bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 15
Numbers 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 16 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Hennaa gara biyya ani isinii kennuu galtan,
3
fedha keessaniin woreega kennu'uuf waadaa galtan yookaan hennaa ayyaana ayyaanteffattan, ciincaa urgaayaa Rabbii dhiyeessu'uuf sangaa, yookaan hoolota keessaa ciincaa ciincawuuf, yookaan kennaa ibiddaan ciincawu,
4
namni Rabbii dhiyeessu ciincaa dhiyaatu sanniiniif yookaan ciincaa biraatiifillee korbeessa hoola'aa ka ciinca'aaf dhiyaatu, dhadhaa ejersaa ka sukkuumame ka liitirii tokkoo, daakuu mishaa kiiloo tokkoo woliin, daadhii woyini'ii liitirii tokko kennaa midhaanii woliin haa fiduu.
6
Ciincaa korbeessa hoolaa tokko akka ciincaa mishaa urgaayaa Rabbiif ta'u dhadhaa ejersaa liitirii tokkoo ka sukkuumame daakuu kiiloo lamaa daadhii woyini'ii liitirii tokkoo fi wodhakka'aa kennaa midhaanii woliin fidda.
8
Ciincaa ciincawuuf yookaan ciincaa biraatiif yookaan woreega kennu'uuf waadaa galtan yookaan ciincaa fayyumma'aatiif yoo jibicha Rabbii qopheessite jibicha woliin
9
kennaa midhaanii wodhakkaa ka dhadha'aan sukkuumame daakuu mishaa iinii wodhakkaa kudhan keessaa ganaa sadihii Rabbii dhiyeessa.
10
Kennaan kunillee daadhii woyini'ii liitirii lamaa woliin dhiyaata; ciincaan ibiddaan dhiyaatu kunillee ka urgaan isaa Rabbiin gammachiisu ta'a.
11
«Ciincaa jibichaa maraafuu yookaan korbeeyyii hoola'aatii fi yookaan korbeettii re'e'eetiifillee akkasuma godhaa'a.
12
Akkuma laakkobsa waan ciinca'aa qopheessitaniititti akkasuma maraafuu gootan.
13
Namni biyyaa maruu hennaa kennaa ciincaa urgaayaa Rabbii dhiyeessu, innillee akkasuma godha.
14
Namni isinitti gale ka isin woliin jiraatu yookaan fiixaa keessan keessaa eennullee yoo isin woliin jiraate kennaa mishaa urgaayaa Rabbiif ta'u yoo dhiyeessu woma isin gootan innillee godha.
15
Isin nama biyyaatii fi nama isinitti galeellee tokkoma.
16
Seerri kun baraa haga bara baraa seera ilmaan ilmaan teessanii ta'a; isinii fi worra isinitti galeellee, nama isin keessa taa'uufillee seerrinii fi murtiin tokkoma» jedheen.
17
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
18
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara lafa ani isinii kennee galtan,
19
hennaa midhaan biyya sanii galfattanii nyaattan seera waan nyaattan irraa fuutanii Rabbii dhiyeessitanii ayyaanteffattan.
20
Wonti dura ciincaa dhiyeessitan, bukoo bukeeffattan keessaa bixilee tokko kennaa Rabbii ta'u dhiyeessitan midhaan obdi'ii keessaallee kennaa Rabbiif ta'u dhiyeessitan.
21
Bukoon bukeessitan ka duraa kennaa Rabbiif ta'u ilmaan ilmaan teessanii woliin Rabbii dhiyeessitan.
22
«Yoo dogoggortan ajaja Rabbi Muusee ajaje kanniin maraa yoo raawwachuu baattan;
23
guyyaa Rabbi Muusee ajaje irraa jalqabee duranaallee haga ilmaan ilmaan teessanii waan Rabbi Muusee ajaje maraa yoo raawwachuu baattan.
24
Uduu baniin hin beenne yoo dogoggoraan raawwatame baniin maruu ciincaa ciincawuuf kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii woliin akka ciincaa urgaayaa Rabbii ta'u jibicha tokkoo fi korbeessa re'e'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan.
25
Gadichillee ijoollee Israa'elii maraaf araara godha; waan dogoggora ta'eef hin araaramaaf; isaan waan dogoggora isaaniitiif ciincaa ibiddaan ciincawu waan Rabbii dhiyeessaniif; waan ciincaa cubbu'uutiif Rabbii dhiyeessaniiran.
26
Wollaalaan banii maraa birattuu waan raawwatameef ijoollee Israa'elii maraaf, worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu isaanii araarama.
27
«Namni tokko uduu hin beekin yoo cubbuu hojjate sababaa cubbu'uutiif goromtii re'e'ee ta woggaa tokkoo haa dhiyeessuu.
28
Nama cubbuu hojjatee hin beenne, ka amma uduu hin beenne cubbuu hojjatee gadichi Rabbiin wolitti araarsa; isaallee hin araaramaaf.
29
Horteen ijoollee Israa'elii worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu namni tokko uduu hin beekin yoo cubbuu hojjate seerri araaraa tokkoma.
30
«Nama biyyaa ta'ee'e nama isinitti galee isin keessa jiraatullee yoo ta'e namni isinitti galee isin keessa jiraatu tokko yoo uf jaju'uun cubbuu hojjate waan Rabbiin yakkeef namni sun banii jiddu'uu bayee haa baduu.
31
Namni sun dubbii Rabbii waan tuffateef ajaja isaallee waan diigeef inni sirima haa baduu; inni cubbama'a.»
32
Ijoolleen Israa'elii uduu lafa gammoojji'ii jiran, namni tokko Sambataan uduu qoraan guuru arganii
33
qabanii Muusee, Aaroonii fi gara banii maraa fidan.
34
Waan isa irratti godhan waan hin beenneef gara mana hidha'aa fidan.
35
Achiin maayessa Rabbi Muuse'een «Namicha ajjeesaa'a; akkasuma namicha qe'e'een ala baasanii namni maruu dhaga'aan dhayee haa ajjeesuu» jedheen.
36
Kanaaf baniin maruu akkuma Rabbi Muusee ajaje dhaga'aan tumanii ajjeesan.
37
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
38
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Isaaniif horteen isaanii maruu qaccee uffata isaanii irratti fooyaa jirbi'ii bulee akka handaara qaccee uffata isaanii maraa irratti godhatan isaan ajaji.
39
Ajaja Rabbii maraa akka yaadattanii fi akka isa hordoftan fedha onnee keessaniitiif waan ijaan argitan hordoftanii akka hin seebarre,
40
ajaja kiyya maraa akka yaadattanii fi akka raawwattan, Rabbii keessaniif woyyoota akka taatan, wonti isin handaara uffata keessanii irratti gootan sun akka mudhatu godhaa'a.
41
Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Misiriitii isin baase› » jedheen.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36