bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 1
Numbers 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 2 →
1
Rabbi Muusee haga isaan biyya Misiriitii bayaniin maayessa woggaa lammeesso'oo ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa lafa gammoojjii Siina'aa daasee keessatti akkana jedhee itti dubbate;
2
«Banii Israa'elii maraa laakkobsa isaanii akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin maqaa ijoollee isaanii ta dhiiraa fuudhaa'a.
3
Atii fi Aaroon ijoollee Israa'elii keessaa nama woggaa diddamaatii fi ka achii olii worra duula dhaquu danda'an maraa laakkayaa'a.
4
Gosa maraa keessaa bulchaan maati'ii si woliin haa ta'uu.
5
Maqaan worra isin woliin dhaabatanii kanniin; Mana Roobeelii keessaa ilma Saadiyoorii Eelsuur,
6
Mana Simoonii keessaa ilma Suursadaayii Salami'eel,
7
Mana Yihuuda'aa keessaa ilma Amiinaadaabii Na'aasoon,
8
Mana Yisaakoorii keessaa ilma Soogaarii Naatinaa'eel,
9
Mana Zaabiloonii keessaa ilma Keeloonii Eeliyaab,
10
Ijoollee Yooseefii keessaa ijoollee Efreemii keessaa, ilma Amihuudii Eelsaamaa, mana Minaase'ee keessaa ilma Fiddaasuurii Qamaali'eel,
11
Gosa Biiniyaamii keessaa ilma Gaadiyoonii Abidaan,
12
Gosa Daanii keessaa ilma Amsaadaayii Aaki'eezar,
13
Gosa Aaseerii keessaa ilma Eekraanii Fagi'eel,
14
Gosa Gaadii keessaa ilma Daa'u'eelii Eelsaaf,
15
Gosa Niftaalemii keessaa ilma Eenaanii Akiiree.»
16
Banii Israa'elii keessaa bulchoonni gugurdoon filaman, ka gosa abboota banii kanaa kanniin.
17
Muuseenii fi Aaroon maqaa worra filamanii kanniin fudhatanii;
18
ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaatitti banii maraa wolitti qabanii nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii maraa akka mana isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin, akkuma maqaa laakkobsa isaaniitiin hortee ufiititti dubbatan.
19
Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje, akkasuma gammoojjii gaara Siina'aa irratti isaan laakkaye.
20
Ijoollee Israa'elii ilmaan Roobeelii hangaftichaa akka dhaloota isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii dhiirri duula dhaquu danda'u maruu,
21
gofti Roobeelii worri laakkayaman kuma afurtamii jahaa fi dhibba shan turan.
22
Ijoolleen Simoonii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin worri laakkayaman, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, akka mana isaaniitiin dhiira woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
23
gosa Simoonii keessaa worri laakkayaman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadihi turan.
24
Ijoolleen Gaadii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
25
gosa Gaadii keessaa worri laakkayaman kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi shantama turan.
26
Horteen ijoollee Yihuuda'aa akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an moruu,
27
gofti Yihuuda'aa worri laakkayaman kuma torbaatamii afurii fi dhibba jaha turan.
28
Ijoolleen Yisaakoorii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
29
gofti Yisaakoorii worri laakkayaman, kuma shantamii afurii fi dhibba afur turan.
30
Ijoolleen Zaabiloonii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
31
gosa Zaabiloonii keessaa worri laakkayaman maruu namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur turan.
32
Ijoollee Yooseefii keessaa ijoolleen Efreemii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an.
33
gosa Efreemii keessaa worri laakkayaman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.
34
Ijoolleen Minaase'ee akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu
35
gosa Minaase'ee keessaa worri laakkayaman kuma saddomii lamaa fi dhibba lama turan.
36
Ijoolleen Biiniyaamii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
37
gofti Biiniyaamii worri laakkayaman kuma soddomii shanii fi dhibba afur turan.
38
Ijoolleen Daanii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an, gosa Daanii keessaa worri laakkayaman maruu,
39
kuma jahaatamii lamaa fi dhibba torba.
40
Ijoolleen Aseerii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii, worri duula dhaquu danda'an maruu;
41
gosa Aseerii worri laakkayaman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan turan.
42
Ijoolleen Niftaalemii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu;
43
gosa Niftaalemii keessaa worri laakkayaman kuma shantamii sadihii fi dhibba afur turan.
44
Worri Muusee, Aaroonii fi bulchoonni gosa Israa'elii kudha lamman laakkayan kanniin; marti isaaniituu mana abboota ufiititti bulchoota turan.
45
Ijoolleen Israa'elii worri laakkayaman maruu akka manniin abboota isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu,
46
worri laakkayaman kuma dhibba jahaaf sadihii fi dhibba shanii fi shantama turan.
47
Worri Leewwotaa ammo gosa abboota ufii woliin hin laakkayamne.
48
Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate,
49
«Gosa worra Leewwi'ii hin laakkayin; laakkobsa isaaniillee ijoollee Israa'eliititti hin makin.
50
Garuu worra Leewwotaa meeshaa hulee bulti'ii hulee saanduuqa raga'aa waan ijoollee Israa'eliitiif ta'u maraa afoo isaanii dhaabi; worri Leewwotaa hulee bulti'iitiif meeshaa maraa haa baadhatanii; haa tajaajilanii; naannaya daasee wol gayi'iititti haa quphatanii.
51
Hennaa daasee wol gayi'ii kaasan worri Leewwotaa haa buqqisanii; hennaa daasee wol gayi'ii dhaaban worri Leewwotaa haa dhaabanii; yoo namni biraa itti dhiyaate haa ajjeefamuu.
52
Ijoolleen Israa'elii maruu naannaya isaaniititti, malkata adda isaan godhu harkatti qabatanii duula isaanii woliin haa quphatanii.
53
Ijoollee Israa'elii irratti balaan akka hin dhufne, worri Leewwotaa naannaya saanduuqa raga'aa ka hulee bulti'ii jiru marsanii haa eeganii» jedheen.
54
Kanaaf Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje waan maraa godhan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36