bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 22
Numbers 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 23 →
1
Ijoolleen Israa'elii deemanii Iyyaarikoo afoo laga Yoordaanosiitiin gama lafa raasaa Moo'aabiititti quphatan.
2
Ilmi Seefoorii Baalaaq waan Israa'el Amoorota irratti godhan maraa arge;
3
baniin Israa'elii baay'ee waan ta'eef Moo'aab nayee guddisee sodaate.
4
Moo'aab jaarsota worra Miidiyaamiitiin, «Akkuma sangaan marga marge dheedee fixu duulli naannoo keenna jiru kun waan naannoo keenna jiru maraa fixa» jedhaniin; hennaa san ilmi Seefoorii Baalaaq mootii Moo'aabii ture;
5
hennaa san Baalaaq gara banii isaa naannoo lagaa faatura'atti Safareeru gara ilma Bi'oorii Bala'aamitti ergee, «Baniin tokko biyya Misiriitii dhufee as jira; kunoo baniin kun lafa guutee nu biratti quphateera;
6
baniin kun waan na caaluuf ani isaaniin loolee akka lafa kana irraa isaan ari'uu danda'u yabo'oo koottuu naa abaari; ka ati eebbifte hin eebbifama; ka ati abaarte akka abaaramu waan beekuuf» jedhee akka isa waaman namoota itti erge.
7
Kanaaf jaarsonni Moo'aabiitii fi jaarsonni Miidiyaamii gatii ittiin moru harkatti qabatanii gara Bala'aamii dhaqanii waan Baalaaq jedhe itti himan.
8
Innillee, «Adha galgala as bulaa'a waan Rabbi natti hime isinitti himaa» isaaniin jedhe; bulchooni worra Moo'aabiillee Bala'aamiin bira bulan.
9
Rabbi gara Bala'aamii dhufee, «Namoonni si bira jiran kunniin eennu fa'a?» jedhee gaafate.
10
Bala'aamillee Rabbiin, «Ilmi Seefoorii Baalaaq mootiin Moo'aabii ‹baniin biyya Misiriitii baye kunoo dhufee lafa guuteeraa koottuu maal laataa yoo ka woraanee isaan ari'uu danda'uu naa abaari jedhee› dhaamsa natti ergeera» jedheen.
12
Rabbi Bala'aamiin, «Isaan woliin hin deemin; baniin banii eebbifame waan ta'eef hin abaarin» jedheen.
13
Bala'aam obboroo lafaa ka'ee bulchoota Baalaaqiitiin, «Akka ani isin woliin deemu Rabbi waan hin feeneef gara biyya keessanii deemaa'a» isaaniin jedhe.
14
Bulchoonni worra Moo'aabii gara Baalaaqii deebi'anii «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaniin.
15
Baalaaq ammallee bulchoota biraa worra ka duraa sanniin caalanii fi sanniin irra kabajjaman gara Bala'aamii erge.
16
Isaanillee gara Bala'aamii dhaqanii, «Ilmi Seefoorii Baalaaq guddisee si kabajja waan ati jette maraa sii godhaa yabo'oo hin didinii gara kiyya koottuutii banii kana naa abaari siin jedhe jedhanii itti himan.
18
Bala'aam deebisee garboota Baalaaqiitiin, «Uduu Baalaaq birrii fi worqii mana isaa guute naa kennelle'e jecha Rabbii Waaqa kiyyaa waan guddo'oo fi diqqo'ottillee yakkuun naa hin danda'amu;
19
ammallee waan Rabbi natti himu laalaa yabo'oo edana na bira bulaa'a» isaaniin jedhe.
20
Rabbi halkaniin gara Bala'aamii dhufee, «Namoonni si waamu'uuf gara kee yoo dhufanii jiraatan ka'ii isaan woliin deemi; garuu waanuma ani sitti hime goota» jedheen.
