bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 26
Leviticus 26
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 27 →
1
Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef waaqa tolfamaa ufiif hin hojjatinaa'a; fakii bocame yookaan soodduu hin dhaabinaa'a; biyya keessan keessa dhagaan bocamee itti sagadan hin jiraatin;
2
Sambata kiyya eegaa'a; hulee woyyittii tiyya kabajjaa'a; ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.
3
«Yoo seera kiyyaan jiraattan ajaja kiyyallee eeddanii yoo raawwattan,
4
rooba henna'aan isinii roobsa; laftillee midhaan isinii baafti; munnillee daraaraa isinii daraara.
5
Sababaa midhaan keessan guddatee baay'ateef, uduu midhaan haamattanii hin findhe hurbuun haamattan ka lammeesso'oollee gaya; uduu hurbuu woyini'ii san murtanii hin findhe hennaan midhaan facaaftan gaya; nyaata keessaniif waan isin barbaachisu maraa argattan; lafa teessan irrallee nagayaan jiraattan.
6
«Biyya teessanii nagaya kenna; eennullee isin hin sodaachisu; nagayaan raftan; bineensota babbadaallee biyya keessanii balleessa; ammaa achi lolli biyya keessan hin jiraatu.
7
Diintota keessanillee hin ariitan; isaanillee isin jalatti kufan.
8
Isin keessaa namni keessan shan diina dhibba ari'a; namni keessan dhibbi ammo diina kuma kudhan ari'a; diintonni keessanillee isin jalatti kufan.
9
Fuulli kiyyallee gara keessan deebi'a; akka hortanii baay'attan isin taasisa; waadaa kiyya anaa fi isin jiddu'utti cimsa.
10
Midhaan moofaa hennaa dheeraa lafa taa'e nyaattan; midhaan haarawa uduu hin galfanneen dura moofaa yaaftan.
11
Ani hulee bulti'ii kiyyallee isin jidduu godhadha; ani sirima isin hin jibbu.
12
Ani wodhakkaa keessan deddeebi'a; ani Waaqa isinii ta'a; isinillee banii kiyya taatan.
13
Akka isin garboota isaanii hin taaneef biyya Misiriitii ka isin baase ani Waaqa keessan; qambara garbumma'aa keessan cabsee akka ol jettanii deemtan isin godhe.
14
«Garuu yoo na hin dhageenne, ajaja kanniin maraa yoo hin raawwanne,
15
Yoo seera kiyya tuffattan, ajaja kiyya maraa, waadaa anaa fi isin jidduu jiru diiddanii yoo murtii kiyya jibbitan,
16
Anillee waan kanniin isin irratti raawwadha; sodaa'a, huqqachuu, waan ija keessan golgoleessu, oo'a nafa keessan huqqisu isinitti fida. Midhaan keessan akkanumaan facaaftan; ka nyaatu ammo diina keessan.
17
Ani waan aari'iin isin irratti ka'uuf hin mooyatamtan; worra isin jibbutu isin bulcha; uduu eennullee isin hin ariine baqattan.
18
«Isin hagana mara yoo na hin dhageenne waan cubbuu keessaniitiif adaba harka torbaa isinitti eda'a.
19
Hunna keessan ka uf jaju'uu hin cabsa; samii keessan akka sibiilaa jabeessee akka roobni hin roobne godha; lafa teessaniillee gossee akka sibiila diima'aa godha.
20
Hunni keessan duwwa'atti dhuma; Laftillee midhaan isinii hin baaftu; munnillee isinii hin daraaru.
21
«Ammallee yoo uf jaju'uun deemtanii fi yoo naa dhagawuu baattan, haguma cubbuu keessaniitiin balaa dachaa torbaa isin irratti eda'a; bineensa isinitti gad dhiisa.
22
Ijoollee teessanillee isin harkaa guuratan; horii keessanillee isin harkaa guuratan; horii keessan hin fixan; laakkobsi keessan hin diqqaata; karaan keessanillee gammoojjii ta'a.
23
«Yoo adabamuu baattanii akkanaan deemtan, yoo ajajamuu diddan,
24
waan diduu keessaniitiif adaba guddaa isin adaba; waan cubbuu keessaniitiifillee adabbii dachaa torbaatiin isin adaba.
