bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 23
Numbers 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 24 →
1
Bala'aam Baalaaqiin, «Hulee ciincaa itti ciincessan torba naa ijaarii jiboolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba naa qopheessi» jedheen.
2
Baalaaqillee akkuma Bala'aam isaan jedhe godhe; Baalaaqii fi Bala'aam hulee ciinca'aa irratti jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincessan.
3
Kanaan maayessa Bala'aam Baalaaqiin, «Ati hulee ciinca'aa kana biratti na eegi; ani deemee maal laataa waan Rabbi natti hime deebi'ee sitti himaa» jedheenii gara gooddaa ol baye.
4
Rabbillee gara Bala'aamii dhufe; Bala'aam Rabbiin, «Hulee ciinca'aa torba qopheessee maraa irrattuu jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincaa dhiyeesse» jedheen.
5
Rabbi jecha Bala'aam dubbachuu isa barbaachisu haga isatti kenneen maayessa garas deebi'ee akka deemu itti hime.
6
Innillee gara isaa deebi'e; yoo achi deebi'u inninii fi bulchoonni worra Moo'aabii maruu ciincaa ciincawu bira dhaabataniiran.
7
Bala'aam akkana jedhee raage, «Mootiin worra Moo'aabii Baalaaq Sooriyaa gara gaarran baya biiftu'uu jiranii na fide. innillee, ‹Koottuu raaga dubbadhuutii banii Israa'elii balleessi; isaan akka badaniif naa abaari› naan jedhe.
8
Ka Rabbi hin abaarre ani attamitti abaara? Ka Rabbi hin jibbine ani attamitti jibba?
9
Ani isaan hulee ol fagaatu irra dhaabadhee arga'aara; gaara irra dhaabadhee isaan laala'aara; isaan banii ufumaan uf bulchu; isaan banii biraa irraa akka adda ta'an uf beekan.
10
Hortee Yaaqoobii eentu laakkayee danda'a? kurmaana isaanii eentu laakkawuu danda'a? du'a qajeellotaa ani haa du'uu; dhumti tiyyallee akkuma isaanii haa taatuu» jedheen.
11
Baalaaq Bala'aamiin, «Maaf akkana na goote? diina kiyya haa naa abaartu'uuf si waame; ati garuu isaan eebbifte» jedheen.
12
Innillee deebisee, «Ani waan Rabbi afaan kiyya keessa kaaye dubbachu'uuf dhugamaan uf hin eeguu?» jedheen.
13
Baalaaqillee, «Yabo'oo achi dhaabattee daangama isaanii callaa laaltaa na woliin koottu; mara garuu hin argitu; achumaa isaan naa abaari» jedheen.
14
Gara raasaa Tsoofinii gara qaccee gaara piisga'aa fideenii hulee ciinca'aa san irratti jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko dhiyeesse.
15
Bala'aam Baalaaqiin, «Ani achi deemee Rabbiin woliin akka dubbadhu ati hulema ciinca'aa kana biratti na eegi» jedheen.
16
Rabbi Bala'aamitti dhufee jecha afaan kaayeenii gara Baalaaqii deebi'iitii akkana jedhiin jedheen.
17
Yoo inni gara isaa deebi'u Baalaaq bulchoota worra Moo'aabii woliin hulee ciinca'aa bira dhaabatanii turan; Baalaaq Bala'aamiin, «Wonti Rabbi sitti dubbate maali'i?» jedheen.
18
Bala'aam akkana jedhee Baalaaqitti raage; «Baalaaq ka'ii na dhagayi ilma Seefoorii na dhagayi;
19
Rabbi akka namaa hin sobu; akka namaa yaada ufii hin jijjiiratu; inni waan ufii jedhe hin godhuu? waan ufii jedhe hin raawwatuu?
20
Ani isaan eebbisu'uuf ajaja Rabbiin irraa fudheera; Inni waan isaan eebbiseef ani deebisuu hin danda'u.
21
Inni Yaaqoobiin irratti waan badaa hin argine; Israa'eliin irrattillee daba hin argine; Rabbi Waandhi isaa isa woliin jira; Rabbi mootii isaanii akka ta'e hin himan.
22
Rabbi biyya Misiriitii isaan baaseera; inni akka gafarsaatitti isaanii lola.
23
Yaaqoobiin irratti mitni; Israa'eliin irratti mortuun hin hojjatu; waan Rabbi Yaaqoobii fi Israa'elii godhe laalaa'a!
24
Baniin Israa'elii akka leenca dhala'aatitti dhaabata; haga waan dhadhoole ajjeesee dhiiga dhugee foon isaa nyaatutti deebi'ee hin ciifneeti.
25
Kanaan maayessa Baalaaq Bala'aamiin, «Sirima isaan hin eebbisin; hin abaarinille'e» jedheen.
26
Bala'aam deebisee Baalaaqiin, «Waan Rabbi natti dubbate maraa hin dubbadha jedhee sitti hin himnee?» Jedheen.
27
Baalaaq Bala'aamiin «Koottu hulee biraa si fidaa maal laataa achitti akka ati isaan naa abaartu Rabbi hin jaalataa» jedheen.
28
Kanaaf Baalaaq Bala'aamiin gara raasaa Faagooriin gubba'aa mudhatuu fide.
29
Bala'aam Baalaaqiin, «Asitti hulee ciinca'aa torba naa ijaarii jiboolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba naa qopheessi» jedheen.
30
Baalaaq akkuma Bala'aam isaan jedhe godhe; jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko hulee ciinca'aa irratti dhiyeesse.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36