bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 24
Numbers 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 25 →
1
Bala'aamillee akka Rabbi Israa'eliin eebbisuu barbaadu haga arge mita duraan hojjatu san soqu'uuf hin deemne; garuu gara lafa gammoojji'ii deebi'e.
2
Bala'aam ol jedhee yoo laalu worri Israa'elii akka gosa gosaan taa'eeru arge; Hafuurri Rabbiillee waan isatti dhufeef,
3
akkana jedhee Bala'aam Baalaaqitti mammaake, «Ilmi Bi'oorii Bala'aam, ka ijji isaa banamteef akkana jedha.
4
Ka dubbii Rabbii dhagawu, ka mudhata Rabbii waan maraa danda'uu argu ka Rabbiin afo'otti kufee ijji isaa banamteef akkana jedha.
5
Yaaqoobii kiyya! daaseewwan kee, Israa'elii kiyya bakkeewwan bulti'ii kee akkam bareedan?
6
Isaan akka dhooqa diriiranii akka biqiltuu daangaa lagaa, akka muka qumbi'ii akka birbirsa afaan lagaatitti babadhateera.
7
Waabaawwan isaanii keessaa bisaan jiga; sanyiin isaanii hennaa maraa rooba hin dhabu; mootiin isaaniillee Agaagiin caala; mootummaan isaaniillee kabajjama'a.
8
Rabbi biyya Misiriitii isa baase; Rabbi akka gafarsaatitti isaanii lola; banii isaaniin lolullee dhayee lafee isaanii caccabsa; woraana ufiitiin isaan woraana.
9
Baniin kun akka leenca korma'aatii fi akka leenca dhala'aa ripheera; eentu uggee isa kaasa? ka si eebbisu maruu haa eebbifamu; ka si abaaru maruu ka abaarame haa ta'u»
10
Baalaaq Bala'aamitti guddisee aaree harka itti dhadhayatee akka ati diina kiyya abaartuuf si waame ati garuu hennaa sadihii isaan eebbifte;
11
Kanaafuu gara hulee dhuftee deebi'i; ani si kabajjuu fedhee ture; Rabbi ammo ulfinna si dhooggate» jedheen.
12
Bala'aam Baalaaqiin «Uduu Baalaaq birri'ii fi worqii mana isaa guute naa kennelle'ee waan badaa yookaan waan mishaa godhu'uuf jecha Rabbii diiguu hin danda'u; ‹waan Rabbi dubbate san dubbadha› jedhee worra natti ergitetti hin himnee?» jedheen.
14
Dhuma irratti Bala'aam Baalaaqiin, «Ani ammo gara banii kiyyaa deema; koottu waan duranaa baniin kun banii kee irratti godhu sitti himaa» jedheen.
15
Akkana jedhee mammaaka itti mammaake; «Ilmi Bi'oorii Bala'aam, ka ijji isaa banamteef akkana jedhe.
16
Ka dubbii Rabbii dhagawu ka Rabbii beekumsaan waa maraa ol ta'e beeku ka mudhata Rabbii waa maraa danda'uu argu ka Rabbiin afo'otti kufee ijji isaa banamteef akkana jedha.
17
Arga'aara garuu ammaa miti; laala'aara garuu dhiyo'oo miti; Yaaqoobiin keessaan bakkalchatu baya; Israa'eliin keessaa ulee mootumma'aatitu baya; daangaa worra Moo'aabii, hortee worra Seeti'ii maraa hin balleessa.
18
Edomiyaasiin mooyatee ka ufii godhata; diinni isaa Seeyirillee ka isaa ta'a; Israa'elillee akkuma mooyatetti jiraata.
19
Ka Yaaqoobiin keessaa bawu bulchaa isaanii ta'a; worra qachaa isaanii irraa hafan garuu hin balleessa.
20
Kanaan maayessa Bala'aam worra Amaaleqii argee akkana jedhee itti raage; «Worri Amaaleqii bulchaa worra ormaa ture; garuu dhumti isaanii hin bada.
21
Worra Qeenaawotaallee argee akkana jedhee isaanitti raage «Huleen bultii'ii kee ka jabaatee eeggamu; manni keellee hulee ol fagaatu irratti ijaarameera.
22
Garuu isin worri Qeenotaa hennaa Asoor isin mooyate hin diiggamtan.
23
Dhuma irratti Bala'aam akkana jedhee raage; ‹Hennaa Rabbi waan kana godhu hayi! eentu lubbu'uun jiraata?› «Markaboonni daangaa kitimiitii dhufanii worra Asoorii dhiphisan.
24
Worra Eebooriillee hin dhiphisan; innillee akkasuma gara badi'ii dhufa.
25
Bala'aam ka'ee gara hulee dhufeetitti deeme; Baalaaqillee hin lixe.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36