bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 14
Leviticus 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 15 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Seerri nama dhibee gogaa kukkutuun qabamee kenname kana; Nama akkasii gara gadichaa haa fidanii.
3
Gadichi ganda keessaa achi baasee fayyu'uu fi fayyuu dhabuu isaa laalaan.
4
Achiin maayessa gadichi waan namicha dhibee gogaa kukkutuun qabameetiif simbira qulqulluu lamaan, muka birbirsaa, fooyaa jirbi'ii, diimaa dhiilge'ee fi baala hisoophi'ii akka fidu ajajaan.
5
Achiin maayessa gadichi simbira lamaan sanniin keessaa tokko keree keessa kaayee burqaa bisaanii irratti akka goorra'u ajajaan.
6
Simbira jirtuu muka birbisaa fooyaa jirbi'ii diimaa dhiilge'ee fi baala hisoophi'iillee fuudhee dhiiga simbira keree keessa hulee burqa'aa biratti goorra'e keessatti cuuphee
7
nama dhibee gogaa kukkutu irraa fayye sanitti harka torbaa facaasee ati qulqullu'u jedhee simbira hafte akka barartu raasaa keessa gad dhiisa.
8
Namni qulqullaaye sun uffata ufii miicata, mataallee hin haadata; nafa ufii bisaaniin dhiqatee qulqullaaya; achiin maayessa gara gandaa gala; garuu hulee daasee bulti'iitiin ala guyyaa torbaa taa'a.
9
Guyyaa torbeesso'ootitti rifeensa mata'aa, areeda, nyoora, rifeensa qaama ufii maraa hin haadata; uffata ufiitii fi nafa ufii dhiqatee qulqullaaya.
10
«Guyyaa saddeetesso'ootitti korbeessa hoola'aa lamaan ka mudaa hin qabne, goromtii hoola'aa ta woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne, kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii ka dhadha'aan sukkuumame, daakuu mishaa iifii tokko dhiyeessa.
11
Gadichi namicha san qulqulleessu kennaa inni dhiyeesse san woliin qabee balbala daasee wol gayi'iititti Rabbiin afoo dhiyeessa.
12
Kanaan maayessa gadichi korbeeyyii hoola'aa keessaa tokko fuudhee waan ciincaa yakkaatiif dhadhaa ejersaa fuudhee Rabbiin afo'otti sosochoosa.
13
Waan ciincaa cubbu'uu ta'ee dhiyaatu hulee ciinca'aaf qophaaye qulqulluu irratti korbeessa goorra'a; wonti gadichi sun akkana godhuuf ciincaan yakkaa akkuma waan ciincaa araara cubbu'uutiif dhiyaatuu gayee gadichaa ta'ee waan kennamuuf; inni guddisee woyyu'u.
14
Gadichi dhiiga hoolaa ciinca'aa fuudhee akka seeraatitti qaccee gurra mirgaa, abbuuddicha harka mirgaatii fi abbuuddicha quba luka mirgaa ka namicha qulqullaawuutiin tuqa.
15
Gadichi dhadhaa ejersaa irraa diqqoo fuudhee ganaa isaa ka bita'aa irratti buusaaf;
16
gadichi dhadhaa ejersaa ka harka isaa irra jiru quba harka mirgaatiin tuqee harka torbaa afoo Rabbiititti quba ufiitiin facaasa.
17
Gadichi dhadhaa ejersaa ka harka isaa irratti hafe qaccee gurra mirgaa, quba abbuuddichaa ka harka mirgaatii fi ka luka mirgaa dhiiga korbeessaa ka waan cubbu'uutiif dhiyaateen tuqa.
18
Dhadhaa ejersaa ka harka isaa irratti hafe fuudhee mataa isaa irratti haa buusuu; akkaataa kanaan gadichi seera woyyoomsu'uu raawwata.
19
«Kanaan maayessa gadichi akkaataa kanaan ciincaa araara cubbu'uu raawwata; ammallee ciincaa biraatiif horii biraa qala.
20
Kanallee ciincaa midhaanii woliin hulee ciinca'aatitti ciinceessa; akka kanaan gadichi seera ciincaa araaraa raawwata, innillee hin qulqullaaya.
21
«Namichi kana maraa dhiyeessuu yoo hin dandeenne ta'e akka araaraaf isaa ta'u korbeessa hoola'aa tokko ka ciincaa araaraa ta'ee Rabbiin afo'otti sosochoofamu haa fiduu; ka hafe sun gayaa gadichaa ta'a; kanuma woliin daakuu iifii tokkoo ka dhadha'aan sukkuumame ciincaa midhaanii woliin dhiyeessa; akkasuma dhadhaa ejersaa sadihi keessaa harka tokko dhiyeessa.
22
Akkasuma haguma hunni isaa danda'een handarii lamaa yookaan kuukurruu lamaa keessaa ka danda'e tokko ciincaa cubbu'uutiif, ka lammeesso'oo ammo ciincaa gubamuuf haa dhiyeessuu.
23
Guyyaa saddeetesso'ootitti gadichi waan cubbuu irraa fayyiiti'iitiif gara daasee wol gayi'ii Rabbiin afoo fida.
