bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 31
Numbers 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 32 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Waan worri Miidiyaamii ijoollee Israa'elii yakkaniif ati ijoollee Israa'eeliitiif haluu bayi; achiin maayessa atillee hin duutaa»
3
Kanaafuu Muuseenillee bani'iin, «Waan worri Miidiyaamii Rabbitti ka'aniif isin keessaa namoonni lolaaf haa hiriiranii; worra Miidiyaamii haluu bayu'uuf haa deemanii;
4
gosa ijoollee Israa'elii maraa keessaa gosa gosaan namoota kuma tokkoo duula ergaa'a» jedhee isaanitti hime.
5
Worra Israa'elii keessaa gosa gosaan namoonni kuma kudha lamaa gosa gosaan namoota kuma tokkoo worra lolaaf hiriiran kennan.
6
Muuseen gosa maraa keessaa namoota kuma tokko tokko gara lolaa erge; isaanii fi Finihaasii ilma El'aazaarii gadichaallee gara lolaa erge; meeshaa mana woyyu'uutii fi xurumbaa afuufanillee itti kenne.
7
Akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan worra Miidiyaamiitiin lolanii dhiira maraa ajjeesan.
8
Worra du'an san woliin mootonni worra Miidiyaamii shanan Ewii, Roqom, Suur, Huurii fi Riibaan fa'allee hin du'an; ilma Bi'oorii Bala'aamiinillee guraade'een ajjeesan.
9
Ijoolleen Israa'elii dubartoota worra Miidiyaamiitii fi ijoollee isaanii maraa booji'anii horii isaaniitii fi waan isaan qaban maraa saaman;
10
Qachaa isaan keessa jiraatanii fi qe'ee isaan keessa jiraatan maraa ibiddaan guban.
11
Namaa fi horii isaanii waan booji'an maraa saamanii fudhatan.
12
Waan booji'anii fi namoota booji'an waan saamanii fudhatan maraa gara Muuse'ee gara gadicha El'aazaarii fi banii ijoollee Israa'elii laga Yoordaanosii biratti raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiruu biratti isaanitti fidan.
13
Muuseenii fi gadichi El'aazaar bulchoota bani'ii maraa argu'uuf gandaan ala gara raasa'aa bayan.
14
Muuseen bulchoota duulaa worra duulaa dacha'an worra loltuu kumaa ajajanii fi worra loltuu dhibbaa ajajanitti aaree dheekkame.
15
Muuseen, «Isin maaf dubartoota hambiftan? jedhee isaan gaafate,
16
kunoo kunniin sababaa Feegooriitii fi gorsa Bala'aamiitiin ijoollee Israa'elii irratti worra gufuu ta'anii Rabbiin yakkaniimii; kanaaf banii Rabbii irratti balaan dhufe.
17
Amma ijoollee isaanii dhiira maraa ajjeesaa'a; dubartii isaanii ta dhiira woliin seebartellee ajjeesaa'a.
18
Ijoollee durbaa ta hin heerumne garuu ufiif hambifadhaa'a.
19
Isin keessaa ka nama ajjeesee fi ka reeffa tuqe maruu haga guyyaa torbaa raasaa haa jiraatuu; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo dubartoota ufiif boojitan qulqulleessaa'a.
20
Uffata, ka gogaa irraa hojjatamee fi ka rifeensa re'e'ee irraa hojjatame maraa, ka muka irraa hojjatame maraa qulqulleessaa'a»
21
Gadichi El'aazaar namoota lolaa dacha'aniin, «Seerri Rabbi Muusee ajaje kana;
22
worqi'ii fi birrii sibiila diima'aa, qorqoorroo,
23
irsaasii'i, waan ibidda keessa lufuu danda'u maraa akka qulqullaawu ibidda keessa dabarsaa'a; achiin maayessa bisaan waan sanniin qulqulleessuun qulqulleessaa'a; waan ibidda hin dandeenne garuu bisaaniin qulqulleessitan.
24
Guyyaa torbeesso'oo uffata keessan miicadha'aatii qulqullaayaa'a; achiin maayessa gara gandaa dhiyaattanii» isaaniin jedhe.
