bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 8
Leviticus 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 9 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe;
2
«Aaroonii fi ijoollee isaatiin uffata, dhadhaa dibatan, mirgoo ciincaa dhiifamsa cubbu'uutiif ta'u, korbeeyyii hoola'aa lama, xoroshoo kooboo lama fuudhi;
3
banii maraa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti wolitti qabi»
4
Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; baniin maruu daasee wol gayi'ii afo'otti wolitti qabaman;
5
Muuseen bani'iin, «Wonti Rabbi akka ta'uuf ajaje kana» jedhe.
6
Muuseen Aaroonii fi ijoollee isaa wolitti qabee bisaaniin dhiqe;
7
qambisaa isaanitti uwwise; mudhii hidhachiise; qamisii itti uwwise, efuudiillee irraan dhayee sabbata ogumma'aan dhayameen hidhachiise;
8
uffata qomaallee isaanitti godhee Uriimii fi Tumiimiin keessa kaayeef.
9
Akkuma Rabbi Muusee ajaje sabbatallee mata'atti maree marata irratti gara afo'ootiin kennaa worqi'ii ka qulqullaaye malkata baala fakkaatu godheef.
10
Muuseen dhadhaa dibu fuudhee mana bulti'iitii fi waan mana san keessa jiru maraa dibee woyyoomse;
11
isa irraallee hulee ciinca'aatitti harka torbaa facaase; akka woyyoomaniif hulee ciinca'aatii fi meeshaa maraa, saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan dibe.
12
Dhadhaa dibatan keessaa mataa Aaroonii irratti buusee baallii gadumma'aa kenneef.
13
Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoollee Aaroonii fidee qambisaa isaanitti uwwisee mudhii isaanii sabbataan hidhee qoobiillee mataa irra godheef.
14
Kanaan maayessa mirgoo ciincaa cubbu'uullee fidee Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii harka ufii mataa mirgoo ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate irra kaayan;
15
Muuseen goorra'ee dhiiga qubaan tuqee naannaya gaaffan hulee ciinca'aa jiru dibee, hulee ciinca'aa woyyoomsee dhiiga hafe hulee ciinca'aa jalatti jissee araara isaanii godhee isaan woyyoomse;
16
Muuseen moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, moora tiruu irra jiru, moora kalee lamaan irra jirullee fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceesse.
17
Muuseen akkuma Rabbii isa ajaje gogaa mirgo'oo, foon, cumaa gandaan ala baasee raasa'atti gube.
18
Achiin maayessa Muuseen korbeessa hoola'aa ka ciinca'aaf ta'u dhiyeessee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka ufii mataa hoola'aa irra kaayan;
19
Muuseenillee hoolaa goorra'ee dhiiga naannaya hulee ciinca'aatitti facaase;
20
foon hoola'aallee akkaatama fooniitiin kukkutee mataa, foonii fi coomallee hin ciinceesse.
21
Mi'a gara'aatii fi kottiin bisaaniin miicee foon korbeessa hoola'aa maraa hulee ciinca'aa irratti ciinceesse; kunillee ciincaa urgaayaa ture; kun akkuma Rabbi Muusee ajaje kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaate.
22
Hoolaa lammeesso'oo ka woyyumma'aaf ta'u fidee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka ufii mataa hoola'aa irra kaayan;
23
Muuseen hoolaa goorra'ee dhiiga qaccee gurra mirgaa, abbuuddicha harka mirgaatii fi quba lukaa abbuuddichaa ka Aarooniitiin tuqe.
24
Muuseen ijoollee Aaroonii wolitti qabee dhiiga fuudhee qaccee gurra mirgaa, qaccee quba harka mirgaa abbuuddichaa fi quba luka mirgaa abbuuddichaan tuqee dhiiga hafe naannaya hulee ciinca'aatitti facaase.
25
Cooma, duma, moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, moora tiru'uu, kalee lamaan, cooma isaaniitii fi luka mirgaa fuudhee
26
xoroshoo Rabbiin afoo jiru keessaa, bixilee kooboo tokko, xoroshoo dhadha'aan sukkuumame tokko, xoroshoo haphii takkattii fuudhee coomaa fi irree mirgaa irra kaaye;
27
maraa fuudhee harka Aarooniitii fi harka ijoollee Aaroonii irra kaayee kennaa Rabbiin afo'otti socho'u sosochoose.
28
Kanaan maayessa Muuseen isaan harkaa fuudhee hulee ciincaan dhiyaatutti ciinceesse; kun urgaa mishaa Rabbiin garaa laaffisu; innillee kennaa ibiddaan Rabbiif ciincaye.
29
Muuseen ammallee handaraafa fuudhee kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan godhe; kunillee akkuma Rabbi Muusee ajaje korbeessi hoola'aa ka woyyumma'aaf qalame gayee isaa ta'eef.
30
Muuseen dhadhaa dibataatii fi dhiiga hulee ciinca'aa jiru fuudhee Aaroonii fi uffata isaa, ijoolle'ee fi uffata ijoollee isaallee woyyoomse.
31
«Muuseen Aaroonii fi ijoollee Aarooniitiin foon balbala daasee wol gayi'iititti affeela'aatii Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii haa nyaatanii jedhee ajaje; achumaan isaa fi xoroshoo woyyuu kooboo irra jiru nyaadhaa'a.
32
Foonii fi dhiyana hafe ibiddaan gubdan;
33
haga guyyaa torbaatitti gadoota waan isin taasisuuf haga guyyaan torbaa dhumatutti balbala daasee wol gayi'ii keessaa hin bayinaa'a.
34
Rabbi akkuma araara guyyaa kana godhameetitti akka godhamu ajajeera.
35
Kun seera Rabbi na ajaje, balbala daasee wol gayi'ii haga guyyaa torbaa halkanii fi guyyaa taa'aa'a seera Rabbiillee eegaa'a; yoo kana godhuu baattan hin duutan» jedheen.
36
Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii waan Rabbi Muusee ajaje maraa godhan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27