru'uu kalee lamaan woliin haa fuudhanii;
5
ijoolleen Aaroonii ibidda hulee ciinca'aa irratti haa gubanii; ciincaan kun ciincaa mishaa Rabbitti urgaawu.
6
Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e korbeessa hoola'aa yookaan hoolaa dhaltuu haa dhiyeessuu; inni sun ka mudaa hin qabne haa ta'uu.
7
Kennaa korbeessa hoola'aa Rabbiin afo'otti dhiyeessa.
8
Harka ufii mataa isaa irra kaayee daasee wol gayi'ii afo'otti haa goorra'uu; ijoolleen Aaroonii dhiiga fuudhanii naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaasanii.
9
Ciincaa fayyinnaa san kennaa ibiddaan ciincawu godhee Rabbiif dhiyeessa; coomaa fi dudda duuba eege'eetii ka'ee haga lafee duddaa qalee moora mi'a gara'aa irra jiru maraa,
10
Kalee lamaan, moora cinaacha biraa, moora tiruu irraatii fi ka kalee irraa fuudhee
11
gadichi hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; kun akka kennaa nyaataa ta'ee Rabbiif haa dhiyaatuu.
12
Kennaan yoo ka re'e'ee ta'e Rabbiin afo'otti dhiyeessa;
13
harka ufii Rabbiin afo'otti mataa isaa irra kaayee daasee wol gayi'ii afo'otti goorra'a; ijoolleen Aaroonii dhiiga san fuudhanii ciinca'aa fi naannaya ciinca'aatitti facaasan;
14
Kana ciincaa gubamu godhee Rabbiif dhiyeessa; cooma mi'a gara'aa dhossu, cooma mi'a gara'aa maraa,
15
Kalee lamaanii fi cooma cinaacha bira jiru, moora tiruu irraa, kalee woliin fuudhee
16
gadichi ciincaa godhee dhiyeessa; kun ciincaa urgaayaa nyaataati; coomni maruu Rabbiif adda haa bawuu.
17
Coomaa fi dhiiga hin nyaatinaa'a; kun maruu bara jiraattan maraa ijoollee ijoollee teessaniitiif seera baraa haga bara baraa haa ta'uu.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27