bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 25
Leviticus 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 26 →
1
Rabbi gaara Siina'aa irratti Muusee akkana jedhee itti dubbate;
2
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara biyya ani isinii kennuu galtan; woggaa torbeesso'otti lafa uduu hin qotin lafa bulchu'uun Rabbiin kabajjitan.
3
Woggaa jahaa midhaan facaafadhaa'a; muka woyini'iillee muradhaa'a; sanyii isi'iillee galfadhaa'a.
4
Woggaa torbeesso'oo ammo lafa lafa bulchu'uun Rabbiin kabajjitan; bara san qonna hin qotin.
5
Midhaan ufiin bayellee hin galfatin; gaalee woyini'ii ka luxuun irraa hin muramne wolitti hin qabin; hennaan sun hennaa woggaa Sambata hara baafannaa lafaati.
6
Sambanni lafaa siif, garbicha kee ka dhiiraa, garbittii tee ta intalaa nama minda'aan hojjachiiftu, galaa sitti galee jiraatuu nyaata haa ta'uu.
7
Hori'ii fi bineensa biyya kee keessa jiru maraaf nyaata haa ta'uu.
8
Woggaa torbaa hennaa torbaa ka Sambataa laakkayi wolitti qaba'atti afurtamii sagal ta'a.
9
Achiin maayessa woggaa torbeesso'oo ji'a kudhaneesso'ootitti xurumba'aan labsita; guyyaa araaraa san biyya keessan maraa irratti xurumba'aan labsitan.
10
Akka kanaan guyyaa shantameesso'oo adda baaftanii worra biyya teessan keessa jiraatan maraa wolabummaa isaanii labsitan; lafti achiin dura gurgurame maruu abba'aa yookaan fiixaa abba'aa maraaf hin deebi'a; namni garboomee gurgurame gara worra ufii deebi'a.
11
Woggaa waan kana gootanitti qonna hin qotattan, midhaan ufiin baya'aa fi sanyii woyini'ii ka luxuun isaa hin muramnellee hin guurattan.
12
Iyyoobeeliyuu yookaan guyyaa wolaboomaa waan ta'eef guyyaa woyyuu isinii haa ta'uu; waan akkanumaan marge nyaadhaa'a.
13
«Woggaa Iyyoobeeliyu'uu ka shantameesso'oo kanatti namni maruu gara biyya ristii ufii deebi'a;
14
goshoo keetitti yoo waa gurgurte yookaan yoo waa irraa bitte, goshoo kee hin sobin;
15
Iyyoobeeliyu'uun maayessa akkuma laakkobsa wogga'aatitti goshoo kee irraa bitta; innillee akkuma laakkobsa woggaa midhaan galuutiin sitti gurgura.
16
Akkuma baay'inna wogga'aatiin gatii isaa baay'eessita; akkuma woggaan dhidhateen gatii isaa dhidhifta; akkuma laakkobsa midhaan galuutiin sitti gurgura;
17
Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef eennullee goshoo ufii akka hin sobne Waaqa kee sodaadhu.
18
«Seera kiyya raawwadhaa'a; ajaja kiyyallee eegaa'a; raawwadhaa'a; biyyattii keessa nagayaan jiraattan.
19
Laftillee daraaraa isinii kenniti; isinillee haga quuftanitti nyaattan; isii keessa nagayaan jiraattan.
20
Isin yoo midhaan facaafnee haamne wolitti hin qabanne woggaa torbeesso'ootitti maal nyaanna? jettan.
21
Ani woggaa jaheesso'ootitti eebba kiyya isinii kenna; laftillee waan woggaa sadihiif ta'u isinii kenniti.
22
Woggaa saddeetesso'ootti hin facaaftan, haga woggaa salgeesso'ootitti uduu midhaan moofaa nyaattan midhaan kaan galfattan.
23
«Lafti waan tiyya taateef isin lafa san hin gurgurinaa'a; lafti tiyya malee teessan waan hin taaneef; isin akka nama namatti galee jiraatuu taatanii akka irra teettaniif isinii kenneera.
24
«Namni yoo lafa gurguratu abbaan lafa sanii ka duraa deebi'ee furachuu akka danda'u isin biratti haa beekkamuu.
25
Obboleessi kee hiyyoomee yoo lafa gurgurate, firri isatti dhiyaatu dhufee lafa inni gurgure san furata.
26
Yoo fira dhiyo'oo ka lafa san furachu'uuf hin qabaanne ammo bara qabeenna argate inninuu deebifachuu hin danda'a.
27
Yoo waan gayaa lafa furatuun argate laakkobsa bara bitatee laakkayee abbaa sanii haa deebisuu; innillee gara lafa ufii haa deebi'uu.
