bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 18
Numbers 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 19 →
1
Rabbi Aarooniin akkana jedhe, «Ati ijoolleen teetii fi horteen mana abboota teetii si woliin mana woyyuu ka hujiin keessatti raawwatamu isintu itti gaafatama; waan cubbu'uutiif ammo si'ii fi ijoollee teetitu itti gaafatama.
2
Akkasuma obboleewwan gosa Leewwi'ii ta abboota keetii dhiyeessi; si woliin ta'anii sii haa hojjatanii; ati ammo ijoollee tee woliin daasee raga'aa afoo taatan.
3
Isaan ajaja keetii fi hujii daasee wol gayi'ii maraa haa eeganii; garuu isaan akka hin duune; isinillee akka isaan woliin hin duune, isaan gara mi'a mana woyyu'uutii fi gara hulee ciinca'aa akka hin dhiyaanne.
4
Isaan garuu isinuma woliin haa jiraatanii; hujii daasee wol gayi'ii maraa haa eeganii; namni biraa gara keessan akka hin dhiyaanne.
5
Ammallee lolli ijoollee Israa'elii irratti akka hin dhufne isin mana woyyu'uu fi hulee ciinca'aa eegaa'a.
6
Ani kunoo obboleeyyan teessan worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii jiddu'uu fudhadheeraa isaan hujii daasee wol gayi'ii keessatti akka hojjataniif isaan kennaa Rabbi isinii kenne.
7
Garuu atii fi ijoolleen teellee hujii hulee ciinca'aa irratti hojjatamu maraa waan golga keessatti hojjatamu akka raawattan gadummaa keessan eega'aa hojjadhaa'a; gadummaan kennaa huji'iif isinii kenne; namni biraa ka gadaa hin taane yoo dhiyaate hin du'a» jedheen.
8
Kanaan maayessa Rabbi Aarooniin, «Kunoo kennaa ijoolleen Israa'elii anaaf adda baasan maraa sii kenneera; waan muudamuu keetiitii fi ijoollee teetii seera baraa hagaa bara baraa isinii ta'u isinii kenneera.
9
Wonti ibidda irratti dhiyaatu ka woyyoome kee ta'a; kennaan isaan naa dhiyeessan kennaa midhaanii ka ciincaa waan cubbu'uutiif ciincessan; ciincaan waan yakkaatiif ciincessan maruu si'ii fi ijoollee teetiifillee ka woyyoome ta'a.
10
Hulee woyyu'utti nyaadhu; dhiirti maruu haa nyaatanii; woyyuu sii ta'aa.
11
«Kennaan kunillee keeti; kennaan kunniin kennaa kee kennaa ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaatii baraa haga bara baraa kenneera. Namni mana keetii ka woyyuu ta'e maruu haa nyaatuu.
12
«Daraaraan Rabbiif kennamu ka duraa dhadhaa'a; woyinii irraa, kennaa midhaanii keessaallee ka filatame maraa sii kenneera.
13
Daraaraan lafaa ka isaan Rabbii fidan daraaraan duraa kee ta'a; namni kee ka woyyuu ta'e maruu haa nyaatuu.
14
«Wonti Israa'eliin keessatti anaaf fooyame maruu kee ta'a.
15
Nama yookaan horiillee yoo ta'e waan Rabbii dhiyeessan maraa keessaa wonti hangafa dhalatu maruu kee ta'a; garuu nama hangafa dhalate hin furta; busaawaa hin woyyoomne ka hangafa dhalatellee hin furta.
16
Nama dhalatee ji'a tokkoo olii akkuma ufii bikkitetti furtaan; bikkillee akka bikka mana woyyuu Rabbiititti geeraa diddamaa saqilii shanii isaanii kaffalamee isaan furuu hin danda'an.
17
Garuu ka horiin dura dhale yookaan ka hoolaan dura dhalte yookaan ka re'een dura dhalte woyyuu waan ta'aniif hin furtu; dhiiga isaanii hulee ciinca'aa irratti facaafta; cooma isaaniillee akka ciincaa urgaayaa Rabbii ta'u ibidda irratti ciincessita; foon isaanii ammo kee ta'a.
18
Handaraafni sochoofamu, irreen harka mirgaallee kee ta'a.
19
«Wonti ijoolleen Israa'elii waan woyyoome fuutee Rabbii dhiyeessitu maruu si'ii fi worra si woliin jiru, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaatii gayee baraa haga bara baraa isinii kenneera; kunillee waadaa ani sii fi fiixaa kee maraaf galu; waadaa sooqiddaa ka baraa haga bara baraa hin diiggamne» jedheen.
20
Rabbi Aarooniin akkana jedhe, «Ati lafa isaanii keessatti ristii hin argattu; ristiin keetii fi gayeen kee ana.
21
«Ijoollee Leewwi'iitiifillee isaan waan daasee wol gayi'ii keessatti hojjataniif kurneessoo ijoolleen Israa'elii kennitu akka risti'iititti isaanii kenneera.
22
Ammaa achi ijoolleen Israa'elii cubbu'uun akka hin duune gara daasee wol gayi'ii akka hin dhiyaanne.
23
Worri Leewwotaa ammo daasee wol gayi'ii keessatti haa hojjatanii; isaan cubbuu kaawwanii baadhachuun isaanii ka baraa haga bara baraa ta'a; isaan ijoollee Israa'elii keessatti ristii hin argatan.
24
Kennaa ijoolleen Israa'elii Rabbii kennitu kurneessoo; worra Leewwotaatiif ristii godhee kenneera; kanaaf isaan ijoollee Israa'elii jiddu'utti ristii dhaalaa hin argatan» jedhe.
25
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
26
«Leewwotatti akkana jedhii himi; ‹Kennaa ijoolleen Israa'elii isinii kennite hennaa fudhattan kennaa ciinca'aatii fi kurneessoo argattan san keessaa isinillee kurneessoo baaftan.
27
Kennaan isin dhiyeessitanillee akka kennaa namni tokko midhaanii fi oobdii keessaa cuunfaa woyini'ii kennuutitti isinii laakkayama.
28
Akkasuma isinillee kurneessoo ijoollee Israa'elii irraa argattan maraa irraa Rabbii kennitan kennaa dhiyeessitan san gadicha Aaroonii kennitan.
29
Kennaa filatamee fi woyyoome ka argattan san maraa Rabbii kennitan.
30
Kanaafuu akkana isaaniin jetta, hennaa ka filatame san Rabbii kennu'uuf dhiyeessitan akka sanyii midhaan oobdi'iitii fi akka cuunfaa woyini'iititti worra Leewwotaatii laakkayama.
31
Isinii fi maatiin keessanillee waan gatii hujii keessan ka daasee keessatti tajaajiltan ta'eef hulee marattuu hin nyaattan.
32
Waan filatamaa haga Rabbii dhiyeessitaniin maayessa ka hafe yoo nyaattan cubbuu isinitti hin ta'u; garuu waan filatame uduu Rabbii irraa hin kennine waan ijoollee Israa'elii ka woyyoome hin batteessinaa'a› » jedhe.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36