25
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
26
Atii fi gadichi El'aazaar bulchoota abboota bani'ii woliin namaa fi horii booji'ame maraa laakkayaa'a.
27
Waan booji'ame kanniin bakka lamatti qooda'aatii worra gara tokkoo worra duula dhaqaniif, ka lammeesso'oo garuu worra duula hin dhandheef qoodaa'a.
28
Waan worra duula dhaqeef kennite sanniin keessaa namoota keessaallee, sangoota keessaa, harriin keessaa, tika hori'ii keessaa, dhibba shan keessaa harka tokko Rabbii gibira baasi;
29
Gayee isaanii keessaa fuudhii kennaa Rabbii godhii gadicha El'aazaarii kenni.
30
Gayee ijoollee Israa'elii keessaa namootaa sangoota keessaa, harriin keessaa, tika hori'ii keessaa, horii maraa keessaallee shantama keessaa harka tokko fuudhiitii Leewwota mana Rabbii keessatti tajaajilanii kenni» jedheen.
31
Muuseenii fi gadichi El'aazaar akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.
32
Namoonni hiriira yaa'an waan booji'anii fudhatan keessaa wonti hafe hoolota kuma dhibba jahaa fi torbaatamii shan;
33
Harriin kuma jahaatamii tokko, sangoonni kuma torbaatamii lama,
35
durbi hin heerumnellee namoota kuma soddomii lama.
36
worra duula dhaqeef gayeen isaanii qoodame hoolota keessaa hoolota kuma dhibba sadihii fi kuma soddomii torbaa fi dhibba shan;
37
hoolota keessaa wonti Rabbii kenname hoolota dhibba jahaa fi torbaatamii shan.
38
Sangoonni kuma soddomii jahaa fi dhibba shan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname sangoota torbaatamii lama.
39
Harriinillee kuma soddomaa fi dhibba shan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname harriin jahaatamii tokko.
40
Namoonnillee namoota kuma kudha jaha turan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname soddomii lama.
41
Kanaafuu akkuma Rabbi Muusee ajaje gibira kennaa Rabbiif ta'u gadicha El'aazaarii kenne.
42
Gayeen worra duulaaf hin yaaneef kenname gayee worra duula yaa'aniif kenname woliin wol qixa;
43
gayeen worra duula hin yaanee hoolota kuma dhibba sadihii fi kuma soddomii torbaa fi dhibba shan;
44
sangoonni kuma soddomii jaha;
45
harriin kuma soddomaa fi dhibba shan;
46
namoonni kuma kudha jahaa turan.
47
Muuseen gayee ijoollee Israa'elii sa'aa nama keessaa shantama keessaa tokko akkuma Rabbi Muusee ajaje Leewwota tajaajila mana bulti'ii eeganii kenne.
48
Kanaan maayessa worri worra loltootaa ajajanii fi bulchan gara Muuse'ee dhufanii,
49
«Nu'u garboonni tee worra duula dhaqan ka harka keenna jiru maraa laakkofneerra; nu jalaa tokkollee hin dhidhanne;
50
marti keennaa waan boojinee dhufne mi'a worqi'ii, bitoo lukaa, qubee harkaa, laakkaa, worqii gurraa, tabsee mormaa akka Rabbi nuu araaramuuf Rabbiif qabannee dhufneerra» jedhaniin.
51
Muuseenii fi gadichi El'aazaar worqi'ii fi mi'a waan gara garaatiin hojjatame maraa isaan harkaa fuudhan.
52
worqiin worri ajajjuun loltuu kumaatii fi worri ajajjuun loltuu dhibbaa Rabbii dhiyeessan saqilii kuma kudha jahaaf dhibba torbaa fi shantama ture.
53
Namoonni duula yaa'an maruu waan booji'an san ufumaa fudhatan.
54
Muuseenii fi gadichi El'aazaar worqii ajajoota loltuu kumaatii fi ajajoota loltuu dhibbaa irraa fuudhanii akka yaadannoo ijoollee Israa'eliitiif ta'u Rabbiin afoo gara daasee wol gayi'ii galchan.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36