28
Lafa san furachu'uuf yoo horii hin qabaanne lafti sun namuma bitate san harka haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu haa taa'uu; woggaa Iyyoobeeliyu'uu lafa san gad haa dhiisuu; innillee gara lafa ufii haa deebi'uu.
29
«Namni yoo qachaa kalamte keessatti mana gurgurate woggaa tokko keessatti deebi'ee furachuu hin danda'a; woggaa tokko keessatti furachuu hin danda'a.
30
Woggaa tokko keessatti yoo furachuu baate qachaa dallawa qabdu keessatti manni sun nama bitate sanii mana bara baraa ka ijoollee ijoollee isaa ta'aaf; woggaa Iyyoobeeliyu'uu keessaa hin bawu.
31
Manniin ganda dallawa hin qabne keessa jiraatan garuu akka maasa'aatitti laallaman hin furatanille'e; woggaa Iyyoobeeliyu'uutittillee gad dhiifaman.
32
Worri Leewwotaa ka qachaa san keessa jiran mana san furachuu hin danda'an.
33
Eennullee worra Leewwi'ii irraa bitee jidduu ijoollee Israa'eliititti manniin qachaa sanii ka leewwotaa ristii ijoollee Israa'elii waan ta'eef manni isaanii ka gurgurame woggaa Iyyoobeeliyu'uu hin deebi'aaf.
34
Huleen horii itti bobbaasan ta qachaa sanii ristii isaanii ta bara baraa waan taateef hin gurguramtu.
35
«Obboleessi kee hiyyoomee yoo dadhabe jabeessiin; akka keessumma'aatii fi akka nama namatti galee jiraatuu si woliin haa jiraatuu.
36
Obboleessa kee ka si woliin jiraatu irraa dhala hin fudhatin; Rabbii kee sodaadhu.
37
Horii kee dhalaan hin liqeessin; waan horiin nyaatu bu'a'aan namaa hin kennin.
38
Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Kana'aanii isinii kennu'uuf, Rabbiin isinii ta'u'uuf biyya Misiriitii isin baase.
39
«Worra Israa'elii keessaa namni tokko hiyyoomee yoo si faanchachu'uuf gale akka garbichaatitti isa hin horatin.
40
Akka nama horii argachu'uuf sitti galeetii fi akka nama namatti galee si woliin jiraatee haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu sii haa hojjatuu;
41
achiin maayessa ijoollee ufii woliin si biraa bayee gara worra ufiitii fi gara ristii abbaa ufii haa deebi'uu;
42
garboota tiyya ta ani biyya Misiriitii isaan baase waan ta'aniif isaan akka garbootaatitti akka hin gurguramne.
43
Hunnaan isaan hin horatin; Rabbii kee sodaadhu.
44
Garbicha dhiiraatii fi garbittii intalaa bitatuu yoo barbaadde orma naannoo keessan jiran keessaa garboota dhiiraatii fi garboota intalaa bitadhaa'a.
45
Akkasuma garboota akka nama namatti galee jiraatuutitti isinitti galanii horan fiixaa isaanii keessaa garboota bitaa'a; isaan qabeenna keessan isinii haa ta'anii.
46
Isiniin maayessallee ijoolleen teessan isaan haa dhaalanii; isaan keessaa bara baraan garboota bitattan; ijoollee Israa'elii obboleewwan keessan garuu hunnaan hin horatinaa'a.
47
«Namni sitti gale keessummaan tokko yoo dureessa ta'e, obboleessi kee yoo isa biratti hiyyoome ka hiyyoome sun ka galee jiraatu saniif keessummaa sanitti yookaan fira ufiititti yoo fiixaa ufii gurgurate,
48
haga fiixaan sun gurgurameen maayessa furachuu hin danda'a; obboleewwan isaa keessaa tokko,
49
Yookaan eessumni isaa yookaan ilmi obboleessa isaa gosa isaa keessaa, aanaan isaa yookaan inninuu yoo waa qabaate haa furatuu.
50
Nama irraa bite san woggaa irraa bite san irraa jalqabee haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu haa laakkawuu; horiin inni bitateenillee akkuma laakkobsa wogga'aatiin haa ta'uu; haguma namichi isa biratti qaxarame hojjate gatiin isaa laakkayamaaf.
51
Woggoota uf afoo hafanittillee horii murtaaye ka hafe haa deebisuu.
52
Haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu woggoonni hagoon yoo hafan isa irratti laakkayama; haguma laakkobsa wogga'aatiin waan gatii lafaan furu haa deebisuu.
53
Woggama wogga'aan akka nama waa hojjatuutitti isa woliin haa jiraatuu; hunnaan isa hin horatin.
54
Woggaa kanniin maraa keessatti garuu yoo lafa hin furanne woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti ijoollee ufii woliin haa bawuu.
55
Ijoolleen Israa'elii garboota tiyya ta ani biyya Misiriitii isaan baase; ani Rabbi Waaqa keessan.»
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27