25
Waan waada na woliin galtan diiddaniif woraanaan haluu isin baya; isinillee gara ganda keessanii deemtan; beela isinitti gad dhiisa; harka diinaatitti dabarsee isin kenna.
26
Akka isin nyaata dhabdan isin taasisa; sababaa kanaaf dubartoonni teessan kudhan hennaa dhiyana bilcheeffattu, wonti isaan irratti bilcheeffatan eelema takkatti'i; isumallee yoo ta'e, bikkaan waan qoodamtaniif kanniin maraa nyaattanii hin quuftan.
27
«Kana mara yoo na dhagawuu diddanii uf jaju'uun deemtan,
28
anillee lolaan isinitti deema; waan cubbuu keessaniitiif adaba dachaa torba isin adaba.
29
Isin foon ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa nyaattan.
30
Hulee gaaraa ka isin itti sagaddan hin diiga; fakii adu'uu keessanillee hin balleessa; reeffa keessan waaqa keessan tolfamaa ka kufe irratti gata; ani guddisee isin jibba.
31
Qachoota keessan duwwaa godha; mana woyyumma'aa keessanillee hin diiga. Ciincaa mishaa keessanillee hin urgeeffadhu.
32
Lafa teessan sirima balleessa; diintonni teessan ka isii irra jiraatanillee hin maalalfatan.
33
Isinillee orma jidduu isin bittinneessa; duula woraanaa isinitti yaasa; biyyi teessan baddee qachaan teessanillee duwwaa taati.
34
Kanaan maayessa hara baafannaa isin lafaa kennuu hin dandeenne lafti argattee gammaddi; waan Sambata kiyya eeddeef haarawoomti.
35
Waan hennaa isin irra jirtan san sambata kiyya hin eenneef hara hin baafanne; isin hennaa biyya diina keessanii irra jiraattan lafti duwwaa taatee hara baafatti.
36
«Worra isin keessaa biyya diintota keessaniititti hafe sodaa itti gad dhiisa; baalli qilleensaan socho'ullee isin bararraassa; akka waan woraana jalaa dheessitaniititti baqattan; uduu eennullee isin hin ariine kuftan;
37
uduu eennullee isaan hin ariine akka waan woraana dheessaniititti wol sassakaaltan; isin diintota keessan afoo dhaabachuu hin dandeettan.
38
Orma jiddu'utti dhumtan; lafa diina keessaniititu isin liqimsa.
39
Worri isin irraa fooyamanii hafan lafa diintota isaanii irratti cubbuu ufiitiin huqqatan; akkasuma cubbuu abboota isaaniitiinillee hin huqqatan.
40
«Waan na irratti uf jajaniif yakka na yakkan cubbuu ufiitiif cubbuu abboota ufii himatan.
41
Anillee akkasuma isaanitti uf jajee biyya diintota isaaniitittillee isaan galche; garuu yoo onneen isaanii ta hin qajeelle sun qajeeltee adaba cubbuu ufii san beekan; ani waadaa Yaaqoobii gale yaadadha.
42
Akkasuma waadaa Abrahaamii fi Yisaaqii galeef biyyallee hin yaadadha.
43
Sababaa cubbuu isaaniitiif lafti ona taati; yoo isaanillee irra hin jirre bara duwwaa taate san waan sambata eeddeef hin gammaddi; isaan waan murtii kiyya tuffatanii seera kiyyallee jibbaniif cubbuu isaaniitiif hin adabaman.
44
Garuu ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef uduu isaan biyya diintota ufii jiran, haga isaan balleessuu waadaa isaan woliin gale haga diigutti isaan hin gatu; isaan hin shakkulle'e.
45
Ani Waaqa isaanii ta'u'uuf uduu ormi isaan laalu biyya Misiriitii isaan baase; waadaa abboota isaanii waan isaaniitiif isaan yaadadha; ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.»
46
Seerri Rabbi ufii fi ijoollee Israa'elii jiddu'utti gaara Siina'aa irratti Muuse'etti kenne kanniin.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27