bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 10
Leviticus 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 11 →
1
Ijoolleen Aaroonii Naadaabii fi Abiyuud girgiraa fuudhanii ibidda itti godhanii isa irratti hixaana buusanii ibidda biraallee ka inni hin ajanye dhiyeessan;
2
kanaaf Ibiddi Rabbiin biraa bu'ee nyaatee Rabbiin afo'otti isaan ajjeese.
3
Muuseen Aarooniin, «Rabbi ‹Worra gara kiyya dhiyaatan jiddu'utti woyyummaa kiyya mudhisa; ani banii kiyya afo'otti ka kabajjame ta'a› » jedhe; kana jennaan Aaroon cadhise.
4
Muuseen eessuma Aaroonii ilmaan Uzi'eelii Misaa'ee fi Elsaafaaniin waamee «Kootta'aatii reeffa obboleewwan teessanii hulee woyyuu afo'oo fuudha'aatii gandaan ala gara raasa'aa baasaa'a» isaaniin jedhe.
5
Isaanillee dhufanii kaasanii akkuma Muuseen jedhe qambisaa isaaniitiin gandaan ala gara raasa'aa baasan.
6
Achiin maayessa Muuseen Aarooniin, ijoollee Aaroonii Alaazarii fi Itaamiriin, «Akka hin duune, lolli Rabbii banii maraa irratti akka hin buune gadditanii mataa hin haadatinaa'a, uffatallee uf irratti hin bibbiinxinaa'a; garuu worra Rabbi ibiddaan gubee isaan fixe maraafuu booyaa'a.
7
Muudamni Rabbii waan isin irra jiruuf akka hin duune balbala daasee wol gayi'iitii hin fagaatinaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee akkuma Muuseen jedhe godhan.
8
Rabbi Aarooniin akkana jedhe,
9
«Hennaa gara daasee wol gayi'ii seentan, akka hin duune atii fi ijoolleen tee daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu maraa hin dhuginaa'a; kun ijoollee ijoollee teessaniitiif seera baraa haga bara baraa isinii haa ta'uu;
10
waan battaayee fi waan hin battoofne, waan woyyoomee fi waan battaaye gargar baasuu isin barbaachisa.
11
Seera Rabbi karaa Muuse'eetiin isaanitti dubbate maraa ijoollee Israa'elii barsiisaa'a»
12
Muuseen Aaroonii fi ijoollee Aaroonii ta du'a irraa hafte Alaazarii fi Itaamiriin akkana jedhe, «Kennaa guddisee woyyoome waan ta'eef kennaa midhaanii ka Rabbiif ciincaa ta'ee dhiyaatee hafe keessaa fuudha'aatii xoroshoo godha'aatii hulee ciincaan itti dhiyaatu biratti nyaadhaa'a.
13
Kennaa ciinca'aa ka Rabbiif ibiddaan gubamee ciincayee dhiyaate keessaa kun gayee Rabbi ijoollee teessaniif kenne waan ta'eef hulee woyyu'utti nyaattan; waan Rabbi akkas jedhee na ajajeeruuf.
14
Kunniin fayyinna ijoollee Israa'eliitiif, kennaa ijoollee teetiitiif, si'iif gayee akka ta'u waan kennamanii fi foon handaraafaa ka sosocho'u lukallee fuutanii atii fi ijoolleen tee ta intalaallee hulee woyyu'utti nyaattan.
15
Lukaa fi handaraafa Rabbiin afo'otti sosochoosan cooma ibiddatti ciinceeffamu woliin haa fidanii akkuma Rabbi ajaje si'ii fi ijoollee teetiillee gayee baraa haga bara baraa haa ta'uu» jedheen.
16
Muuseen re'een sababaa ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate maal akka ta'e gaafatee ciincawuu isi'ii hubatee ilmaan Aaroonii Alaazarii fi Itaamiriin lolee,
17
«Guddisee waan woyyuu ta'eef cubbuu bani'iitiif akka Rabbiin araara gaafattan isinii waan kenneef maaf ciincaa waan cubbu'uutiif hulee woyyu'utti dhiyaate hin nyaanne?
18
Isin dhiiga hulee woyyuu hin seensifne; silaa akka ani isin ajajetti hulee woyyuu keessatti nyaattanii» isaaniin jedhe.
19
Aaroon Muuse'een, «Kunoo adha ciincaa isaan waan cubbu'uutiif ciincawu ka Rabbiin afo'otti dhiyeessan uduu nyaadheera ta'e Rabbiin hin gammachiisaa? garuu wonti kun maruu na irra gaye» jedhee deebise.
20
Muuseenillee hennaa waan kana dhagaye hin gammade.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27