bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 21
Numbers 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 22 →
1
Mootiin Aaraad ka biyya Kana'aanii ka gara bita'aatiin quphate karaa Ataarimiitiin worri Israa'elii akka dhufan dhagayee worra Israa'eliititti duulee isaan keessaa namoota hagoo booji'e.
2
Hennaa san worri Israa'elii Rabbiin, «Yoo kanniin dabarsitee harka keennatti nuu kennite qachaa isaanii maraa hin balleessina» jedhanii silatii qabatan.
3
Rabbillee laagaa Israa'elii dhagayee worra Kana'aanii dabarsee isaanii kenne; isaanii fi qachaa isaanii maraa sirima balleessanii maqaa hulee sanii «Heermaa » jedhanii itti baasan.
4
Biyya Edomiyaasii gaara Hooriitii ka'anii hennaa deeman, karaa galaana diima'aa biraan deeman; baniin waan karaa dheeraa deemanii guddisanii dadhabaniif abdii kutatan.
5
Baniin Rabbii fi Muuse'een, «Biyya gammoojji'ii kana keessatti haa duunu'uuf maaf nu baaftan? Bisaanii fi wonti nyaatanillee hin jiru; dhiyana hin fayyanne kana nyaachuu nafti keenna balfeera!» jedhanii gururi'an.
6
Kanaan maayessa Rabbi banii irratti bofa hadhaa qabu isaanitti gad dhiise bofnillee banii baay'ee iddee banii Israa'elii keessaa namoonni baay'een dhuman.
7
Baniin gara Muuse'ee dhufanii, «Waan si'ii fi Rabbitti dubbanneef yakkineerra; akka Rabbi bofa nu irraa fageessu Rabbiin nuu kadhadhu» jedhaniin.
8
Muuseenillee bani'ii Rabbiin kadhate; Rabbi Muuse'een «Bofa sibiila diimaa irraa hojjadhuutii ija isaanii afo'otti muka irratti fannisi; namni bofni idde maruu yoo bofa ati fannifte kana laalu hin du'u; lubbu'uun jiraata» jedheen.
9
Muuseen bofa sibiila diimaa irraa hojjatee kolba baniin jiruun muka irratti fannise; namni bofni idde maruu bofa sibiila irraa hojjatame kana yoo laalu hin fayye.
10
Ijoolleen Israa'eliillee deemanii Abootitti quphatan;
11
Abootii ka'anii lafa gammoojjii baya biiftu'uu ta Moo'aabiin afo'oo ta «Iyya'abaar» jedhamtutti quphatan.
12
Achiillee ka'anii deemanii dhooqa Zaareediititti quphatan.
13
Achiillee ka'anii gammoojjii daangaa Amoorotaa keessaan Arnooniin gamatti quphatan; Aarnoon daangaa worra Moo'aabiitii fi worra Amoorotaa waan ta'eef.
14
Kanaaf kitaaba wonti lola Rabbii keessatti barreeffame keessatti akkana jedhan «Waaheebii naannoo dhooqa Suufaa keessaa Aarnoonii lafa gaaraatii fi lafa dhooqaa,
15
qachaa Eeriitii haga daangaa Moo'aabii dheeratu» jedhanii maqaa itti baasan.
16
Achiin maayessa gara boolla bisaan Bi'eerii deeman; Bi'eeriin kun boolla bisaanii ka Rabbi Muusee «Boolla kana biratti banii wolitti qabi; ani bisaan isinii kennaa» jedhee itti dubbate.
17
Hennaa san worri Israa'elii faaruu kana faarfatan; «Ati burqaa nana burqi; isin faarfadha'aaf;
18
Worri burqaa bisaanii qotan, bulchoota abbootaatii fi bulchoota bani'iiti; wonti isaan burqaa kana qotaniinillee ulee bulchiinsa mootummaa isaaniitii fi ulee isaaniitiin.» Lafa gammoojji'ii keessaan gara lafa Mateena'aa deeman;
19
Mateenaa irraa gara Nahaali'eelii, Nahaali'eeliin irraa gara Baamootii,
20
Baamootiin irraa gara mataa gaara fasgaa ka lafa gammoojjii irraa mudhatuu gara dhooqa gammoojjii Moo'aabii deeman.
21
Kanaan maayessa worri Israa'elii, «Biyya kee keessa lufnaa gara qonna keetii fi maasaa woyinii keetii hin seennu; bisaan keessan ka boollaa hin dhunnu; karaa ijoo qabannee deemna» jedhanii gara mootii biyya Amoorotaa gara seewoonii namoota ergan.
23
Seewoon worri Israa'elii lafa isaanii keessa akka hin lufne dhoogge; Seewoon banii maraa wolitti qabee worra Israa'eliitiin lolu'uuf gara gammoojji'ii yaa'aa'a; inni gara Siinii dhaqee worra Israa'eliitiin lole.
24
Worri Israa'elii guraade'een isaan fixanii biyya isaaniillee Aarnoonii haga laga Yaabooqii ijoolleen Amoonii irra jirtuutitti lafa isaanii dhaalan; lafti ijoolleen Amoonii irra jirtu ammo sirri'itti waan eeggamuuf achi seenuu hin dandeenne.
25
Worri Israa'elii qachaa sanniin maraa fudhatanii qachaa worra Amoorotaa maraa Haseboonii fi ganda isaanii maraa irra jiraatan;
26
Haseboon qachaa Seewoonii mootii worra Amoorotaatitti mootichi kun mootii duraa mootii Moo'aabiitiin lolee haga lafa Aarnoonii lafa isaanii maraa fudhatee ture.
27
Kanaaf akkana jedhee mammaakaan dubbate, «Gara Haseboonii koottaa'a! qachaan tun haa ijaaramtuu! qachaan Haseboonii haa hundeeffamtuu;
28
Hasebooniin keessaa ibiddi, arrabni ibiddaa qachaa Seewoonii keessaa bayee; bulchoota gaara Moo'aabii, Eerii gaara Aarnoonii fixe.
29
Moo'aab si hobbaasi! si hobbaasi! banii Kaamoosii baddan! ijoollee tee ta dhiiraa baqaaf, ijoollee tee ta intalaa ammo booju'uuf mootiin worra Amoorotaa Seewooniif kenne.
30
Nu'u Haseboonii haga Deeboonii isaan balleessine; Noofaallee haga gayanitti isaan barbadeessine.»
31
Israa'el ammo biyya Amoorotaa keessa taa'an;
32
Muuseen worra gaadan gara Iyyaazeerii ergee Amoorota achi keessa jiran ari'anii ganda san maraa fudhatan.
33
Achiin maayessa uduu isaan karaa Baasaaniitiin deebi'aaran mootiin Baasaanii Aagi isaaniin lolu'uuf banii maraa woliin karaa Eediraayiitiin gara isaanii baye.
34
Rabbi Muuse'een, «Isaa fi banii maraa lafa sanillee sii kenneeraa isa hin sodaatin; Akkuma mootii Amoorotaa ka biyya Haseboonii jiraatu Seewooniin irratti goote akkasuma kana irrattillee hin gootaa» jedheen.
35
Isaa fi ijoollee isaa, banii maraa namni tokkollee uduu hin hafne lafa irraa fixanii lafa isaanii dhaalan.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36