24
Gadichi dhadhaa ejersaa iifii tokkoo ciincaa korbeessaa ka dhiyaatu woliin ciincaa Rabbiin afo'otti sosocho'u taasisee fidee
25
Rabbiin afo'otti goorra'a; namicha qulqulleeffamu san qaccee gurra isaa ka mirgaa quba abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa tuqaan.
26
Gadichi dhadhaa ejersaa san harka bita'aa ka namicha qulqullaawuu irratti buusa.
27
Gadichi dhadhaa ejersaa ka harka isaa ka bita'aa keessa jiru san harka torbaa Rabbiin afo'otti facaasa.
28
Gadichi dhadhaa ejersaa ka ganaa isaa keessa jiru san fuudhee qaccee gurra mirgaa, qaccee abbuuddicha harkaatii fi ka quba lukaa dhiiga araara yakkaa san woliin hulee dhiinni araaraa irra jiru saniin tuqa.
29
Gadichi Rabbiin wolitti isa araarsu'uuf dhadhaa ejersaa ka harka isaa irratti hafe san mataa namicha qulqullaawuu san irratti buusa.
30
Yoo danda'e kuukurruu yookaan ilmoolee handari'ii keessaa takkattii haa dhiyeessuu.
31
Yoo danda'e tokko dhiifamsa cubbu'uutiif; ka biraa ammo kennaa midhaanii woliin ciincaa ciincawu godhee dhiyeessa; gadichi nama qulqullaawu san Rabbiin afo'otti araara goosisaaf.
32
Nama dhukkuba gogaa kukkutuun qabame seerri inni ittiin qulqullaawu kana; ka waan ittiin qulqullaawu dhabeefillee seerri kana» jedheen.
33
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,
34
«Hennaa gara ristii ani isinii kennuu ta biyya Misiriititti galtan yoo ani dhibee gogaa kukkutu biyya ristii isinii kenne keessatti mana nama tokkootitti fide.
35
Namni sun gara gadichaa dhufee waan dhibeen mana kiyya seeneeru natti fakkaata jedhee itti haa himuu.
36
Gadichi meeshaan mana isaa keessa jiru maruu akka hin battoofne meeshaa manaa yaasisee mana duwwaa akka godhu ajaja; achiin maayessa gadichi mana seenee laala.
37
Dhibee laalee yoo dhibeen sun dhaaba manaa irratti boolla baasee dammeessaye yookaan yoo shame;
38
gadichi mana sanii bayee balbala haga guyyaa torbaa cufa.
39
Gadichi guyyaa torbeesso'ootitti deebi'ee mana san laala; dhibeen yoo deebi'ee mana keessa babadhate
40
gadichi dhagaa muka malkanni dhibe'ee irratti argame sanniin ganda keessaa baasisee gara raasa'aatitti akka gatan ajaja.
41
Kanaan maayessa mana ammo keessa isaa maraa irraa haa bocuu; biyyee irraa bocame gandaan alatti gara raasa'aa baasee hulee bada'atti haa gatamuu.
42
Hulee dhagaa yookaan munni sun keessaa bayetti dhagaa biraa yookaan dhoqqe'een haa laambubanii.
43
Dhibeen sun yoo itti deebi'ee haga dhagaan sun keessaa bayee manni bocamee haga laambubameen maayessa yoo dhibeen sun deebi'ee mana keessatti babadhate,
44
gadichi seenee laalee yoo dhibeen sun mana keessatti babadhate dhibeen sun dhibee batti'i.
45
Gadichi mana san diigee dhagaa'a, dhoqqe'ee fi muka diiggame san waan battii ta'eef gandaan ala gara raasa'aa baasee gata.
46
Mana cufame san namni banee seene haga galgalaa hin battaaya.
47
Namni mana san keessa buluu fi ka waa itti nyaatullee uffata ufii hin miicata.
48
«Gadichi mana seenee laalee haga laambubameen maayessa yoo dhibeen sun mana san keessa babadhachuu baate waan dhibeen sun badeef manni qulqullu'u jedha.
49
Mana qulqulleessu'uuf simbira lamaa muka birbirsaa, fooyaa jirbi'ii, diima'aa fi baala hisoophi'ii fudhatee
50
simbira sanniin keessaa tokko meeshaa faaraa yookaan keree keessatti burqaa bisaanii irratti goorra'ee
51
muka birbirsaa, baala hisoophi'ii, fooyaa jirbi'ii diima'aa fi simbira hafellee fuudhee dhiiga simbira goorra'amtee maraa fuudhee bisaan burqa'aa keessatti cuuphee harka torbaa mana irratti facaasa.
52
Manallee dhiiga simbiraa burqaa bisaaniitiin simbira lubbu'uun jirtu muka birbirsaatiin, baala hisoophi'iitii fi fooyaa jirbi'ii diimaa saniin qulqulleessa.
53
Simbira hafte ammo baasee raasa'atti gad dhiisa; mannillee hin qulqullaaya; araarrillee hin ta'aaf.
54
«Seerri kun seera waan dhukkuba dhibee gogaa namaatiif kenname.
55
Dhibee uffataa cittoo'o, dhibee mana keessa jiruu,
56
Iitawuu'u, baccarroo,
57
wonti tokko qulqulluu yookaan battii ta'uu isaa seerri ittiin beekkamu kana» jedheen.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27