bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Leviticus 27
Leviticus 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni kamuu yoo Rabbii nama kennu'uuf silatii qabe waan gatii nama sanii akkuma ati bikkitetti haa kennuu.
3
Dhiiraaf umurii diddama irraa haga jahaatamaa akka madaala mana woyyumma'aatitti madaala saqilii shantamaatitti bikkamu haa ta'uu.
4
Intalallee yoo taate saqilii soddomaa haa ta'uu.
5
Woggaa shan irraa jalqabee haga woggaa diddamaa dhiiraaf saqilii diddama; intalaaf saqilii kudhan haa ta'uu.
6
Ji'a tokko irraa haga woggaa shanii dhiiraaf madaala saqili'ii shan, intalaaf madaala saqilii sadihii haa ta'uu.
7
Woggaa jahaatama irraa jalqabee achii ol dhiiraaf saqilii kudha shan, intalaaf saqilii kudhan haa ta'uu.
8
«Waan gatii saniitiif waan kaffalu yoo dhabe ammo gadicha afoo haa dhaabatuu; gadichillee namicha silatii gale gatii haga inni baasuu haa bikkuu; gadichi waan gatii namicha silatii galee san haa bikkuu.
9
«Ciincaan namichi Rabbii dhiyeessu yoo horii ta'e, wonti namni Rabbii dhiyeessu maruu woyyuu ta'a.
10
Horii mishaa bada'aan; horii badaa ammo misha'aan hin jijjiirin; yoo horii hori'iin jijjiire inninii fi ka jijjiirame sunillee hin woyyooman.
11
Horiin sun battaayee ka ciincaa Rabbiif hin taane yoo ta'e horii san gadicha afoo haa fiduu.
12
Horiin sun badaa yookaan mishaa ta'uu gadichi haa bikkuu; akkuma gadichi bikke haa ta'uu.
13
Yoo horii san furachuu barbaade haga gadichi bikke san irratti harka shanii haa eda'uu.
14
«Namni Rabbii woyyoomu'uuf mana ufii yoo woyyoomse manni sun badaa ta'u'uuf mishaa ta'uu isaa gadichi haa laaluu; akkuma gadichi bikketti manni sun woyyooma.
15
Namni mana woyyoome san yoo furachuu barbaade waan gadichi bikke san irratti horii harka shanii haa eda'uu; achiin maayessa manni ka isaa ta'a.
16
«Namni ristii ufii keessaa yoo Rabbii woyyoomse gatiin isaa sun haga sanyii san lafti fudhachuu danda'uutiin haa bikkamuu; kunillee garbuu iifii diddamaatii fi saqilii shantamaa haa kaffaluu.
17
Qonni sun woggaa Iyyoobeeliyu'uu irraa jalqabee yoo woyyoome gatii isaa maruma haa kaffaluu.
18
Qonni sun woggaa Iyyoobeeliyu'uutiin maayessa yoo woyyoome gadichi gatii lafaa ka hafe bikkuma woggaa hafeetiin laakkayaaf; gatiin sunillee jalaa dhidhata.
19
Namni qonna san woyyoomse yoo furachuu barbaade waan gatii lafti sun itti tilmaamamee dachaa shanii kaffalee lafti ta isaa haa taatuu.
20
Yoo qonna san hin furanne yookaan yoo nama biraatitti gurgurate, lafa san deebi'ee furachuu hin danda'u.
21
Qonni sun ammo woggaan Iyyoobeeliyu'uu yoo baye lafa woyyoomee Rabbii handhuurfame ta'a; ristiin sun ristii gadichaa ta'a.
22
Namni yoo maasaa ristii ufii keessaa hin taane Rabbii woyyoome gadichi haga woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti gatii lafa sanii hin laakkayaaf;
23
guyyaa san gatii san akka waan Rabbii woyyoomeetitti Rabbii kenna.
24
Woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti qonni sun abbaa lafa gurgurate sanii deebiti.
25
«Gatiin maruu akkuma madaala mana woyyu'uu ka sirrii ta'een bikkama; saqiliin tokko aboolii diddama.
26
«Horii duraa ka ciincaa Rabbii dhiyaatu yoo waatii ta'e, yookaan hoolaa eennullee woyyoomsuu hin danda'u; hangafni ka Rabbii waan ta'eef.
27
Horii battaayellee yoo ta'e akkuma gatii isaatiin haa furatuu. Waan gatii isaa irratti dachaa shanii godhee haa kaffaluu; yoo hin furanne bikkuma gatii isaatiin gurgurata.
28
«Wonti Rabbii fooyame, ka Rabbiif handhuurame maruu nama yoo ta'e yookaan horii, qonna, ristii isaallee yoo ta'e kunniin hin gurguramu hin furamanille'e; wonti Rabbii handhuurame maruu woyyuu woyyootaati.
29
Namoota keessaallee wonti Rabbii handhuurame maruu sirima hin furamu hin ajjeeffama.
30
Kennaa kurneesso'oo sanyii lafti biqilchituu fi daraaraan mukaa maruu ka Rabbiiti; Rabbiif woyyooma.
31
Namni yoo kurneessoo furachuu barbaade gatii isaa irratti harka shanii eda'ee kaffala.
32
Sangoota maraa keessaa kudhan keessaa tokko hoola'aa fi re'iin tisseen tissitu keessaa kudhan keessaa tokko Rabbiif woyyooma.
33
Akka badaa ta'eef mishaa ta'e hin laallamu hin jijjiiramulle'e; yoo jijjiirame inninii fi ka jijjiiramellee hin furamu woyyuu ta'a»
34
Ajanyi Rabbi gaara siina'aa irratti Muuse'ee fi ijoollee Israa'elii ajaje kanniin.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27