bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 35
Numbers 35
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 36 →
1
Rabbi Muusee galaana Yoordaanosiin bira raasaa Moo'aabii keessatti kolba Iyyaariko'ootitti akkana jedhee itti dubbate,
2
«Qachaa worrii Leewwotaa keessa jiraatan lafa isaanii irraa akka kennan ijoollee Israa'elii ajaji; hulee horii itti bobbaafatan ka naannaya qachaa sanii worra Leewwotaatii kennaa'a.
3
Isaanillee qachaa keessa haa jiraatanii; waan qaban, loowwanii fi horii ufii maraa itti haa bobbaafatanii.
4
Huleen isin worra Leewwotaatiif kennitan naannaya qacha'aatiin ala ciqilee kudha tokkoo haa ta'uu.
5
Qacha'aan ala gara baya biiftu'uutiin ciqilee kuma lamaa, gara cinaa bita'aatiin ciqilee kuma lamaa, gara cinaa dhiyaatiin ciqilee kuma lamaa kennitaniif; qachaan isaanii kennitan sun hulee isaan horii itti bobbaafatan taati.
6
Qachoonni worra Leewwotaatii kennitan jahanuu hulee itti baqatan; isaan hulee worri lubbuu ajjeesan akka itti dhokataniif kennitaniif; kanniiniin alatti qachoota afurtamii lamaa edaatanii kennitaniif.
7
Qachoonni isin worra Leewwotaatii kennitan qachoota afurtamii saddeetii ta'an; hulee itti bobbaafatan woliin isaanii kennitan.
8
Qachoonni lafa ijoollee Israa'elii irraa fuutanii worra Leewwotaatii kennitan worra hedduu irraa heddu fuudhaa'a; worra hagoo irraa hagoma isaan irraa fuudha'aatii isaanii kennaa'a; namni maruu haguma lafa ufiititti qachoota ufii worra Leewwotaatii kennaa'a»
9
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
10
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; laga Yoordaanosii ceetanii hennaa biyya Kana'aanii galtan,
11
isin keessaa namni tokko yoo dunnuu nama ajjeese hulee itti dhokatu akka isaanii ta'u ufiif qachoota fooyadhaa'a.
12
Firri namni sun jalaa du'e akka haluu isa hin baane inni achitti dhokata; namni yakka ajjecha'aatiin himatame uduu gara murti'ii hin dhufne hin du'u.
13
Qachaan itti baqattan qachoota jahaa isinii haa ta'uu;
14
Yoordaanosiin gamatti qachoota sadihii filtan; biyya Kana'aaniititti qachoota sadihii kennitan; qachoota isin itti baqattan isinii ta'a.
15
Qachoonni jahan kunniin ijoollee Israa'eliitiif keessummaanii fi worri isaanitti galee jiraatu keessummaan isaanii yoo dunnuu nama ajjeesan qachoota baqatanii itti galan.
16
«Namni yoo sibiilaan dhayee nama ajjeese lubbuu saniif hin gaafatama; ka lubbuu ajjeesellee sirima haa ajjeefamuu.
17
Namni yoo dhaga'aan nama dhaye ka dhaga'aan dhayame sun yoo du'e namni dhagaan dhaye sun yakka ufiitiif hin adabama; ka nama ajjeese sun haa ajjeefamuu.
18
Namni yoo mukaan nama dhayee namni dhayan sun yoo du'e ka nama san dhayee ajjeesellee haa ajjeefamuu.
19
Firri namni sun jalaa du'e nama mukaan dhayee ajjeese san haa ajjeesuu.
20
«Namni tokko nama biraa waan jibbeef darbee yoo isa kuffise yookaan yoo waan biraatiin darbate yookaan yoo tontoommo'oon dhayee isa ajjeese,
21
waan yakka ajjeecha'aa raawwateef innillee haa ajjeefamuu; firri isaa bakkuma isa argetti isa haa ajjeesuu.
22
«Garuu namni tokko uduu nama tokko hin jibbine dunnuu yoo isa kuffise, uduu waa isatti hin darbanne yoo inni waa irratti kufe,
23
Yookaan uduu isa hin argine dhaga'aan dhayee yoo ajjeese diina isatti ta'uu yoo hin feene,
24
baniin nama dhayee ajjeese saniif fira namni sun jalaa du'e jidduu seenee murtii dhuga'aa kennee,
25
nama nama ajjeese san du'a oolcha; baniin maruu gara qachaa inni itti baqatee sanitti deebisanii gadichi muudame sun haga du'utti achuma taa'a.
26
Namni nama ajjeese sun ammo qachaa itti dheesse san daangaa isi'iitii yoo baye firri nama du'ee sun daangaa,
27
qacha'aatiin alatti yoo isa argee nama nama isa jalaa ajjeese san yoo ajjeese gumaa isatti hin ta'u.
28
Gadichi guddaan haga du'uuf qachaa itti baqatan san keessaa bawuu hin barbaachisu, gadichi guddaan haga du'een maayessa garuu namni dhiigaa sun gara lafa ufii deebi'a.
29
Worri kunniin maruu daasee wol gayi'ii keessan keessatti seeraan murtii ilmaan ilmaan teessanii isinii haa ta'uu.
30
Namni dhiigaa maruu raga'aan ajjeefama; ragaa nama tokkootiin hin du'u.
31
Namni dhiigaa maruu du'aan adabama; nama dhiigaa san oolchu'uuf horii irraa hin fudhatinaa'a; namni nama ajjeese sirima haa du'uu.
32
Gadichi guddaan uduu hin du'in gara lafa ufii deebi'u'uuf gara qachaa itti dhokatee sanillee yoo dheesse gatii dhiigaa irraa hin fuudhinaa'a.
33
Dhiigaan waan lafa balleessuuf lafa teessan hin batteessinaa'a; dhiiga nama nama ajjeesee yoo jissan malee lafti hin qulqullooftu.
34
Ani Rabbi ijoollee Israa'elii jidduu waan jiruuf lafa ani isaan woliin irra jiraadhu hin batteessinaa'a»
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 36 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36