21
Kanaaf Bala'aam bariisaa ka'ee harree ufii fe'atee bulchoota worra Moo'aabii woliin deeme.
22
Inni waan deemeef Rabbi isaan lole; maleekkaan Rabbii isa dhooggu'uuf karaa irra dhaabate; inni harrattii ufii yaabbatee garboota ufii lamaan woliin jiran.
23
Harrattiin isaa maleekkaa Rabbii ka guraadee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu argitee karaa irraa gortee qonna keessa seente; Bala'aam harrattii san kara'atti deebisu'uuf dhaye.
24
Maleekkaan Rabbii hulee muka kaloo dhaga'aan ijaaramee jidduu karaa keessa dhaabate.
25
Harrattiinillee maleekkaa Rabbii argitee gara kalo'oo siixxee hucuuccee luka Bala'aamii kalo'oon wolitti maxxansite; inni ammallee isii dhaye.
26
Maleekkaan Rabbii harrattii afo'oo achi siiqee hulee isaan lufuu hin dandeenne dhaqee dhaabate.
27
Harrattiin maleekkaa Rabbii argitee Bala'aamiin jala ciifte; Bala'aam ammo guddisee aaree harrattii tume.
28
Rabbi harrattii akka dubbattu godhee isiin Bala'aamiin «Ani maal si goonaan harka sadihii na dhoofte?» jetteen.
29
Bala'aamillee harratti'iin, «Waan natti taphatteef; uduu guraadee harkaa qabaadhee silaa si ajjeesa» jedheen.
30
Harrattiin Bala'aamiin, «Dur irraa haga adhaa na hin yaabbannee? Asiin dura ani akka adhaa kana si rakkisee beekaa?» jette. Innillee «Wa'a! akkana gootee hin beettu» jedheen.
31
Rabbi ija Bala'aamii banee maleekkaan Rabbii guraadee harkatti qabatee ka karaa irra dhaabatu argee kallachaan kufee sagadeef.
32
Maleekkaan Rabbii, «Maaf harka sadihii harree tee dhoofte? Deemsi kee na afo'otti waan badaa ta'eef si dhooggu'uuf baye;
33
Harrattiin na argitee harka sadihii na jalaa gorte; uduu isiin na jalaa achi siiquu baattee ani dhugamaan silaa si ajjeesee isii hambisa» jedheen.
34
Bala'aam maleekkaa Rabbiitiin, «Ani hin yakke; akka ati na afoo karaa irra dhaabatte hin beenne; kanaafuu amma deemsa deema'aaru kana yoo hin barbaanne uf irra deebi'a» jedheen.
35
Maleekkaan Rabbii Bala'aamiin, «Ati namoota woliin deemi; garuu waan ani sitti himu callaa dubbatta» jedheen; Bala'aamillee bulchoota Baalaaqii woliin deeme.
36
Baalaaq akka Bala'aam dhufe haga dhagaye gara qachaa Moo'aabii ta daangaa Arnoonii jirtuu isa simachu'uuf dhaqe.
37
Baalaaq Bala'aamiin, «Ani akka ati dhuftuuf nama sitti hin erginee? Maaf gara kiyya hin dhufne? Ani dhugamaan si kabajjuu hin danda'uu?» jedheen.
38
Bala'aam Baalaaqiin, «Ani kunoo gara kee dhufeeraa waa dubbachuu danda'aa? Dubbii Rabbii ka Rabbi afaan na kaaye dubbadha» jedheen.
39
Kanaaf Baalaaq Bala'aamiin woliin deemee gara Qiriyaatii fi Haaxootii dhufan.
40
Baalaaq sangootaa fi hoolota qalee gara Bala'aamiitii fi worra bulchootaa ka isa woliin jiranii erge.
41
Haga lafti bariite Baalaaq Bala'aamiin qabatee gara gaara ba'aalii ka itti sagadanii fide; achi irra dhaabatee banii qacce'ee haga qacce'ee laale.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36